Dhaabbileen Itoophiyaa abaaboo alatti ergan weerarri Covid- 19 nu miidhe jedhan

Abaaboo gabaaf qophaa'e

Jiini Guraandhalaa hanga Waxabajjii jiru omishtoota abaaboo fi biqiltuuf ji'a daldalaa guddaa ta'uus sababa weerara Covid- 19'n oomisha bara darbe yeroo wlafakkaataan walbira yoo qabamu 85% gadi bu'uu ogeeyyiin ibsan.

Holotaafi Baahirdaaritti qonna abaaboo kan qabu dhaabbatni Itiyoo Agrii seeft, weerara koronaavaayirasiin gabaan isaanii idila addunyaa hedduu qabbanaa'uu beeksise.

Qonna isaa naannolee lamaaniirra waggaatti muka abaaboo miiliyoona 40 gabaa idila addunyaatti dhiyeessaa akka ture hojii gaggeessaan dhaabbatichaa obbo Isaayyas Kabbadaa dubbatu.

Torbanoota darban gatii abaaboo gabaa idila addunyaatti gadi bu'uus himan. Sababa kanaatiinis, guyyaatti doolaara Ameerikaa 21,200 dhabaa akka jiran obbo Isaayyas himaniiru.

Dhaabbatichi hojjetoota isaa boqonnaa akka bahan gochaa kan jiru ta'uufi muka abaaboo 100,000 ta'u guyyaatti gara koompostiitti jijjiiruuf dirqamuu himan.

Koroonaavaayiras
Presentational white space

Dhiyeenya magaala Baahirdaaritti kan argamu dhaabbatni omisha abaaboo Xaanaa Filooriis rakkoon walfakkatu isa mudachuu beeksiseera.

Hojii gaggeessaan qajeelcha gurgurtaa dhaabbata kanaa obbo Aabinnat Balaay guyyoota saddeet darban keessatti mukni abaaboo miiliyoona 1.8 ta'u gabaa dhabee baduu himan.

Kunis maallaqni birrii miiliyoona 10'tti akka tilmaamamu dubbatan. Hojjettootni isaa 700 ol ta'an hojii malee taa'uus himan.

Rakkoon kun yoo itti fufe dhaabbatichi hojjettoota isaaf mindaa kafaluuf akka rakkatullee dubbatan.

Daayireekatarrii waldaa ala ergitoota Abaaboofi Kuduraa Obbo Teewdiroos Zawdee miidhaa seektara kana mudachaa jiru kanaaf mootummaan deeggarsa akka gochuu qabu gaafataniiru.

Waldaan kun mootummaan yeroo liqaa itti kaffalan dhaabbilee kanaaf akka dheeratu, liqaa dabalataas argatanii omishaalee isaaniif gabaa biroo akka barbaadan deeggaruu qaba jedheera.

Mootummaan rakkoo kana hubatee torbee dhufu keessa deebii ni kenna jedhamees abdatama jedhan.