Baayidan ajaja Tiraamp namoota siidaa diigan adabuuf baase haqan

Kiristoofar Kolambas US'tti gariin yoo faarsuun kuun ammoo nijibbaani

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Kiristoofar Kolambas US'tti gariin yoo faarsuun kuun ammoo ni jibba

Pirezidanti Joo Baayidan seera Doonaald Tiraamp namoota siidaa diigan adabuuf baasan hojiirra akka hin oolle haqan.

Tiraamp ajaja kana kan dabarsan bara darbe wayita ummanni haqa gaafachuuf aariidhaan siidaawwan jijjigsaa turettidha.

Baayidan karoora Tiraamp gootota Ameerikaa yaadachuuf paarkii ijaaruuf turanis addan kutanii jiru.

Dabalataanis wixinee labsii 2019’tti baqattoonni inshuuraansii fayyaa hin qabne akka dhorkaman taasisus haqanii jiru.

Waxabajjii 2020 keessa ture, Mr Tiraampi namni siidaawwan yaadannoo jigsus ta’e barbadeessu irratti tarkaanfiin akka fudhatamu anga’oota federaalaaf ajaja kan dabarsan.

Labsiin ‘‘mormitoota, warra meeshaa qabuuf ‘finxaaleyyii-bitaa’ irratti xiyyeeffate’’ mataduree marii yeroo duula nafiladhaa Tiraampi ture.

Labsiin kun kan ba’es ajjeechaa Joorji Filooyid, Miniyaapooliis Minesetootaatti raawwate hordofuun hokkora ka’een, mormitoonni siidaawwan yaadannoo namoota yeroo gabrummaan seera qabeessa turetti turan diiguufi barbadeessuu yeroo eegalanitti ture.

Ajajoota Tiraampi Jimaata kaleessaa Abba Baayidaniin haqaman keessaa, paarkiin siidaawwan gootota bebbeekamoo biyyattii yaadachuuf ijaaramuuf ture tokkodha.

Piroojektiin kanaaf Koongiresiin bajata hin ramadne, bakki itti hojjetamuuf tures hin baramne.

Ajajoota haqaman keessaa kan abbootii seeraa federaalaatiin battalumatti haqameefi baqattoonni US seenuuf dandeettii baasii fayyaa kaffalachuu akka danda’an akka mirkaneessaniif gaafatu kan biraati.

"Bulchiinsi kiyya namoota lammii hin taane dabalatee tajaajila fayyaa qulqullaa’aafi qaalii hin taane dhiyeessuuf hojjetaa jira,’’ jedhani, Baayidan wayita labsii kana haqanitti.

Miidiyaalee hawaasummaa ‘‘to’achuufi’’ dhaabbileen gargaarsaa Ameerikaa biyyoota alaa keessa hojjetan mallattoo/loogoo "Duudhaafi arjooma ummata Ameerikaa’’ jedhu akka qabaatan taasisuuf yaadee tures labsiiwwan Baayidaniin Jimaatarra haqaman keessaayyu.