Namoonni dhugaatii burtukaanii guyyaan itti darbe dhugan hedduun lubbuu dhaban

Nama cuunfaa burtukaanaa dhugu

Madda suuraa, Getty Images

Naayijeeriyaatti namoonni dhugaatii dhama burtukaanii qabu, kan guyyaan itti darbe dhugan 10 lubbuun yoo drabu dhibbaan kan lakkaa'aman hospitaala galuu qondaalotni kaaba Naayijeeriyaa, naannoo Kaanoo dubbatan.

Dhugatiiwwan bifa daakuudhaan saamsamanii bishaaaniin bulbulamanii dhugaman suuqiiwwan irraa bitamu.

Koomishinariin fayyaa naannoo Kaanoo ergaa viidiyootiin dabarsaniin namoonni 400 tahan yeroo ammaa sababa dhugaatichaan dhukkubasachaa jiru jedhan.

Namoonni 50 tahan yaalii kalee dhiquutu kennamaafi jira jedhan.

Dhukkubsatoonni kunneen mallattoowwan ol-guuruu,teessisuufi fincaan isaanii keessatti dhiigni mul'achuu agarsiisaniiru.

Gariin immoo lafaan isaan mara.

Dhimma kanarrtti qorannoon adeemsifamaa kan jiru yoo tahu, uummanni miya saamsame yoo bitu guyyaa akka mirkaneessu gorfameera.

Oomishaan daakuu dhugaatii guyyaan itti darbe kanaan himatame jiraachuu baatus, namoonni baayyee dhugaatii guyyaan itti darbe gurgurtaniiru jedhamuun to'atamaniiru..

Qondaalotni yoona daakuun burtukaanii kuni bishaan faalameen bulbulameera tahuus mala jedhaniiru.