Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tajaajilaa 'Raajii' Iyyuu Cufaa himachuuf

Madda suuraa, @fdredefense.official
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tajaajilaa wangeelaa 'Raajii' Iyyuu Cufaa himachuuf akka jiru beeksise.
Tajaajilaan wangelaa 'Raajii'' Iyyuu Cufaa kan beekamtii guddaa fi hordooftoota horte yoo ta'u, miira itti gaafatamummaa hin qabnee fi fedhii dhuunfaasaaf jedhee amanamummaa fi maqaa nu balleesseera jedhan Dubbi Himaan Raayyaa ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaane.
Raayyaan Ittisaa fuula miidiyaa hawaasummaasaarratti akkas jedhee barreesse: ''Namni Iyyuu Cufaa jedhamu, maqaa amantiitiin kan socho'u, namoota na hordofu ittiin jedhu, kabajasaanii haala xiqqeessuun yuuniforrmiisaanii waliin viidiyoo waraabuun akka tatatamsa'ee hawaasa walga'u godheera.''
''Miseensonni keenya muraasnis fedhii nama kanaa guutuun mallattoo lammiilee Itoophiyaa kan ta'e uffata seeraa(yuunifoormii) raayyaa ittisaa uffachuun hirmaatanii akka turan mirkanaa'eera.''
Tibbana namoonni yuunifoormi raayyaa ittisaa uffatan wayita waltajjii Iyyuu Cufaa irratti hirmaatan suuraan agarsiisuu miidiyaa hawaasummaarratti bal'inaan qoodamaa ture.
Dhimmisaa falmisiisaa kan ta'e Iyyuu Cufaa kanaan dura gaaffii fi deebii BBC waliin taasiseen miilasaa qofa kaasuudhaan akka hafuura hamaa nama keessaa baasuu danda'u ibsee ture.
Koloneel Geetinnat, ''Miseensonni keenya amantii fedhan hordofuu danda'u. Garuu uffata seeraa(yuunifoormii) raayyaa ittisa biyyaa uffatanii kadhachuu gonkumaa hin danda'an,'' jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa kun ibsa har'a baaseen,namoonni yuunifoormii raayyaa ittisaa uffatanii hirmaatan to'atamanii jiraachuu fi dhimmisaaniis gara Mana Murtii Raayyaa Ittisaatti darbuuf qoratamaa jiraachuu ibseera.
Koloneel Geetinnat kanaan duras miseensota haala kanaan manneen amantii garaagaraa keessatti osoo kadhatanii argaman irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatameera jedhan.
''Gara fuulduraattis miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu haala kanaan amantii kamuu keessatti hirmaannaan itti gaafatama,'' jedhan.
''Loltoonni keenya bakka awwaalaa, bakka cidhaa fi iddoo amantiitti sirna ittiin hirmaatan qabu. Waraanni ilma sabaa ta'uusaarraan kan ka'e akkuma hawaasa isaa innis amantii mataasaa qabaachuu akka danda'u beekamuu qaba. Nuti waan seeraan nuuf iyyamamee fi waan seeraan dhorkamne mirkaneessuuf ni hojjenna.''

Iyyuu Cufaa namoota 'Raajii' jedhamuun maqaansaanii ka'u hedduu keessaa tokko.
Iyyuu Cufaa kanaan dura ijoo dubbii ta'ee kan ture yoo ta'u, kaaraateedhaan dhiiteen hafuura hamaa fi seexana nama keessaa baasa jechuun kan inni dubbate namoota hedduu biratti falmii kaasisee tureera.













