Anjeliinaa Jooliifi Biraad Piit intalasaanii Itoophiyaarraa guddifatan Zaaraa dabalatee ijoolleesaanii waliin akka guddisan murtaa'e

Anjeliinaa Joolii ijoolleeshee waliin

Madda suuraa, Jeff Spicer

Anjeliinaa Jooliifi Biraad Piit intalasaanii Itoophiyaarraa guddifatan Zaaraa dabalatee ijoollee isaanii waliin akka guddisan murtaa'e.

Anjeliinaa Jooliifi Biraad Piit industirii fiilmii Holiiwuud keessatti gurra guddaa kan qabaniifi hanga bara 2016 mana murtii wal geessanitti abbaa warraafi haadha warummaan waliin jiraataniiru.

Falmii mana murtii obsa fixachiisaa yeroo dheeraaf tureen booda Biraad Piit fi Anjeliinaa Joolii akka ijoollee isaanii waliin guddisan murtoo kan argate.

fiilmii Ameerikaa keessatti baayyee beekamtuu kan taate Anjeliinaa Joolii gaaffii gaa'ela hiikuu kan dhiyeessite bara 2016tti yoo ta'u, bara sanarraa kaasee manni murtii dhimmicha qabatee tureera.

Amma murtee manni murtii dabarseen yeroon Biraad Piit ijoollee isaa waliin dabarsu baayyee dabalera jedhameera.

Ijoollee isaanii keessaa Zaaraan guddifachaan Itoophiyaarraa kan fudhatamte yoo ta'u, amma umuriin ishee waggaa 17 dha. Ijoolleen isaanii warri kaan Paaks, Shiiloh fi warra lakkuu ta'an Viiviyeen fi Nooks jedhamu.

Ilmi isaanii Maadoks ammoo umuriin isaa waggaa 19 ta'uu isaaiif murtee mana murtii kanaan ala ta'eera.

Murtee mana murtii mormuudhaan Anjeliinaa Joolii falmii seeraa akka itti fuftu marsariitiin Peej Siksi jedhamu madda tokko waabeffatee gabaaseera.

Anjeliinaa Joliin sababiin murtii darbe kan mormiteef, dhimma waliin ijoollee guddisuu osoo hin taane yaaddoowwan biroo akka qabdu ibsiteetti.

Manni murtichaas ji'ootaaf ragaa namoota ijaan arganii, ogeessota xiinsamuu akkasumas ragaa qaamolee isaan ilaallata jedhamanii dhaga'aa tureera.

Anjeliinaa Joolii ijoolleen isaanii akka rgaa hin baane dhorkamaniiru jechuun murtii abbaa seeraas mormiteetti.

Anjeliinaa Joolii gaaffii ga'ela hiikuudhaaf dhiyeessite keessatti jarri lamaan, "garaa garummaa walitti haraaramuu hin dandeenye akka qaban" ibsitee turte.

Biraad Piit ijoollee isaatti dheekkamuu isaatiin tarii miidhaa irraa geessiseera yoo ta'e jedhamee qorannoon taasifamullee boodarra bilisa jedhameera.

Anjeliinaa Jooliifi Biraad Piit namoota hedduu biratti gaa'ela isaaniitiin akka fakkeenya gaariitti fudhatamuun maqaa masoo lamaan isaanii walitti makuun "Biraanjeliinaa" kan jedhu dinqisiifattoota isaaniitiin kennameef ture.

Jarri lamaan jalqaba kan walbaranii gara gaa'ela ijaaruutti ce'an waraabbii fiilmii bara 2005 keessa hojjetame 'Mistar and Miisis ismiiz' jedhurratti ture.