Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee namoonni 12 bilisaan akka gadhiifaman murtaa'e

Manni murtii olaanaa feederaalaa dhadhachi Lidataa dhimma namoota 20 galmee Kiisii Qixxumaa jalatti himatamanii har’a ilaaleera.

Abukaatoon himatamtootaa Obbo Tuulii Baayisaa BBC’tti akka himanitti, manni murtichaa olmaa har’aatiin abbaan alangaa himatamtoota kunneen irratti ragaa namaa fi sanadaatiin mirkaneesseeramoo hin mirkaneessine akaksumas himatamtoonni ofirraa ittisuu qabumoo hin qaban kan jedhu ilaale.

Haaluma kanaanis manni murtichaa raga barreeffamaa fi kan namaa kan abbaa alangaa dhagaheera jedhan.

Bu’uuruma Kanaan namoota galmee kana jalatti himataman keessaa Koloneel Gammachuu Ayyaaanaa dabalatee namoota 12 irratti ragaan yakka keessatti hirmaachuu isaanii mirkaneessu waan hin dhihaanneef ofirraa ittisuu osoo isaan hin barbaachisin bilisaan akka gaggeeffaman murteesseera jedhan.

Himatamtoonni galmee kana jalatti himataman saddeet ammo raga ittisaa isaanii akka dhiheeffataniif Waxabajjii 1,2,3 tti beelama qabachuus Obbo Tuuliin Himaniiru.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Dabalatee namootni 20 galmee Kiisii Qixxumaa jala jiran himata shororkeessummaatin shakkamanii hidhaa turan.

Qondaalli waraanaa duraanii Adda Bilisummaa Oromoo koloneel Gammachuu Ayyaanaa ajjeechaa Arti Hacaaluu hundeessaan booda irra deebiin hidhamuu isaanii duras baatilee 11 erga hidhamanii gadhiifaman ture.

Ta'uus Bitootessa darbe irra deebiin to'annoo jala oolfaman.

Ajjeechaa Art. Haacaaluu booda hoggantoonni akkasumas miseensonni dhaabbilee mormituu garaa garaa 'ajjeechaa Waxabajjii 15 kan bara darbe irra- deebi'uf sosso'un' shakkamanii to'atamaa jiraachuu mootummaan ibsee ture.

Amma duras Manni Murtii mirgi wabii isaanii eegameefii akka bahan murtee dabarsuus Poolisiin murtee kana osoo hin raawwatiin hafee boodas yakka biraan bakka biraatti himatee ture.