'Ajjeechaan seeraan alaa qaama mootummaan fudhatamaa jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba' KFO

Madda suuraa, Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doolloo
Koongirasiin Federaalawaa Oromoo(KFO) ajjeechaa dargaggoo Amaanu'el Wandimmuu Kibxata darbe magaala Dambi Doollootti raawwatame balaaleffate.
Dhaabichi ibsa har'a miidiyaalef ergeen 'eenyumtuu hojii seeraan alaa yakkaan gaafachiisu raawwatee yoo qabame qaama seeraatti dhiyaatee mirkanaa'uu qabaatullee dargaggoo Amaanu'el Wandimmuu adeemsi kun osoo hin raawwatamin adabaabayii jiraattootni magaala Dambi Doolloo walitti itti qabamanitti ajjeefamuunsaa nu gaddisiisera' jedheera.
Qaamni mootummaa murtee seeraa malee ajjeechaa ni raawwata jedhamee akka hin eegamne kan himu KFOn, "taateen akkanaa wayita irra deddeebi'ee raawwatamu beekkamtii qaamolee mootummaa olaanoo yookin beekkamtii hooggantoota mootummaatin ala akka hintaane ni hubatama" jedheera.
''Taateen akka kanaa Xoofoo/Waancaa guutee waan dhangalae'eef ibsa kana baafne malee tarkaanfii walfakkaataan bakka adda addaatti qaamolee nageenyaan raawwatamuu erga eegalee bubbuleera'' jedha dhaabichi.
Tarkaanfiin akkanaa yoo itti fufe balaa guddaa fiduu akka danda'us KFOn ibsa miidiyaalef ergeen himeera.
Dhumarrattis "ajjeechaan seeraan alaa lammiilee adda addaa irratti raawwatamaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu cimsinee hubachiifna. Firoota namoota ajeefamaniifis beenyaan akka kaffalamu ni yaadachiisna" jedheera.
Waa'ee ajjeechaa dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu…
Dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu Kibxata darbe magaala Dambi Doolloo keessatti humnootii mootummaatin ajjeefamuusaa jiraattootni magaalichaa fi angawootni mootummaa mirkaneessaniiru.
Jiraataan magaala Dambi Doolloo BBCf yaada kennan "nama Amaanu'eel jedhamu uummanni baayyee jaallatu, osoo... ummata faana deemaa jiruu waraanni mootummaa ari'ee itti dhukaasee yeroo ajjeesuu argine," jechuun ajjeechaa Kibxata darbee ibsan.
Itti-gaafatamaan nageenyaa godina Qeellam Wallaggaa Obbo Tasammaa Waariyoo gama isaaniitin, gareen 'Abbaa Torbee' jedhamu irra deddeebiin namoota ajjeesuun maqaan isaa ka'u kun, namoota lama rukutee osoo baqachaa jiruu qaama nageenyaan rukutamuu dubbatu.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaan murtee seeraa malee dargaggoo Amaanu'eel irratti raawwatame akkaan isa yaaddessuu himuunsaa ni yaadatama.
Faallaa kanaan hoogganaan biiroo Kominikeeshinii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa, ''Humnoonni kunneeni kaayyoonsaanii ajjeesuu waan ta'eef humni nageenyaas qaamolee kunneen saaxilee tarkaanfii fudhachuutu irra jira jedheen amana,'' jedhan.
''Humni nama ajjeesee nama jiilchuuf deemu irratti tarkaanfiin gosa kamiiyyuu, bakka kamittuu fudhatamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas kanaaf kallattii kaa'ee hojjetaa jira'' jedhaniiru.














