Naavaalniin duunaan Raashiyaatu itti gaafatama jechuun US akeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin qeequun kan beekamu Aleks Naavaalnii mana hidhaa keessatti duunaan Raashiyaatu itti gaafatama jechuun US akeekkachiiste.
UK, Firaans, Jarmanii fi Gamtaan Awurooppaas dhimmi fayyummaa Naavaalnii akka isaan yaaddessu ibsaniiru.
Doktaroonni Naavaalnii akka jedhanitti namni kun dhukkubbii hamaa dugdaa fi luka isaarratti mul'atee jiruuf wal'aansa ga'aa hatattamaan hin argatu taanaan, ''guyyoota itti aanan muraasa keessatti du'uu danda'a,'' jedhan.
Ambaasaaddarri Raashiyaa UK jiran, ''Naavaalniin xiyyeeffannoo argachuuf kan godha waan ta'eef nutimmoo akkanni mana hidhaatti du'u hin eeyyamnu,'' jedhan.
Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin akkaan qeequun kan beekamu ga'eessi umrii waggaa 44 Aleks Naavaalnii, maallaqa qisaasessuun himatamee Guraandhala darbe hidhame, inni garuu sababa ilaalcha siyaasaa isaaf akka hidhametti fudhate.
Garee ogeeyyii fayyaa isa wal'aanan arguu dhorkamuu fi wal'aansa ga'aa dhabuu kan komataa ture Naavaalniin, Bitootessa 31 irraa kaasee lagannaa nyaataarra jira.
Qorannoon dhiigaa taasifameef akka agarsiisutti Naavaalniin dhibee onnee fi kaleef daran saaxilamuu danda'a jedhan doktaroonni.

Madda suuraa, Reuters
Dursaan paartii mormituu Raashiyaa kun magaalaa Pokrov jedhamtu kan magaalaa guddoo Raashiyaa Moskoo irraa kiilomeetira 100 fagaattee gara dhihaatti argamtu keessatti hidhamee jira.
Biyyoonni hedduun guyyaa kaleessaarraa eegalanii akkaataa qabiinsa nama kanaa mormuu eegalaniiru.
Gorsaan dhimma nageenyaa US Jake Sullivan, ''Aleks Naavaalnii duunaan kan gatii kaffalu Raashiyaadha,'' jechuun dubbii akeekkachiisaa CNN itrratti dubbatan.
Pirezidaant Joo Baayidanis haalli qabiinsa Naavaalnii ''haqa qabeessa kan hin taanee fi sirna dhalli namaa ittiin kunuunfamuun ala,'' jechuun, hawaasi idil-addunyaa yoo rakkoon nama kanarra ga'e Raashiyaa himachuu qabu jedhan.
Gorsaan nageenyaa Jake Sullivan twitter isaaniirratti ergaa barreessaniin Naavaalniin hidhamuu akka qabuu fi namoonni haleellaa irratti raawwataa jiran akka gaafataman gaafatan.
Naavaalnii hidhuun dhiittaa mirga namoomaa qofa osoo hin taane sagalee lammiilee Raashiyaa hedduu gadi qabuudha jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1

Qondaalli Gamtaa Awurooppaa Josep Borrell gamasaaniin dhimmi Naavaalnii akka isaan yaachisuu fi aanga'oonni mana sirreessaa akka inni yaalamuuf hatattamaan haala mijeessuufii qabu jedhan.
Waajjirri Dhimma Alaa UK ibsa baaseen ,''Naavaalniin qaama walaba ta'een tajaajila wal'aansa fayyaa argachuu qaba. Namni sababa ilaalcha siyaasaa isaaf hidhame kun hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafanna,'' jedhe.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2

Deggartoonni Naavaalnii Roobii dhufutti hiriira akka biyyaalessaatti qindeessa jiru.
Qindeessitoota keessa tokko akkas jedhe: ''Haalonni akka ati daftee tarkaanfii fudhattu si dirqan ni jiraatu. Ta'uu baannaan waan badaatu mudachuf deema.''
Artistoonni, barreessitoonni fi beektonni 70 caalan haala qabiinsa Naavaalnii mormuu eegalaniiru.
Gareen kun xalayaa Pirezidaant Vilaadmiir Putiiniif barreessan keessatti Naavaalniin wal'aansa fayyaa sirnaan argachuu akka qabu cimsanii gaafatan.















