Katumba Wamala: Ministirri Yugaandaa rasaasaan dhahamuun intalliifi konkolaachisaan ajjeefaman

Madda suuraa, AFP
Hidhattoonni Ministira Geejjibaafi Komaandara duraanii waraanaa Yugaandaa Janaraal Katumbaa Wamalaatti dhukaasuun yoo madeessan intala isaafi konkolaachisaa isaa ammoo ajjeesan.
Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, namoonni doqdoqeedhaan (motorsaayikiliidhaan) konkolataasaanii keessa osoo jiranii naannoo mana jireenyaasaanii magaalaa guddoo Yugaandaa Kampaalaa jiru cinaatti dhukaasni hedduun irratti baname.
Humni ittisaa bilbilawwan yaalii ajjeechaa kana karoorsuuf bilbilamaa turan qoratamaa jiru jedheera.
Loltoonni hospitaala Janaraal Wamalaan keessatti wal'aanamaa jiru marsanii eegaa jiru. Miidhaan Janaraal Wamalaa irra gahe kan lubbuu isaatiif yaaddessu miti jedhameera.
Namni kun Yugaandaa keessatti namoota siyaasaafi loltoota baayyee jaallatamoo ta'an keessaa tokkodha.
Haleellaan kana fakkaatan kun biyyattii keessatti haaraa ta'uu baatullee, yaaliin Janaraal Wamalaa irratti taasifame garuu rifaatuu guddoo uumeera jette gabaastuun BBC Peeshans Atuwaahiree Kampaalaarraa.

Madda suuraa, Patience Atuhaire/BBC
Janaraal Wamalaa dura ta'aa poolisiifi komaandara loltuu ture.
Kibxata yeroo haleellaan kun qaqqabutti, konkolaataa hedduutiin deemaa kan turan yoo ta'u, dhukaasni karaa cinaafi fuula duraan irratti baname.
Intalli isaa Bireendaa Wamalaafi konkolaachisaan isaa maqaan isaa Haaruun Kaayondoo garuu haleellaa kanaan lubbuun darbeera.
Viidiyoon bakka sanarraa waraabame akka agarsiisutti Janaraal Wamalaan yeroo hollataniifi dhiigaan laaqamanii duubaan doqdoqeerra kaa'amanii hospitaalatti ariifachiisaa jiran agarsiisa.
Waggoota muraasa darban keessa, biyyattiin dhukaasa akkasii kanaan raafamaa kan jirtu yoo ta'u, hidhataan namoonni doqdoqqeedhaan yeroo kana raawwatan mul'ata jetti gabaastuun BBC kun.
Bara 2018 keessa, namni siyaasaa deeggaraa Pirezedaant Yuweerii Museeveenii ta'e Ibiraahim Abirigaa jedhamu, mana isaa cinaatti itti dhukaafamee ajjeefameera.
Dubbi himaan duraanii poolisii Andiriiwu Kawweesii jedhamus haaluma walfakkaatuun Ebala 2017 ajjeefameera.
Abbootiin seeraafi abbootiin amantaa Musliimaa baayyeen haaluma walfakkaatuun ajjeefamaniiru.
Ajjeechaawwan kanneen keessaa ammoo tokkollee sirriitti hin qoratamne ykn mana murtiitti hin dhiyaanne.
Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii ajjeefamuu intala Ministira Geejjibaafi Komaandara duraanii Loltuu biyyattii irratti yaada isaanii kennaniiru.
Fuula tiwiitara isaaniirratti ergaa baasaniin, warra haleellaa raawwatan kanaan booyyeewwan jechuun mo'amuuf jiru jedhan Museveeniin.














