Adunyaa irraa kan jalqabaa kan tahe baankiin ispeermii namoota HIV'n qabamanii kuusu baname.

Madda suuraa, Science Photo Library
Adunyaa irraa kan jalqabaa kan tahe baankiin ispeermii namoota HIV'n qabamanii kuusu baname.
Baankiin kuusaa ispeermii kun Niwuzelanditti kan baname yoo tahu namoota vaayirasichaan qabaman irra qoollifannaa gahu ittisuuf yaadameeti.
Dhiirotni sadii vaayirasichaan qabaman ispeerimii isaanii gumaachuuf galmaa'aniiru. Hunda isaanii keessatti facaatiin vaayirasichaa xiqqaa tahuus himameera.
Kana jechuun vaayirasiin HIV dhiiga isaanii keessa jiru xiqqaa waan taheef qunnamtii saalaan ykn yeroo daa'imni dhalatus itti hin darbu jechuudha.
Dhaabbatni kunis guyyaa gargaarsa adunyaa Mudde 1 dursuuni kan dhaabbilee tola ooltotaa sadiin bamame.
Dhaabbileen Bodii Poozatiiv [positive Body],Faawondeeshinii gargaarsa Niwuzalaandii fi Poozatiiv Wuumen [positive women] jedhaman sagantichi waa'ee daddarba HIV haala gaariin uummata akka hubachiisuu fi qoollifannaa namoota dhukkubichaan qabamaniif xiqqeessa jedhan.
Baankichi namootni gumaachan hundinuu warra HIVdhaan qabaman tahuu ibsuun yoo yaaliidhaan akka darbuu hin dandeenye mirkanaa'edha jedhan.
Haa tahu malee dhaabbatichi ofii isaa namoota dhala godhachuu barbaadanii ispeerimicha barbaadaniif achumatti yaalii guutuun kennuuufi hin danda'u.
Erga eeyyamamoo tahanii fi akka waliif tahu mirkanaa'een booda gara kilinikoota akka ulfi uumamuuf yaalii kennaniitti erga.
Namoota ispeermii gumaachuuf waliigalan keessaa tokko, Damiyeen Rul Nil dhibee HIV'n qabamuu isaa baree erga dhaabbata qacaree hojjechiisutti himee booda hogganaan isaa waan dhiibbaa irratti godheef hojicha dhiisee akka bahe raadiyoo biyya Niwuzelaandi tokkotti hime.
"Amma saayinsii yaaliin akka vaayirasichi hin dabarre taasisu jira jedhu arganne'' jedhe.
Hiriyoota koo dubaraa HIV qaban dhala godhachuuf murteessan hedduu beeka. Kana jechuun saayinsii fi yaaliin humna kanas nuuf kenneera jechuudha,'' jedhe.
Bara 1999 sakata'amee HIV irraa bilisa tahuu baree fuudhuun ijoollee lamaa fi ijoollee ijoolleesadii horataniiru.
Adunyaa irratti yaaliin HIV akka malee guddachaa dhufeera.
Kunis ji'a Bitootessaa keessa kalee nama HIV qabu irraa isa nama biraaf galchuun hanga yaaliin jalqabaa adunyaa irratti gaggeefamutti gaheera.
Dawwaan facaatii fi baay'achuu vaayirasichaa qaama keessaa xiqqeessuuf kennamus hanga sakatta'iinsaan illee hin argamnetti gadi buusuu danda'a jedhan ogeessonni.
Haa tahu malee ammayyuu HIV'n yaaddoo fayyaa adunyaa keenyaa tahee itti fufeera jedhu.
Bara 2018 gabaasa baheen namootni Miliyoona 38 tahan dhibee HIV'n qabamaniiru.

















