Naayijeriyaa: Bidiruu dhidhimte keessaa namoonni baay'een dhabaman du'uu hin hafne jedhame

Kaaba Lixa Naayijeeriyaatti bidiruun namoota 200 ol qabachuun imalarra turte bakka lamatti cabuun erga dhidhimtee booda baay'een du'uu hin oolle jedhan qondaalonni mootummaa.

Imaltoonni baay'een dubartootaafi ijoollee yoo tahan biyya ollaa Niijer irraa gara naannoo Kebbii Kaaba Lixa Naayijeeriyaatti imalaa turan.

Yoo xiqqaate namoota 20 tahan lubbuun oolchuun danda'amus qondaalonni mootummaa ammoo sababni balaa gaheef humnaan ol fe'uu akka tahe himan.

Namoonni bishaan daakaan beekamanii fi hojjettoonni ittisa yeroo balaa laga Niijer kana keessaa namoota oolchuuf yaalaa turan jedhan qondaalonni.

Pirezidaanti Mohaammad Buhaarii balicha ''waan hamaa'' jechuun ibsanii gadda isaanii maatii miidhamtootaaf ibsaniiru.

''Namoota 20 qofatu oolchame, namootni afur du'uu isaanii yoo mirkanaa'u, kan hafan 156 ammoo ammayyuu hin argamne. Reeffi isaanii garaa bishaanii jala taha jedhanii akka amanan Abbaan Taayitaa Bishaanii Biyyaalessaa Obbo Yuusuuf Birmaa wabeeffachuun AFP gabaasera.

Bulchaan kutaa bulchiinsa Nigaaskii Abdullaahi Buhari Wara, AFPtti akka himetti balichi gahuuf humnaa ol fe'anii deemaa turuu isaanii kaasan. Bidirittiin cirracha qonna warqeen irraa argame dabalataan feetee turrte jedhan.

Qasimuu Umar Wara, jiraataan magaalaa naannicha cina jiruu Waraa, akka jedhetti reeffi namoota shanii argamuu himuun, kaaan baay'een isaanii ammoo bishaaniin nyaatamuu hin hafne jedhe.

''Bidirittiin humnaa ol feetee turte. ''Obboleessikoo namoota dhabaman keessaa tokko. Kun balaa hamaa bishaan kana irratti mudatedha.''

Balaan bidiruu akkasii laga Niijer irratti kan barame yoo tahu, muka waliin walitti bu'uu fi walitti baay'achuun yeroo baay'ee uumama.