Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Addunyaan dalga nutti galte’-lammiilee Miyaanmaar
Lammiileen Miyaanmaar erga guyyaa kaleessaa humni waraanaa mootummaa biyyattii fonqolchuun aango qabatee wanti hundinuu dalga itti galuu ibsaa jiru.
Wiixata kaleessa(01,02,210 lammiileen Miyaanmaar hobboroo ganamaa waan hoodia waan raajii dhagahan-humni waraanaa biyyattii to’achuu.
Humni waraanaa hooggantuu biyyattii Suu Chii erga to’annoo jala oolchanii booda aangoo biyyattii guutummaatti of harka galchuu TV isaaniin ibsan.
Qondaaltotaa fi miseensota duree biyyattii kana waliin turan hedduus to’annoo jala oolchuu himan.
Miira lammiilee
‘’Ganama hobboroo ka’ee haala jiru wayitan argu fonqolcha mootummaa kallattiin gabaasuutu narra jira jedheen murteesse’’ jedha gaazexeessaa Rooyitarsi kan ture Aye Min Thant.
‘’Haalli yeroof tasgabbaa’aa ture. Uummati garuu miira sodaan guutameera. Ganam hobboroo irraa eegalee naaf bilbilamaa ture. Boodarra interneetiin bade, achiis bilbilli kiyya hojiin ala ta’e’’ jedhe.
Jiraattuun magaalaa guddoo Miyaanmaar, Yangon, tokko akkas jetti: ganama osomana gara hojii deemuuf manaa ba’aa jiruun hidhamuu Suu Chii dhagahe, nan rifadhe.
"Ganama kaatee addunyaa dalga sitti galtetti ba’uun waan haaraa ta’uu dhiisuu mala. Garuu eessaa akka dhufnee fi eessatti akka deemaa jirru wayitan yaadu abdiin kutadha’’ jetti namni umrii waggaa 25 maqaashee eeruuf sodaatte kun.
Bara ijoollummaashee bulchiinsi humni waraanaa akkam ture yaadachuun haala amma jiru ibsite.
‘’Kan garmalee na rifaasise wayita ministiroonni naannawa keenyaa hidhamaniidha. Kana jechuun humni waraanaa nama hunda hidheera, Suu Chii qofa miti’’
Rogeessa siyaasaa gameessa biyyattii kan hojii fiilmii keessattis hirmaatu Min Htin Ko Ko Gyi dabalatee hedduun hidhamaniiru.
Miyaanmaar keessatti jaarmiyaan dhimma hidhamtoota siyaasaa hordofu ‘’Assistance Association for Political Prisoners’ jedhamu akka ibsetti yoo xiqqaate qondaaltonni mootummaa olaanoon 42 fi rogeeyyiin hawaasaa 16 hidhamaniiru.
Magaalaan konkolaattota waraanaa guutamuu
‘’Ganama hobboroon kaanee fonqolchi mootummaa raawwachuu dahgeenye. Hiriyoonni keenya hedduunis hidhaman’’ jechuun rogeettiin biyyattii tokko BBC’tti himte.
‘’Tajaajilli interneetii hin jiru. Ala ba’ee bilbila kiyya fayyadamuu hin danda’u. Daataan hin jiru. Kanatu ta’aa jira yeroo ammaa. Konkolaataa waraanaa magaalaa keessa guute argina’’
Miyaanmaar keessatti akkuma humni waraanaa mootummaa jiru fonqolchuun aangoo qabatee kutaalee biyyattii hedduurraa tajaajilli interneetii adda cite.
Tarkaanfiin humnootiin waraanaa fudhatan tajaajilli telekoomii biyyattii harka 50’n akka hir’atu taasiseera.
Dhaabbati dhimmi interneetii qo’atu Netblocks akka jedhetti humni waraanaa ta’e jedhee itti karoorsee interneetii irratti tarkaanfii fudhate.
Mootummaan Miyaanmaar durumaanuu kutaalee biyyattii kanneen akka Rakhine fi Chin jedhaman keessatti tajaajila interneetii adda kutee jira.
Iddoowwan kunneen bakka waraanni biyyattii garee hidhatee haleellaa qaqqabsiisu itti lolaa jiraniidha.
Heerri Miyaanmaar keewwati 77 kan bara 2013 fooyya’ee ba’e akka ibsutti tibba yeroo muddamaa motummaan tajaajila telekominikeeshinii balleessuu danda’a.
Gareen mirga namoomaaf falman seerri kun walabummaa yaada ofii ibsachuu dhala namaa waan sarbuuf fooyya’uu qaba jechuun qeequ.
Sababa hookkara kanaan miidiyaa mootummaa biyyattii dabalatee miidiyaaleen idil-addunyaa fi biyya keessaa qilleensarraa buufamaniiru.
Miira soda
Biyyattii keessatti uummanni duraanuu rakkoo diinagdee keessa jira, fonqolcha mootummaan biyyattii yoo goolamtu ammoo rakkoo kana daranuu hammeesse.
Magaalaa Yangon keessatti daldaltuu kan taate Ma Nan ‘’Gatiin meeshaalee garmalee akka hin daballe sodaadheera. Daa’imi kiyya barnootashee hin xumurre. Dabalataan yeroon yeroo weerara koronaavaayirasiiti. Baayyee yaadda’eera.’’ Jechuun BBC’tti himte.
Gatiin meeshaalee dabalee uummanni waan nyaatu gaafa dhabu hookkaratti seenuu mala kan jettu namni kun Aung San Suu Chii dabalatee qondaaltonni hundinuu hatattamaan hiikamuutu furmaata jetti.
Fonqolchi mootummaa yeroo ammaa humna waraanaa aangootti baase haala bara 1990mootaa fi 2000 keessa wayita bulchiinsi waraanaa biyyattii bulchaa turetti deebisa taanaan biyyattiin rakkoo hammaataa keessatti kufti.