Firaans mormii Paakistaanii irratti ka'e hordofee lammileenshee akka achii bahan ajajje

Madda suuraa, EPA
Mormiin Firaans balaaleffatu Paakistaan keessatti yeroof mudate hordofuun biyyi Firaans lammileen biyya Paakistaanii qabdu hundi akka biyyattii gadhiisanii bahan ajajje.
Embasiin Firaans Paakistaanitti argamu'bu'aa Firaansi Paakistaani qabdurratti sodaa guddaa jira''jechuun mormiin guutummaa Paakistaanitti guddachaa jiraachu akeekkachise.
Torban kana keessa poolisonni lama walitti bu'iinsa namoota mormiif bahan giddutti dhalateen du'an.
Firaans kaartuunii Nabii Mohaammad agarsiisuuf mirga qabaachuu ibsuu hordofuun mormiin ji'a darbe biyyattii keessatti jalqabame ture.
Onkoloolessa bara darbe barsiisaan yeroo barattootaa wajjin mariyatan kaartuunii itti argasiise mormisaa muramuu hordofee, Pirezedantiin Firaans Imaanu'eel Maakiroon walabummaa yaada ofii bilisaan ibsachuu dhimma ilaallatu cimsanii dubbatanii turan.
Haasaan isaanii kun Paakistaan dabalatee biyyoota muslimoonni itti heddumatan birootti dheekkamsa kaasuun oomisha Firaans amma lagachuutti qaqqabe.
Nabi Mohaammad suuraan muli'suuf yaaluun amantii Islaamaa keessatti hin deeggaramu, akkasumallee akka yakka cimaatti ilaalama.
Ambaasaaddarri Firaans biyyattii kesssaa akka bahu kan gaafate hogganaa paartii mormituu Tehreek-e-Labahik Paakistaan(TLP) Saad Huseen Rizvi erga dhaga'amee booda, torban kana mormiin kan jabaate.
Aab Rizviin hidhamuun, qondaaltoonni Paakistaan paarticha ugguruu hordofee deeggartoonni paartichaa kumatamaan lakka'aman mormiif karaatti bahan.
Poolisonni gaazii imimmaansituu fi bishaan namoota walitti qabamanitti biifaa turan.
Paartiin mormituu TLP jedhamu kanan dura hiriira mormii guddaa dhimma amantii arrabsuu balaaleffatu qopheessee ture.

Madda suuraa, EPA
Akka seera Paakistaanitti namni Nabi Mohaammad arrabsuun balleessaa raawwatee argame du'aan adabama.
Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Paakistaan Sheek Raashid Ahimad, biyyattiin''kabaja Nabi Mohaammad eeguu feeti' taatullee TLP Paaakistaan biyya leellistumman amantii taate akka addunyaarratti ilaalamtu barbaada'' jedhan.
Imbaasiin Firaansi Paakistaanitti argamu marsariitii isaarratti Kamisa akka barreessetti ''hiriirri biyyatti keessatti dabalaa jira,''
''Bu'aa Firaans Paakistaani qabduurratti yaaddoo cimaan waan jiruuf, Lammileen Firaans yeroo xiyyaarota daldalaa tajaajila kennaa jiraniin biyyatti keessaa bahutu gorfama''jedhe Embaasichi.
Firaansitti mootummaan fi amantiin gargaara ta'uun isaanii mallattoo biyyattiin ittin beekamtudha.
Barruun Chaarlii Heebdoo kaartuunii Nabi Mohaammad agarsisuun dhimma walqabuuf haleellaan ji'aadistootaa bara 2015 Paarsitti irraa qaqqabuun ni yaadatama.
Onkololeessa keessa Pirezedantiin Firaans Maakiroon barruun sun mirga kaartunii sana maxxansu akka qabu deeggaranii dubbachuusaanii hordofuun dheekkamsa biyyoota muslimoonni itti heddummatan keessatti ka'ee ture.
Paakistaan keessattis namoonni kuma kudhatti lakka'aman, akkasuma Iraanittis namoonni hedduun mormiif karaatti bahuun oomisha biyyattii lagachuu fa'aa qindeessan.
Paartiin TLP yeroo sanaatti Ministeeronni mootummaa Paakistaan oomisha Firaans lagachuu kaasuun hiriira waame haqe ture.
Ministirri Muummee Paakistaan Imraan Kaan Aab Maakiroon qeequun, garuu mootummaan biyyatti oomisha Firaans lagachuu ilaalchisee murtii hin dabarsine jedhanii turan.













