Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammileen Koongoo siidaa sibiilaa tasa mul'ate barbadeessan
Lammileen Koongoo waan siidaa fakkaatu sibiila calaqqisuun tolfame addabaabayii magaalaa Kinshaasaa irratti mul'ate gubanii barbadeessan.
Wanti siidaa fakkaatu sibiila irraa kan tolfame yoo ta'u meetira 3.7 ol dheerata. Jiraattonni wanti kun eessaa akka dhufe wallaalanii abidda itti qabsiisanii guban.
Sibiilli akkanaa baatilee muraasa dura kutaa addunyaa gara garaa keessatti mul'atee ture.
Namootni suuraa ofee siidaa kanatti siqanii ka'an, oduun waa'ee sibiila kana akka ariitiin nama hedduu gahu taasiseera.
Namoonni hedduun seexanaan ykn ammoo wantoota maalummaan isaanii hin beekamne UFO jedhamaniin dhaabbate jedhanii shakku.
"Ganama tokko hirribaa kaaneetuma asitti agarre...yeroo hedduu sibiila illuminaatiin walqabatee dookumentarii irratti arginu waan ta'eef hedduu nu ajaa'ibe," jechuun jiraataan achii Sargee Ifuuluu jedhamu Rooyitarsitti himeera.
Sibiilli kun xumura torbee darbee kan mul'ate yoo ta'u, Roobii darbe kan xiyyeeffannaa namootaa argachuu eegale.
Kanneen achi turan akka jedhanitti namoonni waan keessa jiru ilaaluuf ture kan jigsan - keessi isaa duwwaa ture.
Kantiibaan Kinshaasaa Baabiloon Geebene BBC'tti akka himanitti sibiila kanarraa saamuda fudhatame saayintiistonni akka qoratan ergameera.
Sibiilli kun eessaa akka dhufe baruuf qoratamuun isaa ni fayyada jedhan.
Siida kana kan dhaabsise kantiibaa kana jedhamuu aanga'aan kun ni waakkatu.
Sibiilli akkanaa yoo mul'atu kun yeroo jalqabaaf miti.
Sadaasa darbe turiistonni Ameerikaa Yuutaah keessatti sibiila siida fakkaatu akka kanaa arganii dubbii ijoo ture.
UK keessattis kanneen biroo argamanii turan. Booda artistiin tokko anatu dhaabe jechuun itti gaafatama fudhateera.
Biyya Tarkii keessatti kan argame kan biraa ammoo mootummaatu sagantaa qorannoo hawaa isaa beeksifachuuf dhaabe jedhame.
Kan Koongoo kanas kantiibaa magaalattiitu waca uumuuf jedhee dhaabe jedhanii kanneen himatan jiru, inni waakkatulle.