Shamarran waliin yeroo dabarsuuf nu qofti kaffaluu hin qabnu-Dhiirota Naayijeeriyaa

Namni tokkollee hariiroo isaanii gabateesaanii qarshiitti jijjiiruu hin qaban

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Namni tokkollee hariiroo isaanii gabateesaanii qarshiitti jijjiiruu hin qaban

Dhiironni asiin booda shamarran wajjin yeroo dabarsuuf qarshiisaanii dhangalaasuu dhiisuu, kennaa gati jabeessa kennuu dhiisuufi qarshiisaanii dubartootaaf kennuu dhiisuu murteessan.

Kun akka murtee waldaa dhiirota qococaa ykn dooyna Naayijeeriyaatti.

Waldaan kun jalqaba waggaa kana yaaddoo gatii guddaa shamarran beellamanii waliin haasaʼuu irraa ka’ee yaadaan uumame miidiyaa haawaasa irratti deebii akka akkaa kaasaa ture.

Dhiira ta’uun Naayijeeriyaa keessatti cimaa taʼeera, dhiibbaa guddaati nurra gaʼaa jira,” jedha gazexeessan Naajeeriyaa jiraatu Fireed Ittu'aa

“Namoonni hundi wanta humna keenyaa ol ta’e nurraa barbaadu. Dhiirti akka maashinii qarshii dabarsuutti ilaallamuu hin qabu, nulleen nama nu bashannansiisu barbaanna,” jedhe.

Namni biroo kan yaada isaa fuulaa feesbuukiirratti maxxanse, hanga maallaqa beellama irratti dabarse ,beekamummaa isaaf male akka hin argatin ibsa.

Dhiirtoota arjooma isaanitiif dhiibbaa irratti godhanii akka meeshaatti fayyadamuu fi salphisuun dhaabatuu akka qabu dubbata.

Uumama waldaa dhiirota qococaa ykn dooyna miira addaa hordoftoota miidiiyaa hawaasaatti dhaga’ame hordofee, appiin waldaa kanaatti nama galmeessuu uumame.

Appiin kun kaardii diizaayinii fedhaniin galfachuu danda’an uume, guyyoota muraasa keessatti nama 50,000 galfate.

Kaardii miseensootaa kennamu

Madda suuraa, Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Kaardii miseensootaa kennamu

“Miseensoonni” galmeessuuf kakuu shishi (womaa hin kenninu) dubartoota jedhuu fudhachuu qaban.

Dubartootii gariimmoo, dhiirtii ofumaa jetti malee, hojjiirra olchuu hin dandeettu jedhan.

Saala faallaa beellamuun, Naayijeeriyaa keessatti daldala gatii qaalii ta’uu himan.

‘Gatii kafalamuu qabu baasuuf sa’aatii tiyya kenne’

Shamarran dhiira fedhii isaanii cufa guutuu barbaadan, wanti kun rakasa miti.

Wanti isaan gaafatan elektirooniksii ammayyaa, uffataa faashinii bareedaa taʼe fi mana guddaa ykn konkolaataa gatiin isaa guddaa taʼe, kun wa’ee doolarii kumaatamaa.

Namni yeroo wajjin dabarsuuf isaan beellame, waan cufaaf kafaluu qaba.

Yeroo dhiiroti hedduun qarshii wantoota bu’uuraa barbaachisan qofa argatan, kan hujjii hin jirre, dhiibbaa guddaa narra ga’a jira.

“Gaafa ani qeerroo ture, shamarree tokkoo beellamee, nuu lameeniif baajata godhe,” jedha Ittua'an

“Galgala sun garuu hiriyaa ishee qabattee dhufte, nyaata ani kafaluu hin dandeenye ajajan. Gatii kafaluu na hin gargaarre, kanaaf, kafaltii sun madaaluuf sa’aatii tiyya kenne. Achiin booda, na arguu didee.”

Waan hamtuu na goote jedha.

Dhiiraa fi dhalaa harka walirra kaa'atanii jiran

Madda suuraa, Getty Images

Dhiirota biroof, shamarran beellamanii maallaqa isaanif dabarsuun, saal-qunnamtiitin waliti-hidhaa qaba, tanaaf shamarrallen dhiibban irra ga’a.

“Dhiirtii garii qarshiidhaan shamarraniitti dhihaachuu danda’an,” jetti diizaayinaan faashinii Naayjeeriyaa Amaraachii Kanuu.

“Faayidaa argachuuf fedhiinsaanii saal-qunnamtii qofa. Shamarran natti faayyadamu jette akka hamtuu hin dhageenne mallaqaa akka badhaasa gaafatan.”

Biyyoota birootti, dubartootii beellama irratti gatii kafaluun waan addaa miti, Naajeeriyaatti garuu dhiirtii dubartootii kafaluu hin qabdu jedhani ofii-kafalan.

“Ani shamarree fedhiin ofiin of bulchuu, jaalalleen duraan ani qabu, gatii naaf hin kafaltuu. Kanaaf, walitti dhufeenya namootaa waliin qabu keessa turu hin dandeenneeyyu heerume.”

Namni tokkollee hariiroo isaanii gabateesaanii qarshiitti jijjiiruu hin qaban jetti