Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan harree qalanii foon gurgurtaaf dhiyeessuu dhorkitee turte deebistee eeyyamte
Lakkoofsi harrootaa xiqqaachuun yaaddoo uumuun qonnaan bultoonnifi gartuun mirga bineeldotaaf quuqaman mormuu hordofee Ministeerri Qonnaa Keeniyaa Guraandhala bara darbee harree qaluu dhorkee ture.
Keeniyaan foon harree daldaluu biyya Baha Afrikaa seeraan jalqaba eeyyamte wayita taatu, gabaan foon harree Chaayinaatti bara 2012 guddatee ture.
Ministeerri Qonnaa biyyattii garuu harree qaluun eeyyamamuun dogoggora jechuun lakkoofsa harrootaa gadi xiqqeessuu falme.
Gartuun Qeeraa Harree banatan garuu dhimmichi mana murtiitti akka ilaalamu iyyachuun, qalmi harree dhorkamuun hojii isaan dhabsiisuufi galii dhabne jechuun akka dhorki bahe akka kaafamu gaafatan.
Kamisa abbaan seeraa biyyattii Richaard Miwongoo yaadasaanii simachuun , mootummaan dhimmicha ga’umsaan falmuufi dadhabe jedhan.
Keeniyaan ganna kudhan dura harroota miliyoona1.8 kan qabdu wayita ta’u, amma lakkoofsi kun gara miliyoona 1.2 gadi hir’achuu ragaan mootummaan baase kan agarsiisu.
Bara 2012 irraa kaasee gatiin harree dacha afuriin dabaleera.
Kana malees, gartuun networkiidhaan kontiroobaandiidhaan gogaa harree daddabarsan hanna harree hammeessaniiru.
Keeniyaatti namoonni hedduun baadiyyaatti harreetti qoraanfi bishaan fe’atu.