'Abbaakoo isa nama ajjeesu' - ijoollee Arjantiinaa yakka ajjeechaa abbootiisaanii saaxilan

- Barreessaa, Valera Peraasoo
- Gahee, Gabaastuu dhimma hawwaasummaa BBC World Service
"Abbaa, dhuguma namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeesteettaa?'' kun gaaffii namootni baay'een maatii isaanii gaafachuu barbaadan miti. Garuu garee ijoollee dubaraa fi ilmaan Arjentiinaa tokkoof gaaffii bira hin darbamne ture.
Hagayya sa'a booda, mana jireenyaa Anaaliyaa Kalinek magaalaa Boones Aeeresitti yoo bilbilamu, bilbilichi waan maatii ishee addaan facaasu taha jettee hin yaadne ture.
''Haadhakooti. Elaamee hin rifatiin, garuu abbaan kee mana hidhaa galeera,'' na jette.
Hin sodaatiin dhimma siyaasaaf hidhame.' Hanga guyyaa bilbila sanaatti abbaakoo hojii mootummaa abbaa irree keessaa harka qaba jedhee yaadee hin beeku. Fageenyumattuu....
Abbaan Anaaliyaa, Edwaardoo Emiliyoo Kalinek jedhama.
Poolisii tahuun mootummaa abbaa irree Arjentiinaa 1976 hanga 1983 bulchaa ture jalatti hojjetaa ture.
Seenaa biyyattii dhiyeenya darbee keessatti yakka sarbama mirga namoomaa baay'ee hamaa taheen himatame.
Mana hidhaa dhoksaa mootummaa abbaa irree sanaa keessatti yakka namoota 180 ugguruu, ajjeesuu fi akka malee dararuun himatame.
Bulchiinsi humna waraanaa waggaa torba aangoo irra ture keessatti garee siyaasaa warra komonistootaa, sooshaalistootaa, barattoota fi artistootaa irratti xiyyeeffachuun miidhaa geesisaa ture.
Namootni 30,000 butamuun seeraan humnoota nageenyaa akka Kalenich fa'aan hidhamuun booda ''dhabamaniiru.''
Garuu Anaaliyaan hamma bara 2005tti icciitii abbaashee kana hin beektu ture.
Yeroo umuriin ishee waggaa 25 tahu ture haati ishee kan bilbiltee itti himte.
Kalenich mana hidhaa galuun jalqaba haati warraa isaa abdii qabaattus hin gadhiifamiin hafe.
Yakka namoomaa raawwateef bara 2010 keessa hidhaa umurii guutuun adabame.
''Akkas jedhee na gaafate: 'Luban sitti fakkaadhaa?''' jette intalli isaa Anaaliyaan. Abbaakoo baay'ee jaalladhu, kaniin baay'ee itti dhiyaadhudha. Jechan dhabe.''

Paawulaa ( maqaa ishee guutuu akka hin fayyadamne BBCkan gaafatte] yeroo waa'ee abbaashee barte dubbatti.
Yeroo umuriin ishee waggaa 14 abbaan ishee, ishee fi obboleessa ishee fudhachuun kaafteriyaa tokko deeme. Poolisii dhoksaan qorannoo gaggeessu tahuu isaa isaanitti hime.
Booda basaasaa tahuu isaa hubatte. Namoota siyaasaa mootummaa morman [left wing groups[ adda baasuun eenyu akka qabamuu qabu irratti hojjechaa ture.
''Erga gara sammuukootti dhufee booda waanti mootummaan abbaa irree hojjeta jedhee beeku abbaakoon raawwachaa ture, yookaan isaaniif hojjechaa ture, akka nama isaan waliin hojjechaa tureetti qaana'aafi miirri balleessaa hojjechuu natti dhagahamaa ture,'' jette Paawulaan.
''Amma beekumsa kanan qaba, waanin gochuu danda'us hin jiru. Akka nama icciitii qabamuu hin qabne dhoksee kaa'uuti.''
Ijoollee dubaraa kana seenaa maatii isaanii baruuf waggoota itti fudhate, amma erga huatanii garuu dubbachuuf ariifatan.
Isaan garee '' ilmaan dhiiraa, dubartootaa fi firoota namoota yakka duguuggaa sanyii kakaasaniiti,'' akka ofiin jedhanitti. Abbaa isaanii ifatti ceepha'uun bu'aa hojii maatii isaaniin miidhamuus dubbatan.

Anaaliyaa Kalenich , ogeettii saayinsii xiinsammuu fi barsiiftuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa yoo taatu bara 1980 yeroo gareen bulchiinsa Juuntaafi warra cunqurfamtootaaf falman wal dura dhaabbachaa turan sana keessa dhalatte.
Waa'ee abbaashee poolisii turee kan isheen yaadattu sana booda yeroo inni ijoolleesaa dubaraa gara kilaba ispoortii fi imala bashannaa qurxummii kiyyeessufatti isaan fudhattu yaadatti.
Ishee fi obbolaanshee dubaraa sadii heerumaniiru.
Hundi isaanii siyaasa keessatti hirmaachuuf fedha hin qaban.
Haati ishee gaafa bilbilteef sana mana hidhaatti abbaa isaanii dubbisuu akka deeman yaadatti.
''Yeroo isatti dubbannu akaks nu jedhe, 'waan isaan waa'eekoo isinitti himan hin amaniinaa, hundi isaayyuu tuullaa sobaati,''' jette.
Waan dhiifama godhuuf tokkoyyuu akka hin qabne maatii isaatti dubbate.
Akka ''waraana'' irra ture himee amma warri yeroo sanaa aangoo qabatan ''lefties'' ijaa bahachuuf akka isa hidhan dubbate.
''Jechicha hin hubanne'' jette Anaaliyaan.
Anaaliyaaf mootummaan abbaa irree waanta darbe tokkodha. Erga abbaan ishee hidhamee waggoota muraasaaf of osoo hin amansiisiin jiraachaa turte.
Haadholiifi akkoo Pilaazaa De Mayoo, kanneen firootni isaanii jalaa dhabamsiifamanii duula gaggeessan, nan deeggara, jette.
''Hunduu gaariidha garuu abbaan koo waan tokko iyyuu gochuu hin danda'u. Dogogora akka tahen amana...yeroo qorannoon jalqabe sana akka abbaan koo nutti hime sanatti haalotni turan waan salphaa tahan akka hin turren hubadhe.''

Anaaliyaan yeroo galmee himata abbaa ishee dubbiste seenaa isaa darbe waliin fuulaa fuulatti walitti dhufte.
Himata fuula 800 qabu irratti yakka shororkeessaa inni hojjetaa ture namoota lubbuun oolaniin kan himame barraa'eera.
''Ibsa kaampii bakka humni waraanaa namoota butan tursiisan dubbiseera. Akka kaartaatti waan ibsameef abbaa koo achi keessa godhee ilaaluun waan ulfaataadha,'' jette.
Miidhamtootni Kalenichiin maqaa isaa dhugaan hin beekan.
Mana hidhaa inni keessaa hojjetaa ture keessatti namootni eenyummaa isaanii dhoksuuf akkuma godhan inni ''Dooktor K'' jedhamee waamama ture.
''Akka maqaa kanaan isa waaman beeka, sababni isaa gaaf tokko akkookootti yeroo himu dhagahee maqaan kun eessaa dhufe jedhee gaafannaan yeroo hedduu ogeessa seeraa waan fakkaatuuf akkas na jedhu jedhe. Asitti ogeessota seeraa doktor jennee waamna. Garuu inni mana hidhaa dararaa sana keessatti 'dooktorii'' nama dararuu manichaa tahuus danda'a.''
Dhuma irratti Anaaliyaan abbaashee mana hidhaatti deemuun mormite.

Madda suuraa, Getty Images
"Yeroon kana godhu nama aariidhaan waan hin ibsamne ibsuuf yaalu tokkon arge. Kana gochuu isaan shakkiikoo naaf mirkaneesse. Dhuunfaadhaan akka harka keessaa qabu jecha sirrii ibsu barbaacha calliste,'' Waan sammuu nama dhukkubsu [Mind Blowing] jette Anaaliyaan.
''Hariiroo jaalala abbaa gaarii fi yaadannoon ijoollummaa sun hundi haalota ulfaataa natti taasisan,'' jette.
Namootni ragaa bahan hedduunis bakka mana dararaa sadiitti akka isa argan himaniiru.
Namootni baay'een yeroo sana hidhaman dhabamaniiru. Akka ajjeefamanitti fudhatamee hafeera.
Ana Maariyaa yero mana hidhaa galfamte umuriinshee ganna 16 yoo tahu ulfa turte.
''Dooktor K'' naannoo mana dhiqannaatti ishee argee akka ishee dhiite yaadatti.
Ulfa tahuu ishee maaliif namoota ishee qabanitti hin himne jedhee natti aaree ture jette.
''Luka kee banee akkan sirraa baasu barbaaddaa?'' jedhee natti iyye jette.

Madda suuraa, CONADEP
Miguel D'Agostino namni jedhamu tokkos Kalenich namoota sadii biroo waliin mana hidhaa 'oppireeshinii tiyaatiraa' jedhamu keessatti shiboo elektirikiin walitti aansuun guyyoota shaniif isa dararaa turuu ragaa bahe.
Deeliyaa Bareraa yeroo ganna 22 turte mana ishee keessaa fuudhamuun, garee hidhataniin butamtee mana hidhaa dhoksaa kalenich keessa ture EL Atiletiko jedhamu geeffamuu himte.
''Ijikoo hidhamee sagalee naannoo koo ture dhagahaan ture,'' jette Bareraan.
''Qullaa na buusanii sibiila tokkoon na garafan. Achiin booda eletirikiin na dararan. Buufata poolisii irra boombii buuste jechuun waan ani hin gooneen na himatan. Maqaa namoota hidhatanii akkan himuuf na gaafatan. Akka jechaa itti fufe..'' jechuun yaadatti.
Hidhaa guyyoota 92 booda ''Doktor K' akka argite himte. Iji ishee laaffatee haguugamee ture.
''Doktor K'' hakiiman se'e jettee akka lafeen cinaachaa ishee cabeeru natti hime jette.
Fuula isaa tasumaa hin dagadhu kan jette Bareran yeroo qorannoo sana abbaan seeraa tarii namoota ishee dararaa turan yoo yaadatta tahe jedhee ishee gaafannaan, ' kuunnoo ''Doktor K''' jette.

Qorannoo yeroo dheeraan Mudde 2010 Kalenich hidhaa umurii guutuun adabame. Kun erga bulchiinsi juuntaa kufee waggaa 40'n booda.
Ofiserootni waraanaa fi poolisii 1,000 tahan saraba mirga namoomaan himatamuun murtoo jajjabaan irratti darbeera. Himatni 370 tahu ammayyuu sirna haqaa Arjentiinaan ilaalamaa jira.

Madda suuraa, CIJ
Garuu namootni yakkicha keessatti hirmaachaa turan hedduun seeratti hin dhiyaanne.
Ragaa guutuun akka itti gaafataman godhu akka abbaa Paawulaa fa'aa hin argamne waan taheef.
''Maal akka hojjechaa ture nan beeka. Sababni isaas natti himaa ture waan taheef keessatti hirmaateera. Isa irratti ammoo itti boona, akka gootaatti of ilaala,'' jette.
Hanga qabxii kanaatti abbaa ishee ogeessa seeraa seeti ture. Uffata poolisiidhaan isa argitee hin beektu.
''Yeroo sana umuriin isaa 20 keessa ture, suuraa isaa qaba. Poolisii natti hin fakkaatu ture. rifeensi isaa dheeraadha. uffanni isaas akkuma dargaggeessa 1970 keessaa tokkooti.''

Paawulaan haalota turan wal qabsiiftee ilaaluun namoota qabuun mana hidhaa galchuun dararaa akka ture hubatte. Akkuma Analaaiyaa isheenis itti dubbatteetti.
'' Itti himeera, ' nama hin darariin. Yoo waa hojjetan isa hin beeku ani. Nama hin darariin. waan kana waliin dubbadheera.''
Abbaan ishee, ''qondaalonni mootummaa ''shororkeessitoota'' ittisaa jira. Warri koministii dhufaa jira,'' jedhee deebisaaf ture.
Paawulaan harka abbaa isheerra dhiigni nama meeqaa akka jiru hin beektu, sanuu gaabbii ykn qalbii geeddarchuu tokkollee hin agarsiifne jette.

Erga waan kana hubattee waggaa booda haati ishee duute.
Paawulaan hariiroo abbaa ishee waliin qabdu hundaa adda kutte.
Bara 2019 keessa istirookii dhukkubsachuun yeroo hospitaala galuu isaa dhageessu deemtee hin dubbisne. Yeroo inni du'es awwaalcha isaa hin deemne.
''Namoota isa jaalataniif awwaalcha dhaquun koo kabaja dhowwachuu taha jedheen yaade. Garuu immoo gama koon abbaakoo jireenya koo keessaa dhabuukoon gaddeera. Kanaaf fedha hin qabun ture.''

Waggaa muraasa dura Paawulaa fi Anaaliyaan fa'a akkasumas ijoolleen namoota waraanaa maatii isaanii yakka hojjetan ceepha'an wal arganiiru.
Garuu akka tasaa waan tahe osoo hin taane bara 2017 keessa mana murtii ol-aanaati kana qindeesse.
Yeroo bulchiinsa pirezidaanti Maaroshiyaa Maakirii, namoota dhibbaan lakkaa'aman yakka kana hojjetanii himataman gadhiisisuuf yeroo jedhu kun tahe. Isaan keessatti kalenich argama.
Namootni walakkaa miliyoonaa tahan mormiif daandiitti bahan.
''Dhugumatti abbaankoo hidhamuun hawwasa Arjentiinaa dudubachiiseera. Amma callisuu hin qabu. Ifadha, duubatti deebi'uun hin jiru'' jette Anaaliyaan.
''Abbootiin keenya waan hojjetaniif akka kaffalan barbaanna'' jette.

Madda suuraa, Valeria Perasso
Anaaliyaan waggoota 23 gorsaa xiinsammuu ishee irraa kan hafe nama biraatti waa'ee abbaashee dubbattee hin beektu ture. Amma ifatti dubbachuun hiikamuu guddaadha.
Amma gareen miseensota 80 qabu, irra caalaan isaanii dubartoota tahan ijaaramaniiru. Waliin nyaatu, waa'ee siyaasaa, miira isaanii fi hawwaasatti dubbachuu waliin mari'atu.
Duulli isaan gaggeessan ammoo abbootiin isaanii yakka hojjetan amanuu diduu sirrii akka hin taane fi abbootii seeraa namoota yakka hojjetan biroos akka adaban jajjabeessuu irratti xiyyeeffata.
''Amma iyyuu akka dubbatu eegaan jira. Akka odeeffannoo waa'ee miidhamtoota isaa qabu nan beeka,'' jette Anaaliyaan waa'ee abba ishee.
''Akka namoota dullooman kaanii osoo hin taane abbaankoo waan raawwate yaadachuu danda'a. Osoo kana beeku callisuu filate. Callisni isaa kun ammoo dhukkubbiifi miidhaa natti fideera.''
Erga abbootiin isaanii hin dubbatan tahee gareen 'Disobedient Stories' yakka namoomaa maatiin isaanii raawwataniif ijoolleen mana murtiitti aragamnii waan beekan akka seerri isaaniif eeyyamu gaafatan.
Fakkeenyaaf Anaaliyaan abbaan ishee ''Doktor K'' akka jedhamu beekti. Akkasuma namni biraa abbaan isaa nama lubbuun jiru helikoptera irraa garba bishaaniitti darbachaa akka ture beeka. Garuu mana murtiitti hin dubbane.
''Akka hawwasumaatti abbaa kee irratti dubbachuun ni balaaleffatama. Abbaakee dhiigakee. Haa tahu, yoo abbaan kee nama darara tahe, gudeede, hattuu tahe hoo? Homaayyuu hin jettuu?'' jette Anaaliyaan.
''Uummatni kanallee hin gaafatu. Tarii yerootti hojjennudha.''

Bara 2018, 'Disobedient Stories' gara daandiitti bahuun guyyaa fonqolcha juuntaa Bitootessa 24 yaadatan. Barreeffamni dhaadannoo isaanii ''nuyi maatii namoota duguuggaa sanyii kakaasaniiti,'' jedhe.
Anaaliyaan akka jettetti ''namootni baay'een itti bitaacha'e. Kaan ammoo imimmaaniin hudhaman. baay'een ammoo isaan galateeffatan.''
''Gareen firootni namoota yakka hojjetanii ifatti bahanii balaaleffachuun kun kan jalqabaat''

Madda suuraa, Historias Disobedientes
Ilmaan dhiiraa fi dhalaa namoota yakka kana hojjetaniif haalichi ulfaataadha.
''Ilaali, yeroo hundaan of gaafadha. Gareedhaanis ni mari'anna,'' jette Anaaliyaan.
''Yaadannoo kee gaggaarii sana akkamiin balleessita? Akkamiin jaallachuuf jaallachuu dhiisuu isa jedhu murteessita? Abbaan jaallachaa ture irraa abdii kutachuun dadhabe. Ana waliin kan jiraatutu jira. Kanaafuu miira wal xaxaa kana waliinan jiraachaa jira.''
Gar tokkoon isaanii tarkaanfii biraas fudhataniiru. ''Intala isaa duraanii'' gara jedhutti seeraan maqaa akaakayyuu isaaniis jijjiirachuuf gaafataniiru.
Akkan yaadutti kun murtoo dhuunfaati. Anaaf waan jijjiiru homaa hin qabu. Abbaakoof mirga maqaa akaakayyuu koo fayyadamuu ykn tursiisuu hin kennu. Anaafis Maqaa Akaakayyuukoti. Maatiikoo, seenaakoo'' jette Anaaliyaan.

" Namoota baay'ee irraa waan baay'ee fudhatteetta,'' jettee abbaan ishee yeroo lubbuun jiru itti himte. Maqaakoo hin fudhattu. Xureesiteetta. Dhoqqee dibde. Amma qulqulleessuufan jira.''
Erga inni du'ee garee sana keessaa duubatti jetteetti. Garuu ''ejjennoo naamusa mootummaa abbaa irree irratti qabu, gahee abbaakoo achi keessa turee irratti waan jijjiire hin qabu.''
'Ammayyuu itti gaafatamummaa dubbachuu fi Arjentiinaa fi adunyaa irratti namoota kaan hariiroo namoota yakka hojjetan waliin qaban irratti osoo hin hundaa'iin akka morman kakaasuu akka narra jiru natti dhagahama. Kanaafuu lolichi hin xumuramne.''
Suuraamaatii Anaaliyaa Kalenich fi Paawulaa irraa














