Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa: 'Motummaan filannoo taajjabuuf Gamtaa Awuroppaa fi Ameerikaaf waamicha dhiyeesseera'
Dura Teessuun bordii Filannoo Itoophiyaa Birtukaan Miidhaqsaa filannoo dhufu keessatti taajjabdoonni idil-addunyaafi biyya keessaa hedduun akka hirmaatan himan.
Aadde Birtukaan kana kan himan, marii dhaabbanni walabaa dhimmoota idil-addunyaa 'Chaathaam' jedhamuufi Landaniitti bu'uureffate kaleessa dhimma filannoo Itoophiyaa dhufuu irratti karaa intarneetiin qopheesse irratti dubbatan.
Maricha irrattis Aadde Birtukaaniin dabalatee, Abbaa Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos, dura taa'aa paartii Dimokraasii Hawaasummaa Itoophiyaa Piro. Bayyana Peexiroos, fi dura taa'aa Izeemaa Piro Birhanu Naggaa hirmaataniiru.
Aadde Birtukaan taajjabdoota affeerruun hojii boordichaa ta'u baatulleen, filannoo Covid-19n dura gaggeeffamuuf ture irratti akka hirmaataniif mootummaan US fi Gamtaa Awurooppaatiif waamicha dhiyeessee ture jedhan.
Filannoo dhuma Caamsaa gaggeeffamuuf yaadame irratti hirmaachuuf waldaaleen sivikii 170 ol iyyata galfachuus himaniiru Aadde Birtukaan.
Galmeen kaadhimamtootaa baatii Guraandhala ALI 8, 2013 tti kan eegalamu ta'u himuun, kunis tibba paartiileen duula na filadhaa gaggeessaniiti jedhan.
Dula na filadhaa gaggeessuufi galmeen wal-hin dha'uu? jechuun kan gaafatama dura teessuun kun, ''siriiyyuu filannoowwan kana dura gaggeeffamaniin haala adda ta'een filattoonni duula na filadhaa paartiileetiin jajabeeffamanii akka galmaa'an taasisa'' jechuun deebii kennan.
Qopheessitoota mariichaatii gaaffiin 'filannoo dhufaan paartileefi midiyaalee sabaa himaatiif waltajjii sirratee ni qabaataa?' jechuun dhiyaateef, ''kana fiixaan baasuuf barbaachisummaan qaamoolee hundi (paartileefi midiyaalee dabalate) waliin hojjachuu kan shakkisiisu ta'u baatulleen, boordiin keenya kana mirkanneessuuf yaalaa jira'' jedhan.
''Filannoo dhufaan kan kana duraa caalaa dimokraatawa ta'a amantaa jedhuun qaba'' kan jedhan ammo Abbaa Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos turan.
''Rakkooleen adda addaa akka nu mudatan eegnulleen, filannoo dhufaan filannoowwan biyyattiin kana dura gaggeessite caalaa haqa qabeessaafi bilisa ta'a jedheen amana'' jedhan.
Waa'ee Naannoo Tigraay
Boordiin filannoo biyyaaleessaa filannoon Caamsaa dhufu gaggeeffamuuf karoorfame Naannoo Tigraayiitti kan hingaggeeffamne ta'u ibsuun isaa ni yaadatama. Mijaa'inni haalaa hubatamee yeroon kan bahuuf ta'u himee ture boordichi.
Dhimma kana ilaalchiisuun gaaffii hirmaattoota marichaatiin ka'eef deebii Dr Geediyoon kennaniin ''lolli naannoo Tigraayiitti ta'ee filannoo dhufaa irratti dhiibbaa ni qabata jedhee hinamanu'' jedhan.
Itti dabaluunis ''Erga filannoo sadarkaa biyyaaleessaatti gaggeeffameen booda, baatii muraasaan booda naannoo Tigraayiitti gaggeeffamuun rakkoo omaa hinqabaatu'' jedhan.
Labsiin yeroo muddamaa naannicharra kaa'amee erga ka'een booda filannoon Tigraayitti gaggeeffamu akka danda'u himan.
Qondaaltoota siyaasaa hidhaarra jiran
Gaaffiiwwan abbaa Alangaa Waliigalaa kanaaf dhiyaatan keessaa tokkoo ''Jijjiramichi daandii sirriirra jira jettee yaaddaa?'' kan jedhu ture.
Dr Geediyoonis ''Eeyyeen ammalleen jijjiramichi daandii siirrrratti argam jedheen aman'' jechuun deebii kennan.
Waa'ee hoggantootaa siyaasaa hidhaarratti argaman ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef ammo, ''Miseensoonni paartilee hedduun hidhaarra hinjiran. Siriiyyuu kana dura seera qabeessoo miti kan jedhamanii turan kan akka Addi Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen, fi Ginbot 7 biyya galuun akka hirmaatan ta'eera,'' jedhan.
''Miseensoonni paartiilee mormituu ukkoora kakaasaan filannoorratti haa hirmaatan jechuun qofti dahoo seeraatiin ala haa ta'an jechuun hokkoraaf karraa saaquudha'' jedha Dr Ximootiyoos.
Hirmaattoonni maal jedhan?
Hirmaattoota afeeraman keessaa took kan ta'an Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos, filannoon miilanaa kan kana dura gaggeeffaman irraa kan fooyya'e akka ta'u akka amanan himan.
Haata'u malee seera filannichaa ilaalchisee gaaffiiwwan deebii barbaadan jiraachu kaasan.
Kana malees waltajjiin marii biyyaaleessaa hunda hirmaachisu akka qophaa'uufis waamicha taasisan. Haata'u malee ammo waltajjiiwwan gahaan hinjiran jechuun filannoo akka hin dheereessine dubbatan.
Gama biraatiin ammoo heera mootummaa irratti fooyyeeffamni taasifamuun kan barbaachisu ta'u kaasan illeen bal'ina isaa garuu hineerre.
Pirofeesar Bayyanaan filannoo dhufaadhaan miseensoonni paartiilee mormiitootaa hedduun paarlaamaa akka galan abdii qabaachu himuun, filannoon booda mootummaan biyyaaleessaa (Government of National Unity) hundeeffamu qabaata jechuun yaada dhiyeessan.
Dura taa'aan Izeemaa Dr Birhaanuu Naggaa gama isaanitiin, filannoo dhufaan paartii isaaniin ol ta'uu kaasan.
Itti dabaluunis filannoo Caamsaa dhufu gaggeeffamuun caalaa walta'iinsa biyyaaleessaa walitti fufiinsa qabuuf dursa kennuun akka barbaachisu akeekkachiisan.
Akkasumas filannoo ALI bara 1997tti kantiibaa magaalaa Finfinnee ta'uun erga filatamanii booda baatiiwwan 21f hidhamanii kan turan Dr Birhaanu Naggaa, motummaan MM Abiy 'filannoo bara 1997 sana irraa barachuu qaba' jedhan.
Gaaffiiwwan hirmaattootaafi qopheessitoota marichaatiin dura teessuu boordichaa Birtukaaniif dhiyaatanii turan tokko tokkoos sababii qulqullina dhabuu sararaatiin deebii osoo hinargatiin hafaniiru.
Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaa, magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa akkasumas naannoo Tigraayiin alatti Caamsaa 28, 2013 gaggeeffama jedhamee eegama.
Bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaatti ammoo Waxabajjii 5, 2013 akka gaggeeffamu boordiin filannoo beeksiisuun isaa ni yaadatama.