Ogeessotni tooftaa dararaa CIA'n bishaaniin mana hidhaatti fayyadamu kalaqan mana murtiitti dhiyaatan

Humni waraanaa Ameerikaa shakkamtoota Talibanii fi al-Qaayiaa yeroo eegu Amajji 11 bara 2002.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Manni hidhaa Ameerikaa Guwaantanamoo kan Kuubaatti argamu shakkamtoota Talibanii fi al- Qaayidaa itti hidhuuf gargaara.

Ogeessi xiinsammuu tooftaa dararaa CIA'n qophheessuun deeggaraa ture Guwantanamootti mana murtiitti dhiyaachuun ragaa kenne.

Jeemsi Misheel Guwaantanamootti ragaa kennuu kan barbaadeef maatiin miidhamtoota haleellaa 9/11 achi waan jiraniifi jedhe.

Dr Misheelii fi hiriyyaan isaa Biruus Jiseen tooftaa dararaaa bishaaniin gaggeeffamu 'waterboarding.' jedhamu waliin tahuun kalaqan.

Namootni shan Guwaantaanaamotti hidhamanii jiran haleellaa 9/11 raawwatan jedhamuun mana murtiitti dhiyaachuuf jedhu.

Isaanis Kaalid Sheek Mohaammad, haleellaa Waashingitanii fi Niwu Yoorki nama adda durummaan qindeessedha jedhama.

Obbo Mohaammad yeroo mana hidhaa Guwaantaanaamoo turetti irra deddeebiin dararamaa akka ture hime.

Sanadni CIA akka agarsiisutti darara bishaaniin gaggeeffamuu fi ogeessaan deeggarame yeroo 183'f irratti raawwateera.

Namootni afur hafan ammoo Waaliid bin Ataash, Ramzi bin al-Shibii, Amaar al-Baluchii fi Musxafaa al-Hasawi kanneen jedhaman osoo mana hidhaa humna waraanaa Ameerikaatti hin dabarfamiin dura manneetii hidhaa galaanota garaagaraa keessatti CIAdhaan dararamaa turaniiru.

Dhaddachaan dura abukaatoon himatamtootaa maamilootni isaa sababa dararaa CIAdhaan FBI'f yaada kennuu isaanii himachuu isaaf ragaa akka dhiyeessu gaafataman.

Maatiin miidhamtota 9/11dhaddacha kana dahoo keessa taa'uun hordofaa turan.

Gamoon kun Afgaanistaan keessatti an argamu mana hidhaa fi bakka dararaa CIAti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gamoon kun Afgaanistaan keessatti an argamu mana hidhaa fi bakka dararaa CIAti.

Dr Misheel abbootii seeraa ragaa ittisaa dhiyeessanitti ani kanan ragaa bahu maatii miidhamtootaaf malee siif miti jedhe.

Qorannaa gaggeeffamus torban lamaaf kan deemu yoo tahu Amajji 11 bara 2021 akka eegalus himameera.

Namootni shan himataman yakka waraanaa fi shororkeessummaa akkasumas ajjeechaa lubbuu namoota 3000 bara 2001 raawwateeni.

Dararaan Bishaanii 'waterboarding' jedhamu maali?

Kun tooftaa dararaa bishaaniin raawwatu yoo tahu miira du'aa kan namatti fidu ykn bishaaniin akka nama liqimfamaa jiruutti kan namatti dhagahamudha.

Namni dararamu sun boordii ykn bakka ciisichaa darara kanaaf qophaa'erra erga ciibsamee uffata xiqqaan afaan irra kaa'ama.

Sana booda bishaan fuula isaatti gadi naqama. Kun ammoo miira akka sombi isaa bishaaniin guutamaa jiru agarsiisu itti fida.

CIA'n dararaa bishaaniin raawwatu kana kan fayyadamuu jalqabe haleellaa 9/11 boodadha.

Draraa akkasii kana akka dhaabatuuf bara 2009 Baaraak Obamaan ajajee ture. Seeraan alas jedhameera. Haa tahu malee pirezidaanti Tiraampi bu'aa qabeessa waan taheef adararaa akkasii kana fayyadamuu qabna jedhan.

''Abidda abiddumaan loluu qabna'' jedhan.