Konsartii muuziqaa namni hundi mana isaatii irratti hirmaatu

Madda suuraa, Getty Images
Konsartiin muuziqaa addunyaa tokko jedhu ogeeyyii weerara koronaavaayirasii dura dhaabbatan deeggaruuf qopha'e. Sangantaan konsartii kanaas kallattiin Dilbata boruu karaa intarneetiifi TV dhiyaachuuf jira.
'Wajjin mana turra'konsartii jedhamu kanarratti aartistoota beekkamoo 100 ol ta'anitu hirmaata.
Sangantchirratti seenaa dhugaa ogeeyyii fayyaa qabsoo vaayirasii kana dura goranii ni himama.
Konsarticha waanti adda taasisu, artistoonni manasaanii irraa kallattiin dhiyaatanii weellisu.
Maallaqni sangatichaan walitti qabamu sagantaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa deeggaruuf oola.
Sagantichi sa'aatii 8 'f kallatiin kan tamsa'u yoo ta'u Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Global Citizen movement walta'iinsaan qopheessan.
Konsartichi akkaatan itti dhiyaatu kan duraan beekamurraa adda.
Weellistuu beekamtuu Leedii Gaagaa qindeessuurratti qooda kan qabdu yoo taatu, iddoo tokkotti argamuun aartistootaa kana booda dirqama miti 'jettee.
Kana malees, konsartichi dhiyeessurratti namoonni TV Ameerikaarrattii agarsiisaa dhiyeessuun beekamtii guddaa horatan kanneen akka Istifeen Kolbert, Jiimii Kimeel Jiimii Faalkan, fi Opeera Wiinfirey fa'aa akka qoodasaanii bahanitueegama.
Sagantchii kutaa lamaan guutuu addunyaatti akka daawwatamutu eegama.












