Erdohaan lammiileen isaanii meeshaalee Firaans akka lagatan dhaaman

President Erdogan and Emmanuel Macron

Madda suuraa, Reuters/Getty

Pireezidantiin Tarkii Rasiip Tayiib Erdohaan lammiileen isaanii meeshaalee Firaansitti omishaman akka lagatan gaafatan.

Erdohaan gama televisiyoonaan ergaa kana kan lammiilee isaaniif dhaaman mootummaan Firaans ''finxaaleyyii islaamaa'' irratti ejjennnoo jabaa akka fudhatu ibsuu sababeeffachuuni.

Ergaa isaanii kanaaniis ''Musliimota biyya Firaans jiran irratti cunqursaan hin gaha yoo ta'e'' aanga'ootni addunyaa eeggannoo akka godhiif gaafatan.

Hariiroo biyyoota lameenii akka hammaatu sababa kan ta'e barsiisaan Fireens daree keessatti fakkii Nabiyyuu Mahammaad qoosaaf kaafame(cartoon) agarsiisuu isaaf ajjeefamuu isaati.

Firaans fakkiiwwan qoosaaf kaafaman 'Cartoon' kaasuu hin dhiiftuu jedhan Maakroon.

Fakkii Nabiyyuu Mahaammad qoosaaf kaasuun amantaa Islaamaa keessatti safuu yoo ta'u, hordoftoota amantichaas hedduu oriisisa.

Mootummaan Firaans ammoo wantoota ta'an hunda amantaa irraa bilisa ta'anii ilaaluun tokkummaaf gaariidha jedhee amana.

''Meeshaalee Firaansiin omishamaniif gatii hin kenniinaa, hin bitiinaa'' jedhanii, ''hoogganoonni Awrooppaas Pireezidantiin Firaans duula jibbinsaa isaanii akka dhaaban itti himuu qabuu'' jedhan Erdohaan ibsa isaanii Wiixataan.

Ajjeechaan hariiroo biyyoota lameenii hammeessuuf sababa ta'e dhalachuu isaa torban lama duras Maakroon amantaa Islaamaan amantaa rakkoo keessa jiru jechuun ibsanii turan.

Itti dabaluunis finxaalessummaa Islaamaa "Islamist separatism" jechuun ibsan irratti tarkaanfii akka fudhatan himaniiru.

Lixa Awrooppaatti biyya hanga Firaansa hordoftoota amantaa musliimaa hedduu qabu hin jiru.

Yaada Maakroon kanaan Erdohaan nama jalqabaa mufii isaanii ibsan miti.

Ministirri Muummee Paakistaan Pireezidantichi Islaamummaa lolaa jiru yaada jedhu kennaniiru. Kuweet, Joordaaniifi Qataaritti ammoo meeshaaleen Firaansitti omishaman bakka gurgurtaatii kaafamaniiru.

Liibiyaa, Siiriyaafi Hulaa Gaazaattis hiriirri mormii gaggeefameera.

Erga yaadni Tarkii dhagaahamee ammoo mootummaan Jaramanii deeggarsa Maakrooniif qabu ibseera.

Firaansiifi Tarkiin miseensa 'Nato' yoo ta'an Armeeniyaafi Azerbaajiyaan giduutti lola dhalate hordofee lameenuu garee faallaa deeggaruun hariiroo isaanii hammeesseera. Liibiyaattis akkasuma qaamota garaagaraa deeggaruun faallaa walii dhaabataniiru.

Baha Meditiraaniyaanii bakka madda walmorkii ta'etti barbaacha gaasiifi bobaa Tarkiin gaggeessiturrattis Firaansi waliin waldhabdeen jira.

Waldhabdeen kun Firaans hanga jeettii waraanaa naannichatti ishee gaheera.