Gosoota qamalee iddoo turtii bineensota San Diyaagootiif talaalliin yaalii Covid-19 kennameef

Madda suuraa, San Diego Zoo/Jennifer MacEwen
Weerarri Covid gorillaawwan turtii bineensotaa San Diyaagoo keessa jiran gidduutti ka’uu hordofee, gosoota qamalee bakka turtii kana keessa argamaniif talaalliin yaalii Covid kennameefi jira.
Talaalliin yaalii kun sanyii qalamee oraangutaan afurii fi bonoboo shaniif kan kenname wayita ta’u, tokkoon tokkoo isaaniif doozii lama dhaabbati dawaa bineeldotaa oomishu ‘Zoetis’ jedhamu oomishetu kennameef.
Gorillaan saddeet iddoo eegumsa bineensota keessatti argaman qamaleewwan gurguddoo jalqaba addunyaarratti Covid qabachuun isaanii Amajjii darbe mirkana’eedha.
Amma garuu dhibicharraa bayyanataniiru.
Quqamtoonni uumamaa sodaan Covid qamaleewwan gurduddoo irraatti uumetti yaadda’uu himaniiru.
Keessattuu gorillaan balaaf saaxilamuun akka isaan yaaddessu kaasan. Dhaabbanni IUCN bineensa baduuf qarree gahee keessatti gorillaa ramadeera.
Hoggantuun iddoo kunuunsa bineensotaa San Diyaagoo Nadine Lamberiski, ‘’kuni baratamaa miti’’ jechuun Naashinal Ji’oogiraafikitti himte.
‘’Hojii kiyya keessatti talaallii yaalii adeemsa jalqabaarra jiru takkaa argannee hin beeknu, kana dura yeroo muddamaan talaallitti fayyadamuu barbaannes hin turre’’ jette.
Sanyiin Orangutan wal’aansa baqaqsanii yaaluu onnee bara 1994 addunyarraatti yeroo jalqabaatiif kennameef Karen jedhamtu kanneen talaallii argatan kessaati.
Lamberskin akka jettetti, qamaleewwan talaalliicha erga fudhatanii booda rakkoon cinaa kan irra hin geenye tahuu himuun, talaallichi milkaa’aa tahuu murteessuuf qo’annoo farreen qaama alagaa ni taasifamaafi jette.
Koronaavaayirasiin bineensota biroo iddoo kunuunsaa Niwuyoork fi Baarseloonaa keessa jiran kanneen akka leencaafi qeerransa qabee ture.
Vaayirasichi addunyaarratti bineensota adurree fi saree dabalatee bineensa mink jedhamurrattille argamee ture.
Haa ta’u malee, lakkoofsi bineensota vaayirasichi irratti argamee xiqqaa ture.

Madda suuraa, San Diego Zoo/Jennifer MacEwen
Dhaabbanni dawaa bineeldotaa oomishu ‘Zoetis’ talaallii Covid saree fi addurreedhaaf hojjachuu kan eegale Guraandhala bara darbe sareen Hoong Koongitti vaayirasichaan qabamuu hordofuun ture.
Talaallichis saree fi adurreerratti milkaa’aa fi miidhaa irraan kan hin geenye ta’uun Hagayya bara darbee himame.
Amma Guraandhala baranaatti talaallichi bineeldota biroorratti garuu hin yaalamne.
Aadde Lamberskiin qamaleewwaan gurguddoo kana talaaluun rakkoo jiru cinatti wayita ilaalamu, fudhachuun sirriidha jetti.
''Talaallii saree fi adurreef hojjatame leencaa fi qeerransaafillee talaaluuf waloon itti fayyadamna'' jette Aadde Lamberskiin.














