Ibidda baaburarratti Paakistaanitti qabate yoo xiqqaate namoota 73 galaafachuu poolisiin hime

Furgoo baaburaa gubataa jiru

Madda suuraa, Reuters

Osoo imaltoonni magaalaa Paakistaan Kaaraachii irraa gara Raawaalpindii imalanii baaburri boba'e jennaan yoo xiqqaate 73 du'an.

Ministeerri baaburaa, Sheek Raashid Ahimad, akka jedhanitti ibiddi kuni kan ka'e meeshaan itti nyaata qopheessan waan dho'eefi jedhaniiru.

Laboobni ibidda kanaa yoo xiqqaate furgoo sadiitti tamsa'uutu himame.

Akka qondaaltota miidiyaa biyya keessa irratti waabeffaman taanaan hedduun isaanii kan du'an osoo baabura ibiddaan gubataa jirurraa utaalaniiti.

Namoonni 30 biroo kan madaa'an yoo ta'u lakoofsi namoota du'anii dabaluu mala.

''Meeshaan itti nyaata tolchan ykn istooviin lama boba'e. Nyaata waan qophessaa turanif zayitiin harkarra ture immoo ibiddatti humna dabale,'' jedhan Sheek Rashiid Ahimad.

Inni imaltoonni baabura daandii fagoon imalu kessa istoovii fiduun nyaata qopheessan kuni rakkoo turedha jedhaniiru qondaalli kuni.

Imaltoonni hedduun immoo yaa'ii warraaqsa Musliima Sunniin qophaa'e irratti hirmaachuuf kanneen deemaa turanidha jedhan.

Rakkoon kuni kan mudate Kibba biyyattii bulchiinsa Punjaab magaalaa Rahiim Yar kaarittidha. Baaburri kuni guyya guyyaan kan deemu yoo ta'u imala takkaan sa'aatii 25 fi walakkaa imala.

Balaan baaburaa Paakistaanitti yoo mudatu kuni kan duraa miti. Balaa dhaqqabuunis lakkoofsi namoota du'anii baay'eedha. Kanaafis sababani namoota qabachuu danda'an caalaa hedduu waan qabataniifi.

Adoolessa darbe 11 kan du'an yoo ta'u ji'a darbe immoo afur du'aniiru.

Bara 2007 immoo 56 du'anii 120 yoo madaa'an bara 2005'tti immoo balaa hamaadha jedhameen 130 du'uun isaani ni yaadatama.