Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaama miidhamtuu dorgommii imala gara hawaa mo'atte
Shamarreen ganna 29 Hayley Arceneaux, nama jalqabaa dhibee kaansarii lafee irraa dandamachuun qorattuu samii taate. Isheen nama jalqabaa osoo lafeenshee meeshaa namtolcheen utubamee jiruu (qaama miidhamtuu), hawaa daawwatte. Nama umrii xiqqoo jalqabaa Ameerikaa dachee naanna'uuf jirtu.
Namni waan hedduudhaan kan jalqabaa taate kun shamarree umrii waggaa 29 Hayley Arceneaux jedhamtuudha.
Kaayyoonshee kun yoo fiixaan ba'eef waan hedduudhaan nama jalqabaa taati.
Hakiima gargaartuu kan taate shamarreen kun, Amajjii darbe ture garee imala gara hawaa kan namni hunduu itti hirmaachuu danda'utti seenuuf kan filatamte.
Shamarree Arceneaux jalqaba wayita filatamte qiliixamsuu guddoo keessa turte, garuu afaanshee qabattee teesse, dubbachuu hin barbaanne.
"Ji'a tokkoo fi walakkaaf waan na quunname kana akka iccitiitti qabadheen ture. Ammaan tana garuu addunyaaf qooduu nan danda'a'' jechuun BBC'tti himte.
Gara hawaa akka imaltuuf calalamuunshee kan itti himame Wiixata kaleessaa ture.
Kan beeksise ammoo hospitaala daa'immanii fi qorannoo fayyaa 'St Jude' jedhamu kan bulchiinsa Tennessee, Memphis keessatti argamudha.
Arcebeaux daa'ima taatee wayita kaansarii lafee dhukkubsattu hospitaala kanatti yaalamaa turte, boodarrammoo hakiima taatee hospitaala kana keessaa hojjechuu eegalte.
Bara kana gara dhumaatti rookeetii Falcon 9 jedhamtuun Filooriidaa irraa gara hawaa imalti.
Rookeetiin kana kan hojjete SpaceX dha, SpaceX kan abbaa qabeenyaa beekamaa Elon Musk jedhamuuti
"Imalli kiyya kun namoota hedduu kallattii garaagaraan onnachiisuu danda'a. Wanti hundinuu akka danda'amu itti agarsiisa'' jette Ms Arceneaux.
Shamarree Arceneaux umriishee waggaa 10'tti dhibee kaansarii lafeen qabamtee hospitaala St Jude seente.
Hospitaala kanatti yeroo dheeraaf yaalamaa turte, yaalii Chemotherapy fudhachaa turte, lafeenshee garmalee miidhame kan namtolcheen bakka bu'eeraaf.
Shamarreen kun sababa lafeen luka ishee kan namtolcheen bakka bu'eef qaama hir'uudha jedhamtee bakka yeroo mara yaadduu fi hawwitu, Nasa seenuun gara hawaa imaluu hanqattee turte.
Dhaabbati qorannoo hawaa kun nama fayyaa guutuu qabu qofa fudhata waan ta'eef.
Imalli gara hawaa nama dhuunfaadhaan jalqabamuun garuu Arceneaux'f daandii saaqe, abdii guddaa ta'eef.
''Osoo sagantaa imala gara hawaa kun hin eegalamne ta'ee an nama gara hawaa imalu hin ta'un ture. Sagantaan kun namoonni qaama guutuu hin taane akka gara hawaa imalaniif daandii saaqeera'' jette.
Akka rakkoo ijoollummaasheetti argiteef, waa'een gara hawaa imaluu hafee lubbuun turuufuu abdiin hin turre.
Garuu amma milkoofteetti, gara hawaa imaluuf qophoofteetti, hawaasa kaansarii dhukkubsatu bakka bu'een imala jetti.
"Hawaasa kaansarii dhukkubsatuu fi irraa dandamate bakka bu'uuun kabaja guddaadha. Anis hanga yeroo dhiyootti dhukkubsattuu kaansarariin ture. Amma kunoo isaan bakka bu'een gara hawaa imala. Kun anaaf gammachuu guddaadha'' jetti.
"Wayita kaansarii dhukkubsattee yaalamtu wanti yaaddu lubbuun jiraachuu keeti. Fuulduratti waa yaaduun hin jiru. Milkaa'inni kiyya kun garuu namoonni kaansarii dhukkubsatan akka gara fuulduraatti waan abdii itti horu yaadan kan godhuudha'' jette Arceneaux.