Fayyaa Walhormaataa: Kondomii mudaa hin qabne hojjechuuf adeemsi jalqabame

Kondomii dibata ofiisaatii qabu irraa gara kan dawaa keessa isaatti tolfame hojjechuutti ce'amaa jira. Kondomiin kun haala amansiisaa ta'een dhibeewwan walqunnamtii saalaan daddarban ittisuufi fuulduraaf ammoo da'umsa ittisuuf kan fayyadudha.

Bara qaroominni Awurooppaatti egalamu gara jalqabarratti Mootiin Minos ganna 5,000 kana bulchaa ture.

Mootiin Minos, namtichi Kiriit rakkoo dhuunfaa qaba ture akka himamutti - isparmiin isaa summiidha jedhama.

Sanyoowwan mootichaa wajjin saalqunnamtii raawwatanii hedduun isaanii ni du’u jedhamee himama.

Dhibeen hin baratamne kun kalaqa amma jiru kanaaf garuu ka’umsa ta’eera.

Mootiin Minaas nama jalqaba kondomiitti gargaarame ta’ee galmaa’e.

Waanti mootichi of eggannoof jalqaba keewwate sun afuuffee fincaanii re’eerraa hojjatame ture.

Taatullee jaalalleen mootichaa yeroo walqunnaman akka hin duune gargaare jira (mooticha moo jaallalleesaatu keewwate? Kan jedhu garuu walfalmisiisaadha).

Amma garuu waggaa tokko keessatti kondomii biliyoona 30tti dhiyaatu addunyaatti gurgurama.

Bara 1990 irraa kaasee namoonni miliyoona 45 kondomii fayyadamuun HIV-AIDS dhaan akka hin qabamne gochuun danda’amuusaa jaarmiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNAIDS beeksiseera.

Haata’u malee, namoonni miliyoona tokko ol guyyaa guyyaatti dhibeewwan saalqunnamtiin qabamuun akka hin hafne Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Kana malees, waggaatti ulfi hin barbaachifne yookaan hin karoorfamne miliyoona 80 tti tilmaamamu waggaa waggaan uumama.

Ogeeyyiin fayyaa hawaasaa kondomiin dhibeewwan daddarboo akka hin tamsaane harka guddaan ittisuufi maatii karooraan horachuuf akka fayyadu cichanii dubbatu.

Kondomiin amma dhiirri keewwatu dhibeewwan saalqunnamtiin daddarbarraa nama ittisuuf %80 dandeettii qabu.

Lakkoofsi kun dhiirota kondomiitti sirnaan hin fayyadamnefi itti fufinsaan hin gargaaramnellee ni dabalata.

Kondomii sirnaan fayyadamnaan HIV %95 ittisuu akka danda’u qorannoon kan agarsiisu.

Taatullee namoota sirnaan kondomiitti fayyadaman argachuun ammallee rakkisaadha jedha Yuunvarsiitii Indiyaanaatti Daarektarri Olaanaan Giddugaleessa To’annoo AIDS William Yarber.

‘’Namoonni hedduun kondomiitti fayydamuu barbaadu garuu ittigargaaramurratti muuxannoo sirrii hin qabanii,’’ jedha.

Namoonni sababa garaa garaaf kondomiitti fayyadamuu hin didu- amantii hordofaniin walqabasiisuun, barnoota saalqunnamtii gahaa dhabufi kondomii godhachuu jibbuu fa’aatu jira.

Kondomiin dho’uun ykn namarra bahuun rakkoo hedduu baratamaa miti, garuu yeroon itti mudatus jira- qorannoon akka agarsiisutti taateen akkasii %1-%5 hin caalu.

Kunis hanga tokko namoonni kondomiitti fayyadamuuf ofitti amanamummaa akka hin qabanne dhibbaa hanga tokko ni uumeera.

Dhimmi kun qorattoonni kalaqa teeknoloojiitti gargaaramuun kondomii fooyyeessuun namoonni akka caalaatti fayyadaman akka barbaadaniif karaa saaqera.

Yaadni abdachiisaan ammatti jiru tokko kondomii cimaa giraafinii irraa tolchuu kan jedhu.

Giraafiniin baqqaana atoomii kaarbonii baaqqee ta’eefi baayyee haphii ta’e wayita ta’u, saayinstistii UK badhaasa Noobelii injifate jiraachuu isaa yeroo jalqabaaf 2004 adda baase ture.

Yuunvarsiitii Maanchistar,Institiitiyuutii Giraafiniitti saayintistii kan ta’e Aravind Vijayaragahavaan’kondomii fooyyeessun kan danda’amu waanta addunyaarratti hunda caala haphii, salphaafi cimaa ta’e, akkasuma ho’aa dabarsuu kanatti fayyadamuunii’’yaada jedhu kaasera.

Bara 2013 dhaabbatni kalaqa kondomii haaraa wixineessuu deeggaru Biil fi Milindaa Geetis Faawundeeshiin jedhamu deeggarsa kenneera.

Vijayaragahavaan akka jedhutti giraafiniin wanta baay’ee xiqqaa atamii tokkichafi maayikiroomeetirii muraasa bal’atu.

Taatullee waanta dachee kanarratti hunda caalaa jabaatadha.

Rakkoo guddaan cimaan sadarkaa baay’ee xiqqaa, sadarkaa naannoo irratti argamu waanta qabataman itti gargaaramuun danda’amuutti olguddisuudha.

Ol guddisuun kan danda’amu paartikilii giraafiniifi poolimerii laafaa wajjin walitti dabalame. Wantoota kana lamaan walitti dabaluun polimerii haphiin %60 akka jabaatu ykn kondomiin jabaa %20 akka haphatu gargaara jedha Vijayaragahavaan.

Kondomiin Giraafiniirraa hojjatame ammatti hojiirra hin oolle garuu gartuun qorannoo kun kalaqasaanii gabaaf dhiyeessuurratti hojjataa jiru.

Gartuun qorannoo biroos waanti kondomiin irraa hojjatame akka haphatuufi akka jabaatu hojjatu Yunvarsiitii Kuwiinslaand, Awuustiraaliyaa keessaa jiru.

Qorattoonni kun kondomii waan akka annanii biqiltuurra argamuufi faabiresii marga biyyattii keessatti margu Ispinifes jedhamurraa hojjataa jiru.

Hawaasni jalqabaa Awustiraaliyaa keessa qubatan ispinifes akka hapheessituutti yeroo dheeraaf itti gargaaramaa turan.

Qorattoonni akka jedhanitti kondomii dhiibbaa irra qaqqabu %20 irra gahu otoo hin dhohiin dandamachuu danda’ufi kondomii gabaarra jiru caala %40 guddaatu oomishuu danda’u himan.

Gaggeessaan pirojeekitichaafi injinarri Yuunvarsiitii Kuuwiinslaand Naasim Amiraliyaan, akkaataa hojiisaarratti oomshitoota kondomii waliin hojjachaa jiraachuu himan.

Qorattoonni kun kondomii cimaafi kan amma jiru caalaa %30 haphii hojjachuu akka danda’an abdatu.

Leteksi (latex) ammatti waanta kondomii oomishuuf gargaaru wayita ta’u, namoonni hedduun itti fayyadamuusaatti itti hin gammadan. Letaksi gatiin isaa qaalii waan ta’eef kondomii fayyadamuurratti gufuu uumellee ni qaba.

Addunyaarra namoota jiraatan keessaa %4.3 immoo alarjii leteksiitiin rakkatu.

Kunis namoonni miliyoonaan lakka’aman kondomii kanatti akka hin fayyadamne gufuu ta’eera.

Kondomiin poliyuretanii irraa hojjataman letaksiirra kan hojjatman caala salphaatti dho’uu danda’u.

Kana malees kondomiin poliyuretanii irraa hojjataman qaawwaa xixiqqoo paatoojinoota HIV fi Heppataayitis B ittisuu hin dandeenye qabu.

Gartuun saayintistoota Awuustiraaliyaa biroon immoo letaksi waanta haaraa‘’taaf haayidiroojel’’jedhamuun bakka buusuu barbaadu.

Haayidiroojeeliin harki caalan isaanii lallaafoofi bishaaniin kanneen liqinfamaniidha, taatullee qorattoonni Yuuvarsiitii Awuustiraaliyaatti argamu Iswiinbarn Teeknoloojiifi Wollongong jedhaman haayidiroojeeliin hojjatan jajjabataadha.

Qorattootni dhimma alarjiin walqabatu furuuf kondomii letaksii of keessaa hin qabne akkaataa tolchuun danda’amuuf gartuu qo’annoo hundeessaniiru.

Qorattoonni akka himanitti haayidirajeel miirri akka gogaa qaama namaati walfakkaatu akka namatti dhaga’amu, miirri umamaa akka namatti dhaga’amu gochuuf hojjataa jiru.

Haayidiraajeeliin bishaan of keessaa kan qabu wayita ta’u, dibata ofiisaatii kan qabuufi dawaa farraa dhibeewwan saal qunnamtii of keessatti kan qabufi wayita kondomichaatt fayyadaman kan gadhiifamu qaba.

Dhimmi qalbii saayintistoota hawwate kan biraan kondomii dibata dabalataa otoo hin barbaachisiin kondomii fayidaarra oolu hojjachuudha.

Gartuun qorattoota Yunvarsiitii Boostan waanta kondomii haguugu kan dibata laaffisuuf oolu qabu hojjataniiru.

Dibannii kondomiiwwaan leteksi irra jiran bishaan ofirraa kan dhorkaniifi wayita faayidaarra oolan walitti sunturuu/ni xiqqaatu.

Qorattoonni Yuunvarsiitii Boostan poolimerii wayita bishaan dirrasaa tuqu lallaafu argataniiru.

Kana jechuun kondomiin kun dhangal’aa qaamaatiin lallaafu kan danda’uufi rigata uumamu xiqqeessudha.

Kondomiin leteksi waanti akka haguuguuf hojjatame wayita saalqunnamtillee dibata akka qabaatan taasisuun ‘’rakkoo itti fayyadama kondomiirratti bal’inaan mul’atu fura’’ jedhan ogeettiin qorannoo Chiin jedhaman.

Oomishni kondomii kanaa adeemsa gabaaf dhiyaachuurra kan jiru wayita ta’u, kondomiin dibata ofiisaatii qabu yoom gabaarra akka oolu garuu Chiin bal’inaan hin ibsine.