Injifannoo Aduwaa 125ffaa: Injifannoon Aduwaa walaloofi walleen akkamiin yaadatama?

Kabaja injifannoo Aduwaa

Madda suuraa, Getty Images

Aduwaan injifannoo guddaa Bitootessa 1, bara 1896 galmaa'edha. Kibxatni har'aa waggaa 125ffaa isaati. Injifannoon Aduwaa kun biyyarra darbee seenaa warra gur'aachaa keessattillee ol kaafamee himameera, himamaas jira.

Hayyoonni seenaa qoratanii katabaniiru; artistoonni suuraafi fakkiin ol-kaa'aniiru, walaloo barreessanii weeddisaniiru.

Artistoota waa'ee injifannoo Aduwaa weeddisan keessaa Artist Haacaaluu Hundeessaa adda durummaan ka'a.

Gahee Oromoonniifi jeneraalonni waraanaa Oromoo, akkasumas fardeen isaanii injifannoo Aduwaa kessatti qaban ogummaa qabuun himaa ture.

Nuun mitii farda keenyaa,

Ni beekuu bareechanii,

Gaafa lola Adawaa,

Gaafa Maqalee sanii… jechuun cookee geeraruun qalbii namoota hedduu keessa kaa'eera Artist Haacaaluun.

Artist Haacaaluu Hundeessaa

Artist Darajjee Balaayineh gahee namoota ogummaa qabaniin gurra guddaa horatan waan isaan injifannoo Aduwaarratti barreessaniifi weeddisan kaasuun akkasiin seenesseera.

Namoonni Darajjee barreeffama isaa kanaaf filate ammoo walaloo Looret Tsaggaayee Gebramadihiniifi weedduu Artist Ijigaayyoo Shibaabbaawudha.

Duula Aduwaafi injifannoosaa yeroo qalbiin yaadannu imimmaaniifi weedduu kolfaatu walfaana nutti foorica.

Gama tokkoon waggoota dheeraa dura haarsaa dhiigaan cuubame, karaa biraa ammoo mo'ichi ibidda bo'aan qoramee darbee addunyaa ajaa'ibsiiseefi misiraachoo mo'ichaa addunyaaf labse kun yeroo warqee ta'ee dhufu miira lakkuu namatti uuma.

Haadha faaruu Aduwaa kan taatee Ijigaayyoo Shibaabbaaw kan isheen akkas jechuun weeddisteef fayyuma miti.

Sabboonummaan, kabajaan, gammachuun, jaalalaan,

Kunoo guyyaa guyyaan mo'ichaan jiraachaan jira.

Gidiraa isaafi dhiphina isaas akkasuma.

Miirri walmakaa, yaadannoo addaa kun faaruufi yeelala yeroo mara yaadatamudha. Injifannoo ajaa'ibaa sana booda gootota wareegaman akka Fitawuraarii Gabayyoo Gurmuu dhabuun hiriyyoota isaatiif dhukkubbii ture.

Lubbuu namaa kaffalanii, waan gati jabeessa kennanii waan biraa gati jabeessa ta'e fudhachuun salphaa hin turre!

Gootonni keenya, of tuultota nu arrabsaafi nutti ga'isaa ture, halbee nuuf qarame ture harkaa butanii kan waajoo golee keenyarraa cabsan dhiiga isaaniitiin ture.

Oduu misiraachoo kan nu dhageessisan, wareegamanii injifannoo kana kan argamsiisan, seenaan keenya akka seenaa boonsaa ta'u kan taasisan diina waliin kokkee walqabanii gatii dhiigaafi dafqa xuruurfachuun ture.

Kanaaf, gootonni keenya kun har'a seenaa hin dulloomneen yaadatamu. Faajjii mo'icha keenyaa yeroon irraa hin darbine waan ta'aniif madda sabbuunummaa keenya yeroo hundaati.

Haarsaan akka mataa keenya ol-qabannu nu taasise kun sanyii lafa borqaterra bu'ee hafe hin taane. Onnee artistoota keenya keessatti biqilee margee, daraaree, asheetee weedduufi walalootiin onnee keenya keessaa burqa.

Artistoota injifannoon dhale keessaa waa'ee Aduwaa ogummaa guddaan, jechoota human qabaniifi seenaa kaleessaa sanatti lubbuu horuun ol kaasanii himan nuti hedduu dinqisiifannu keessaa Looret Tsaggaayee Gabremedihiniifi Ijigaayyoo Shibaabbaawu addatti yaadatamu.

Looreet Tsaggaayee G/Madihin fi Weellistuu Ijigaayyoo Shibaabbaaw

Madda suuraa, Tsehay Publishers/ Getty Images

Abbootiin ogummaa barreeffamaafi artiidhaan waa'ee Aduwaa hedduu jedhaniiru, garuu kaayyoon barreeffama kanaa guyyaa injifannoo kanaa yaadachaa hojii Tsaggaayee Gabremedihiniifi Ijigaayyoo Shibaabbaawu irratti fuulleffanna.

Dhugaa dubbachuudhaaf gama seenaadhaan hanga injifannoo Aduwaa guddaa kan ta'eefi dorgomsiisuudhaafillee kan itti gitu hin jiru. Injifannoon kun ashaaraa ajaa'ibaafi siidaa jabaa seenaa keenya keessaa mul'atudha.

Aduwaan seenaa guddaa idil-addunyaarratti gurra guddaa qabuufi galmee seenaa addunyaarratti kan bakka hedduu qabate injifannoo guddicha.

Kana waan ta'eef, biyyoota gara garaa keessatti hedduu barreeffameera; hedduus farfameera. Nu birattis waggaa waggaan, yeroo tokko tokko ammoo carraa argameen qalama ogeessotaan ni katabama, ni faarfamas.

Dargaggoo Abbaree Ayyaaloo kitaabsasaa "Firdinnaa Irdi" jedhurratti waa'ee Aduwaa akkas jechuun guddinaafi kabaja injifannoon kun addunyaarratti qabu kan ibseef kanaaf ta'uu hin oolu.

Aduwaan safara miti - Aduwaan mandaras miti

Seenaasaatiin biyyadha - ardiidha addunyaa bal'...aa.

Minilikfaa eebboon bahanii - madifii dura kan dhaabbatan

Goraadee luqqifatanii - fiiguudhaan qawween kan dhumani

Bilisummaa hawwaniif - dhiigasaanii kan dhangalaasan

Safaraaf qofa miti - injifannoo ardii hin xureessinaa.

Kun injifannichi hangam guddaa akka ta'e agarsiiftuudha. Akka qilxuus damee hedduu qaba. Himamees kan dhumu miti.

Waraanni qonnaan bulaa biyya iyyeettii tokkoo humna biyya Awurooppaa meeshaa ammayaa hidhateefi loltummaa ammayyaan leenji'e mo'ate jechuun waan akka hiibbootti lakkaa'ama. Garuu qabatamaan mul'atee addunyaa afaan qabachiise.

Kanaaf, guca bilisummaa, agarsiiftuu injifannaafi raajii ummata gur'aachaa hin eegamnedha jechuu ni dandeenya.

Bo'oo walaloo weellistuu Ijigaayyoo Shibaabbaawutti yeroo deebinu kana argina.

Nama ta'uun kabajaa

Namni du'eera nama oolchuudhaaf,..

"Nama ta'uun kabaja," yeroo jettu kabajni namaa bilisummaarra jalqaba. Yaadni kun gara jecha Toomaas Jefarsan nu geessa. 'Dhalli namaa uumama bilisa ta'ee dhalatedha' kan inni jedhee ture nama yaadachiisa.

Abbootiikoo, ijoolleen biyyakoo biroonis hanga har'aa waan kanatti amannuuf gabrummaa tole hin jennu. Aduwaan agarsiistuufi bu'aa diddaati.

Ijigaayyoo Shibaabbaawu:

Jiruun har'a bilisummaan naaf kenname,

Namni itti kaffalameera dhiigaafi lafeen… jetti.

Gaarreen Aduwaa, Tigraay

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaarreen Aduwaa, Tigraay

Looret Tsaggaayee Gabramedihin ammoo kitaaba isaa "Isaat way Ababaa" jedhurratti akkas jedha:

Aduwaa hambaa sanyii lafee

Dhukkee dhiigaa sabbannishee

Du'aa garbummaa jalaa urrii ittiin ba'an

Dhiiga bilisummaaf wareega galfatan

Guyyaa abbootiin siif kufanitti

Bo'oon walaloo Looret Tsaggaayee kun kan gara duubaafi fuula duraatti ilaalu, kan buusee baasu, dirree haarsaa sanaa hanga bilisummaatti kan seenessudha.

Toora walaloo kanaan turuu isaa kan agarsiisu dhiigni gogee dhukkee ta'ee biyyootti makamuu isaati. Dhiigni goge garuu bittinnaa'ee hin hafne, sabbata ta'ee tokkummaa Itoophiyaa eegsiseera. Dhiiga keessa lubbuun jira, lubbuu bilisummaaf kafalame.

Kanaaf, barreessitoonniifi artistoonni Aduwaa dhiigni itti kaffalameera! Namni itti wareegameera! kan jedhaniif.

Maddi ka'umsa waraana Aduwaa, "Nu hin tuqiinaadha!"

Ijigaayyoo Shibaabbaaw kanaaf ragaan ijaan arge Aduwaadha jetti. Gaarreen Aduwaa - Aduwaa - samii isaa, samiin kan dhungate hidhii gaarreewwanii… barbadaa yaadannoo keessoo isaatii burqu - Fitawuraarii Gabayyoon - keessa galee yeroo gubatutti - jireenya miyooftuu weedduu bilisummaa har'aaf… kan garbummaa keessaa ittiin urrii bahanidha.

Gaarreen arrabni ibidda matarayyasiin bobeesse, madifii biyyoo qote, bosona bitaafi mirgaan dibbee rukkutamuun raafame malee seenaa barreeffamaan qofa osoo hin taane Aduwaan ofuma isaa yaa dubbatu jetteetti weellisuun kun.

Ijigaayyoon sirba ishee keessatti kanaaf irra deddeebitee 'Tinnaager… tinnaager' kan jettu. Aduwaan ofumaan yaa dubbatu jechuusheeti.

Looret Tsaggaayee Gabramadihin akkas jedha:

Yaa Aduwaa ishee fagoo

Hiiroo kattaa ishee qarqara lafaa

Daassiin qayyootashee/urriishee kan bantii gubbaa.

Hiiroo/utubaa hin kufne ishee godhanii kan darban, qarqara lafaa bira hin gahamne godhanii seenaa ishee kan barreessan dhaloonni sabboonoon turaniiru.

Itti fufuun akkas jechuun walaoo afaan Amaaraan miidhagsa Looret Tsaggaayee.

Waa … Aduwaa…. jechuun jalqabee hojii gootummaafi gootota dirree Aduwaa akka Gabayyoo Gurmuufaa kaasuun ol jecha isaa jajjabaa sanaan himeera.

Barreessaa fi qeeqa ogbarruu dhiyeessuun ka beekamu Darajjee Balaayinah hojiilee walaloo fi barreeffamaa kaan sagal Afaan Amaaraatiin maxxansiiseera. Gaazexaawwaniifi barrulee adda addaarratti qeeqa dhiyeessuun beekama.