Ertiraan Itoophiyaafi Sudaan waldhabdee daangaa karaa nagaa akka furaniif gaafatte

Ministira Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saahilee Pirezedaantii Mana Maree Sudaan Al -Burhaan waliin

Madda suuraa, @hawelti

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saahilee Pirezedaantii Mana Maree Sudaan Al -Burhaan waliin

Pirezedaantiin Ertiraa rakkoo daangaa Itoophiyaafi Sudaan gidduutti waldhabdee uume karaa nagaa waliigalteen akka furamuuf aanga'oota Sudaaniif waamicha dhiyeessan.

Kun kan ibsame jilli aanga'oota mootummaa Ertiraa of keessaa qabu walitti dhufeenya Itoophiyaafi Sudaan ilaalchisee ergaa Pirezidant Isaayyaas Afawarqiirraa gaggeessitoota Sudaaniif yeroo geessanitti ture.

Ministirri Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saahileefi gorsaa Pirezedaantichaa Yemaaneh Gabra-aab Roobii darbe gara Kaartuum deemuun marii taasisanii ergaa Pirezedaantichaa akka geessan Ministirri Beeksisaa Ertiraa Yamaaneh Gabra-masqal fuula tiwiitaraa isaaniirratti ibsaniiru.

Jilli ergaa Ertiraa qabatan Pirezedaantii Mana Maree Mootummaa Ce'umsaa Sudaan Leetnaan Janaraal Abdul Fattaah Al-Burhaan fi Ministira Muummee Abdallaa Amdook waajiraaleen isaanii keessatti adda addatti arganii dubbisuu isaanii tajaajilli oduu Sudaan Suna jedhamu gabaaseera.

Jilli Ertiraa ergaa aanga'oota Sudaan kanaaf geessanirratti Pirezedaant Isaayyaas, "Garaa garummaa biyyoota lamaan gidduutti uumame obsaafi nagaan furuun," akka barbaachisu ibsuu isaanii ministirri beeksisaa fuula tiwiitra irrati barreessaniiru.

Jilli kun ergaa Pirezidant Isaayyaas geessuu dabalataan, haala yeroo ammaa Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiru mariyachuu isaanii kan ibsame yoo ta'u, Pirezedaant Al-Burhaan fi MM Abdallaa Amdook, "Rakkoo yeroodhaaf ta'e karaa nagaan furuudhaan Itoophiyaafi biyyoota biroo naannichaa waliin hariiroon cimaa akka jiraatu," akka barbaadan ibsaniiru.

Kana malees, pirezedaantichi dhimma rakkoo daangaa Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiruun alatti hariiroofi tumsa biyyasaaniifi Sudaan gidduu jiru caalaa jabeessuun barbaachisaa ta'uu xiyyeeffannaa itti kennuunsaanii eerameera.

Suna akka gabaasetti aanga'oonni ol-aanaa Sudaan lama yaada Pirezedaant Isaayyaasiin dhiyaate dinqisiifachuufi Ertiraan carraaqqii taasisaa jirtu akka itti fuftuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Michoota dhiyoo Ertiraa kan ta'an Itoophiyaafi Sudaan atakaaroo dhimma daangaa keessa erga seenaniin booda ji'oonni lakkaa'amaniiru.

Sudaan lafa naannoo daangaa Itoophiyaatiin na jalaa qabamee ture jettu raayyaa biyyashee bobbaastee to'annooshee jala oolfachuushee ifatti kan beeksifte yoo ta'u, Itoophiyaan gamasheetiin lafti bulchiinsashee ta'e Sudaaniin weeraramuu beeksifteetti.

Kana hordofees, Itoophiyaan rakkoo kana furuudhaaf raayyaan Sudaan bakkawwan qabatanii jiran gadi dhiisanii ba'anii dhimmichi komishinii daangaa biyyoota lamaaniin hundeeffameen karaa nagaatiin furmaata nagaa akka argatu irra deddeebiin gaafatteetti.

Sudaan ammoo gamasheetiin lafa loltuun biyyattii qabatte, kan daangaa seeraa biyya koo keessa ta'uu qabudha jechuun, lafa naannoo daangaarraa qabatte kana gadhiistee akka hin baane ibsuun ishee ni yaadatama.