Kaffaaloo Tafarraa: 'Fuudhee dhala godhadha jedhee yaadee hin beeku'

Kaffaaloo Tafarraa
Ibsa waa'ee suuraa, Kaffaaloo Tafarraa

Kaffaaloo Tafarraa jireenya dukkanaa abdiin tokko hin mul'anne keessa darbuun amma aduu haaraadhaan jireenya jalqabeera.

Kaffaaloon waggoota dheeraaf mana hidhaatti dararamaa turee erga gadhiifamee bultoo dhaabbachuun kaleessa ammoo ilma argateera.

Kaffaaloon mana hidhaa keessatti miilla isaa lamaan dhabee qaama miidhamaa taheeti kan bahe. Milli isaa mirga yeroo sadii irraa cituun amma kan hafee jiru seentimetira 7 kan hin caalle. Miilli bitaas akkasuma irraa citeera.

Mana hidhaa keessa osoo jiruu miidhaa irra gaheen abbaan isaa nahanii ittumaan akka du'an dubbata kaffaaloon.

Maatiin isaa sababa inni hidhame irraa kan ka'e akka bittinnaa'anii jiran hima. Egaa inni guddaan Kaffaaloon erga mana hidhaatii bahee eessa buufata?

Eenyutu isa gargaara kan jedhu gaaffii guddaa jireenya isaa tahuu hin hafu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Du'uun barbaada ture, du'uu hin dandeenye

Gammachuukoo miira lamaanan ibsa

Kaffaaloon ilma argachuu isaa hordofee BBC'n gaaffiif deebii gabaabaa waliin gaggeessera.

Kaffaaloon gammachuu koo har'aa kana miira lamaanan ibsa jedhe. Inni jalqabaa akka nama dhuunfaatti hedduu gammadeera. Guyyaa tokko iyyuu fuudhee bultoo dhaabbachuun dhala godhadha jedhee yaadee hin beeku.

Kun tahuun isaa akka malee na gammaachiisa. Inni biraan ammoo har'allee gaaffiin uummata keenya akka barbaadameen deebi'uu dhabuun fi uummatni keenya rakkoo keessa jiraachuun isaa har'as na gaddisiisa, jedhe.

''Akkuma uummatni Oromoo darara hamaa keessa darbe ilma koos carraan kun akka isa hin eegganne waaqayyo isa haa gargaarun jedha.''

'Bultoo dhaabbadhee dhala godhadha jedhee yaadee hin beeku'

Kaffaaloon jireenya isaa hafe qabsoo keessatti qofa dabarsuuf karoorfatee akka ture BBCtti hime. ''Hanga uummatni Oromoo bilisoomee nagaan bahee nagaan galuu danda'utti qabsoo kana itti fufuuf yaadeen ture.''

Kaffaaloon erga mana hidhaatii bahee gara maatii isaatti deebi'ee haalotni turan akka irra deebiin yaaduu fi namni isa gargaaru tokko barbaachisu amanuu isaa hima.

Kana irraa kan ka'e gara dhaabbachuutti seenuu isaa hima. Kaffaaloon haadha warraa isaa Ilillii Lalisaa waliin bultoo dhaabbatanii kunoo amma ilma isaanii jalqabaa argatan.

Kaffaaloo Taffarraa haadha warraa isaa Ilillii Lalisaa fi daa'ima isaanii.

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Odaa Labsii Faajjii

Ibsa waa'ee suuraa, Kaffaaloo Taffarraa haadha warraa isaa Ilillii Lalisaa fi daa'ima isaanii.

Jaalalaa fi qaama miidhamummaa

Kaffaaloon mana hidhaatti erga qaama miidhamaa tahee bahee haalotni jireenyaa ulfaachuu akka malan hima. "Garuu ani gama xiinsammuun waan hundumaa hojjechuu nan danda'a jedheen yaada. Guyyaa tokko iyyuu hin danda'u waan jedhu yaadee hin beeku."

Garuu adeemsotni hojii keessatti mul'atan akka haalotni namatti ulfaatan taasisu jedha Kaffaaloon.

Waa'ee haadha warraa isaa Ilillii Lalisaa yeroo ibsu, "haati manaa kiyya Oromoo guuttuudha. Nama Oromoo taatee akka Oromootti yaaddudha.

Waan na mudateefi hir'ina qaamaa ani qabu hunda waliin akka namoota qaama guutu qabiini olitti na ilaalti. Dadhabbii koo baay'ee hubatti. Ergan ishee waliin jireenya jalqabee waan baay'een naaf salphate."

Haati warraa koo nama Oromoo taatee guddatte, nama Oromummaa keessa jiraachuu barbaaddudha jedhe Kaffaaloon.

Maqaa mucaakee eenyu jette?

Kaffaaloon mucaa isaaf murteessee ammatti maqaa aka hin moggaasne hima. Haati warraa isaa garuu maqaa basteettiif jedhe. Isheen ilma keenya 'Marroo' jettee moggaste.

Ani ammoo ''Ayyaansaa'' jechuuf yaadeera. Ayyaana qabeessa waan taheef, bara isaatti adeemsi keenya kun furmnaata argata jedhee waanan yaadeef jedhe Kaffaaloon.