Lola Tigiraay: Itoophiyaan loltoota Eertiraas ta’e kan Somaaliyaa hin affeerre jette

Madda suuraa, MINISTEERA HAAJAA ALAA
Mootummaan Itoophiyaa lola naannoo Tigraayin walqabatee loltoota Eertiraas ta’e kan Somaaliyaa akka hin affeerre dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti himan.
Loltootni Eertiraa lola Tigraay keessaa hirmaannaa guddaa qabaachuu akkasumas saamicha qabeenyaa dabalatee gochaalee sarbama mirga namoomaa garaagaraa irratti hirmaachuu isaanii qaamoleen garaagaraa komachaa jiru.
Kana malees loltootni Eertiraa hatattamaan naannicha gadi dhiisanii akka bahan Yunaayitid Isteets dabalatee qaamoleen garaagaraa gaafataa turan.
Har’a miidiyaaleef ibsa kan kennan Ambaasaaddar Diinaa Mufti garuu mootummaan Itoophiyaa loltoota Eertiraas ta’e kan Somaaliyaa akka hin affeerre himan.
Ejjennoon mootummaan Itoophiyaa qabus duula naannoo Tigraay ofiisaatin bahachuu akka ta’es dubbatan.
Gama biraatin miseensota raayyaa ittisaa Itoophiyaatin naannoo Tigraay keessatti dubartootni dirqiin gudeedamuu gabaasaalen irra deddeebin bahaa kan turan yemmuu ta’u dhimma kana mootummaan Itoophiyaa akka qulqulleessu himan.
Wayita lolli naannoo Tigraay keessaa uummamee raayyaan ittisaa Itoophiyaa garasitti imalu namootni naannoo Tigraay keessa hidhaarra turan 13,000 ol hidhaarraa gadhiifamuu kan himan Ambaasaaddar Diinaa Mufti, “kuni hundi gara magaalaa seenaniiru. Sababni saamichi fi gudeeddin namoota kunneenin itti hin raawwatamnef hin jiru” jedhan.
Haa ta’u malee komii dubartootni loltoota Itoophiyatin dirqisiifamanii gudeedamaniiru jedhu mootummaan akka qulqulleessu himan.
“Mootummaan komii kana nan qulqulleessa jechaa jira. Gudeeddii, ajjeechaa fi saamicha eenyuyyuu yaa raawwatu, raayyaa ittisaa Itoophiyaa ta’us gaafatamaadha. Mootummaan ejjennoo dhimma kana dhaabbata walaba ta’een nan qulqulleessa jedhu qaba” jedhan.
Raayyaan ittisaa Itoophiyaa ergamawwan nagaa kabachiisuu biyyaalee garaagaraaf deemetti naamusa gaariin akka beekkamu kan himan Ambaasaaddar Diinaa Mufti, “raayyan kun waan akkanaa keessa seenuu dhiisuu danda’a. Haa ta’u malee sadarkaa nama dhuunfaatti kunneen raawwatan yoo jiraatan ni gaafatamu. Dhaabbata mootummaas yoo ta’e ni gaafatama” jedhan.
Dhimma gargaarsa namoomaafi baqattoota Eertiraa
Barreessaa Olaanaan Mana Maree Baqattootaa Warra Noorwey (Norwegian Refugee Council) Jaan Iglaand turtii kaleessa BBC waliin taasisaniin, namoota gargaarsi namoomaa barbaachisu qaqqabuudhaaf irra deddeebiin gaaffi dhiyeessanillee namoota gargaarsi isaan barbaachisu bira ga'uu dadhabuu isaanii dubbataniru.
Barreessaan olaanaan kun keessattuu kutaalee giddugalaa fi Lixa Tigraayitti gargaarsa namoomaa geessuun akka hin dandeenye himan.
Dhimma kana ilaalchisee kan dubbatan Ambaasaaddar Diinaan, magaalootni gurguddoo naannoo Tigraay dhaabbilee garagaarsa namoomaaf banaa ta’uu himan.
Haa ta’u malee iddoowwan muraasni humnootiin TPLF keessa dhokatanii jiraachuu malan dhaabbilee gargaarsa namoomaaf dhaqabamoo ta’uu dhiisuu akka danda’an himan.
Iddoowwan dhaabbilee gargaarsa namoomaaf dhaqabamoo ta’anis yeroodhaa gara yerootti bal’achaa akka jiru ambaasaadarichi dubbataniiru.
Gama biraatin baqattootni Eertiraa 20,000 eessa buuteen isaanii dhabameera jechuun gabaasawwan tibbana adeemaa jiran irratti kan gaafataman Ambaassaaddar Diinaa Mufti, sababa rakkoo naannicha keessatti uummamen baqatootni heddun kaampiidhaa bahanii gara magaalotaa seenuu isaanii himan.
“Wayita wanti kun dhufu buqqa’anii gara Finfinnee qofa osoo hin taanee gara magaalota adda addaatti kan bittinnaa’an jiru. Yeroo ammaa tokko tokko deebi’aa jiru. Haa ta’u malee deebi’uuf wabii nageenyaa barbaaduutu jira” jedhan.
Itoophiyaan baqattoota miiliyoona tokkotti siiqan biyyaalee 20 irraa dhufan keessummeessitee akka jirtu himaniiru.
Wal dhabdeen siyaasaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti uumame babal'achaa dhufuun ji'a Fulbaanaa keessa naannoon Tigiraay addatti filannoo gaggeesse.
Akkaataa heera mootummaa biyyattiitti yeroon bulchiinsa paartii biyya bulchaa jiruu xumurameera jechuun hariiroo mootummaa federaalaa waliin qabus adda kutuu ibse.
Mootummaan filannoo marsaa 6ffaa akka dheeressu kan murteesse sababa weerara koroonaavaayirasiin ture. Sadaasa 3 bara 2020 halkan humni addaa naannoo Tigiraay humna ittisaa ajaja kaabaa haleele.
Ergasii mootummaan oppireeshinii seera kabachiisuu jechuun naannichatti humnoota kanneen irratti lola banuun naannicha to'annoo isaa jala galche. Hoggantootni fi hundeessitootni TPLF gameeyyiin kaan ajjeefamuun kaan to'annoo seeraa jala oolan.
Akkasumas pirezidaantii naannichaa kan turan Dr Dabretsiyon dabalatee kaanis ammallee dhokataniiru. Lola kanaanis namootni hedduun yoo ajjeefaman kumaatamni qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.










