Balaa baaburaa Masiriitti dhaqqabeen yoo xiqqaate namootni 32 du'an
Balaa baaburaa Masiriitti dhaqqabeen yoo xiqqaate lubbuun namoota 32 darbuu qondaalonni mootummaa himan,.
Baaburri lamaan walitti bu'uun garagaluun namootni 165 tahan madaa'uun 32 kan tahan lubbuu dhaban.
Baaburri fuuldura imalaa ture ''namoota hin beekamneen'' tasa akka dhaabbatu yoo godhamu baaburri duubaan ture dhufee itti bu'uun balichi dhaqqabuu abbaan taayitaa daandii baaburaa biyyattii himeera.
Pirezidaanti Abdul Fattaa al- Siisii namoota kana raawwatan adabbii cimaan akka eeggatu himaniiru.
''Namni maal na dhibdeen malaammaltummaan, yookaan sababa wal fakkaataa biraan balaa suukaneessaa kana geessise adabbii cimaa ilaalcha tokko malee yookaan osoo hin turiin argata'' jedhan.
Balaan kun kibba magaalaa Kaayiroo fageenya Km 365 irratti dhaqqabe. Baaburii tokko magaalaa Kibbaa Luukshor fi buufata qarqara Meditiraaniyaanii kan taate Aleksaandariyaa gidduu imalaa ture.
Inni biraan ammoo magaalaa Kaayiroo fi Aswaan gara Kibba Masirii gidduu imalaa ture.
Anbulaansotni 70 ol ta'an bakka balaan kun dhaqqabetti ergamuun namoota miidhaman kaasaniiru.

Madda suuraa, EPA
Qaamni mootummaa dhufee waan tahe akka ilaalu barbaanna. Baabura jalaa namoota baasuu hin dandeenye,'' jechuun namni achi ture tokko Rooyitarsitti hime.
Lubbuu oolchuuf kireeniin maashinoota gurguddaa ol kaasuuf gargaaru akka barbaachisusu himeera.
''Namootni du'aniiru, warra lubbuun jirullee garatti baasnu dhabne.''

Ministirri muummee Mostafa Madboolii bakkatti balichi dhaqqabe daawwataniiru. Maatii miidhamtootaaf beenyaa kaffaluuf waadaa seenan.
MM Madbooliin mootummaan balaa wal fakkaataan akka hin uumamneef daandii baaburichaas akka fooyyessu himaniiru, akka Ahram Online gabaasetti.
Masiriitti balaan baaburaa sababa hanqina suphaa fi investimentii dhabuu daandichaa irraa kan ka'e yeroo baay'ee ni dhaqqaba.
Balaa guddaan lubbuu namoota 373 galaafate bara 2002 keessa yeroo baabura gara Kibba Masiriitti imalaa ture irratti balaan abiddaa dhaqqabedha.















