Poolisiin Jarman namicha baabuuraan ajjeechaa raawwachuuf ture jedhe to'annaa jala oolche

Madda suuraa, EPA
Biyya Jarmaniitti konkolaachisaan baabuura saffisaan konkolaachisuun ajjeechaa raawwatuuf ture jedhamuun shakkame to'annaa jala oolfame.
Namni kun garmalee saffisuu irraa kan ka'e daandiin baabuuraa irratti osoo riqicha magaalaa FiraankFartii hin gahiin jiru tokkorraa garagaluuf ture jedhame.
Konkolaachisaan baaburaa kun guyyaa Jimaataa osoo riqicha ce'uu ''waan hin baramne tokko'' itti dhagahamee ture. Osoo dhimmi kun hin baramiin dura baaburootiin hedduun riqicha irra qaxxaamuraa turan.
Furgoon baabura inni konkolaachisaa turees kan duraan barameen ala waliirraA fagaachuun haala imaltoota balaaf saaxilu keessa turan.
Abbaa qabeenyaa baaburichaa kan ta'ee Daachi Bahan garuu taatee kan 'dabadha' jechuun ibseera.
Namtichi umuriin isaa waggaa 51 ta'eefi baaburicha konkolaachisaa ture kun Sanbata to'annaa jala olfameera.
Ibsa abbaan alangaa baaseenis kaayyoon nama kanaa hanga ammaatti ifa miti jedheera. Poolisiin ammoo 'yaalii ajjeechaati' jechuu hin dandeenyu jedha.
Midiyaan biyya keessaa akka gabaateetti furgoowwan baaburaa sentimeetira shan walirraa fagaataanii turan.
Kunis kan duraan barameen adda jedhame.
Haalli akkasii kunis baaburricha akka riqicha keessatti namoota kufisuuf sababii ta'u danda'a jedhameera.
Poolisoonnis imaltoota baaburichaa kam irrayyu miidhaan qaqabee waan hinjirreef baayyee caromaniirus jechuun haalicha ibseera.














