Itoophiyaatti baankiin dhala irraa bilisa ta'e 'Baankiin Zamzam' hojii eegle

Madda suuraa, Ustaaz Abuubakar Ahmad/FB
Baankiin dhala irraa bilisa ta'eefi hawaasa Muslimaa tajaajiluuf hundaa'e 'Baankiin Zamzam' hojii eegaluu Daarektarri Boordiifi hundeessitoota baankichaa keessaa tokko kan ta'an Dr. Idriis Mohammad BBC'tti himan.
Onkoloolessa darbe keessa eeyyama kan argate baankiin kun guyyaa har'aa bakka Pirezidantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Umar Idriis, Pirezidaantiin Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Dr Yinnaagar Dassee, Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shidee, akkasumas ulaamaa'onniifi qondaaltonni mootummaa kaan argamanitti eebbifamee hojii eegale.
Baankichi wayita hayyama hojii daldalaa argatu kaappitaala birrii miiliyoona 876 galmeesseeti kan jedhan Dr Idriis, guyyaa har'aa waajjirri muummee baankii kanaa magaalaa Finfinnee naannoo Walloo Safar jedhamutti maqaa Aliif jedhuun banameera jedhan.
Baankiin Islaamaa kana dhala irraa bilisa ta'e banamuunsaa walqixxummaan diinagdee amantiiwwan gidduutti uumamaa jiraachuusaaf agarsiistuu guddaa tokkodha jedhan Dr Idriis.
Gaaffilee mirgaa fi walqixxummaa yeroo dheeraaf hawaasi muslimaa gaafataa ture keessa kun isa ijoodha kan jedhan Dr Idriis, ''Kun hawaasa muslimaaf carraa guddaadha,'' jedhan.
''Gaaffileen dhimma sirna diinagdee fi baankiin(akka waliigalaatti dhaabbilee maallaqaa ) walqabatan waggoota dhibba caalaaf gaafatamaa turan. Garuu sirni bulchiinsaa darba dabarsaan dhufe xiyyeeffannaa hin kennineef. Aadaa fi duudhaa amantii keenyaa qabannee jaarmiyaalee diinagdee keessatti keessummeeffamaa hin turre. Kun ammoo biyyattii ni miidhe malee hin fayyadne,'' jechuun baankiin kun haga kana turuun akka irra hin turre dubbatu Dr Idriis.
''Waggoota kurna tokkoo oliif dhoksaan karaa foddaa kan fayyadamaa turre, yeroo ammaa ifa baanee karaama balbala guddaa tajaajila eegalleerra.''
Akkaataa aadaa, amantii fi duudhaa hawaasaan jaarmiyaalee keessummeessan mijeessuun dirqama mootummaati kan jedhan Dr Idriis, ''gaaffi hawaasa muslimaa bara dheeraa kan ta'e baankii dhala malee kana hundeessuun lammiin hunduu walqixa ta'uu kan agarsiisuudha. Yoo deebiin akkasii uummataaf kenname namni akka lammaffaatti of ilaalee biyya komatu hin jiraatu,'' jedhan.
Waajjirri muummee baankichaa guyyaa har'aa magaalaa finfinneetti banamuunsaa xiinsammuu hawaasa muslimaa yeroo dheeraaf hubamee ture kan jajjabeessu ta'uus eeran.
Baankiin dhala malee akkamiin itti fufa?
Baankii jechuun akkuma jaarmiyaalee faayinaansii kaanii tajaajila maallaqaa kan kennuudha kan jedhan Dr Idriis, yeroo baay'ee baankii yeroo jedhamu dhala irraa argamu waliin walqabsiisuun dogoggora jedhan.
''Baankiin mala faayinaansii (mode of finance) dha malee kana dhala irraa argatan qofa miti. Maallaqa dhala malee liqeessuun faayidaa mataasaa qaba. Namni maallaqa dhala irraa bilsa ta'e fudhatee ittiin dalages dhala malee baankii kaawwata. Haala kanaan maallaqi socho'a jechuudha. Kanaafuu baankii jechuun yaa'a maallaqaa jechuudha,'' jechuun kaayyoo Baankii Zamzam ibsan.
Baankii muummicha Finfinneetti hundeeffame kana dameewwan isaa naannolee biyyattii keessatti banuuf qophii ta'uu kan himan Dr Idriis, kanaafis deggersa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa akka isaan barbaachisu eeraniiru.
''Akkaataa hojimaata baankii kanaan akkuma waajjira muummee dameewwan hundaaf waraqaa eeyyamaatu barbaachisa. Dandeettiin maallaqaa fi humna namaas cimuu qaba. Suutuma babal'isaa deemna.''
Baankiin dhala irraa bilisaa maalii, maaliif barbaachise?
Walqixxummaan duudhaa amantii Islaamaati kan jedhan Dr Idriis baankiin dhala irraa bilisa ta'e garaagarummaa hiyyeessaa fi dureessa gidduu jiru kan dhiphisuudha jedhan.
''Akka amantii keenyaatti waan itti dafqanii hin hojjennerraa bu'aa nyaachuun sirrii miti. Kanaaf maallaqa baankii kaa'atanii dhala nyaachuun dhorkaadha. Gama kaaniin ammoo adda addummaan diinagdee guddaan akka uummata gidduutti hin uummaneef fayyada,'' jedhan.
Baankichi seera shari'aatti kan buluu fi namni kamuu yoo fedha qabaate osoo amantiin isa hin daangessin itti fayyadamuu danda'a jedhan Dr Idriis.
Tajaajilli baankii dhala irraa bilisa waggoota hedduuf baankiiwwan kaan keessatti foddaa tokko qofaan kennamaa kan turan yoo ta'u, amma baankiin akka Zamzam of danda'ee wayita hundeeffamu akka gammachuu fidee dhufu yaaddoos qabaachuu himu Dr Idriis.
''Hawaasa hubachiisuu, maamila baay'ifachuu, maallaqa ga'aa kuufachuu fi dameewwan babal'isuun waan salphaa miti. Hawaasa karaa foddaa tajaajilamuu bare gara Baankii mataasaa danda'eetti fiduun rakkisaadha.''















