Poolisoonni gabaasa bombiin waamamanii dhufan meeshaa walqunnamtii saalaa ta'ee argatan

A grenade-shaped object is seen next to a tube of lubricant and a USB cord in place handout image

Madda suuraa, Polizei Hauzenberg

Jarmanii naannoo Baavaariyaatti ogeeyyiin fanjii meeshaa shakkisiisaadha jedhame akka qorataniif yaamaman, meeshaa walqunnamtii saalaa ta'ee argatan.

Akka aanga'oonni jedhanitti Wiixata galgala keessa, meeshaan boca boombii qabu, festaalaan maramuun bosona magaalaa Passau dhiyeenyatti argamutti mul'ate.

Dubartiin fiigaa turte dubbi kana poolisitti gabaaste jennaan, gareen addaa fanjii ykn wanta dhoo'an qoratu gara naannichaa imalan.

Wayita ogeeyyiin kunniin kun achi dhaqqaban garuu balaan hatattamaa akka hinjirre hubatan jedhe poolisiin.

''Ofeeggannoon wantoota festaala keessa jiru erga sakatta'anii booda, gareen kun wanta gommaarraa hojjetame tahuu argan,'' jedha ibsi Poolisiin Hauzenberg baase.

''Qabiyyeen festaala keessa jiran hundi qorataman. Boodarras zayita laaffisu (lubricant), kondoomii hojiirra hinoolle lamaafi shiboo ykn fo'aa USB tokko ta'anii argaman.''

Anga'oonni kun dabaluun barbaacha intarneetarra taasisaniin, ''shakkiin keenya dhugoome'' jedhan - ''meeshaalee saal-qunnamtiif oolan boombii harkaan fakkeeffamanii hojjetamanidha''.

Poolisiin akka jedhetti meshaaleen iddoo kanatti yeroo muraasaaf turan kunniin, haala barbaachisuun gatamaniiru.

''Akkamiin achi akka gahaniifi maaliif iddoo sana yeroo kana hunda akka turan waan baramuu danda'u miti,'' jedhe ibsichi dabaluun.

Meeshaaleen waraanaa yeroo Waraana Addunyaa 2ffaatti hin dho'in hafan Jarmaniitti argamuun waan haarayaa miti.

Amma dura oduun akkasii wayita dhagahamutti, hanga ogeeyyiin kunniin fala itti laatanitti jiraattonni dhiyeenyarra jiran qe'ee dhiisanii godaanu.