Sochiin 'Black Lives Matter' badhaasa mirga namoomaa injifate

Black Lives Matter

Madda suuraa, Getty Images

Jaarmiyaan maqaa sochii Black Lives Matter jedhamuun moggaafame kan ‘Black Lives Matter Global Network Foundation’ jedhamu badhaasa mirga namoomaa biyya Siwiidiin ‘Olof Palme human rights prize’ jedhamu kan bara 2020 mo’ate.

Olof Palme bara 1969 hanga 1976 tti darbees bara 1982 hanga 1986tti Ministira Muummee Siwiidiin turan, bara 1986 garuu harka namaatiin ajjeefaman.

Qopheessitoonni badhaasichaa akka jedhanitti, sochiin ‘Black Lives Matter’ jedhamu karaa nagaan hammeenyummaa poolisii fi gocha jibba sanyummaa dura waan dhaabbateef kabaji kun ni malaaf.

Sochii kanarratti Ameerikaa qofa keessatti namoonni miiliyoona 20 caalan hirmaataniiru, addunyaarrattis miiliyoona hedduun kan lakkaa’aman hirmaataniiru.

Sirni badhaasaa karaa oonlaayinii gaggeeffamu kun har’a, Sambata 30,01,2021 raawwatama.

Badhaasa yaadannoo Ministira Muummee duraanii biyyattii Olof Palme’f jecha kennamu kana qaamni mo’ate maallaqa doolaaraa Ameerikaa kuma 100 argata.

Bara 2013 keessa US keessatti kan hundeeffame sochiin ‘Black Lives Matter’, bara darbe gocha suukanneessaa poolisiin raawwatamaa turee fi haleellaa sababa jibba sanyummaan dhala namaarratti raawwatamu qolachuuf wayita sochiisaa cimsetti addunyaa walga’e.

Erga poolsiina adiin nama gurraacha Ameerikaa Joorji Filooyid haala suukanneessaan ajjeesanii hiriirri mormii Ameerikaa fi addunyaa mara walga’e.

"Kun kan agarsiisu jibbi sanyummaa fi haleellaan sababa sanyummaa raawwatu Ameerikaa qofa osoo hin taane rakkoo addunyaa maraati’’ jedhan qopheessitoonni badhaasichaa.

Sochiin kun lammiileen Afriikaan-Ameerikaan ta’an sababa bifaa fi sanyii isaanii qofaaf gidirfamaa akka jiraataa jiran ifatti mul’isuun irratti duulaa ture jedhan.

Badhaasa Noobeelii Nageenyaa kan kennitu Noorwayis Jaarmiyaa ‘Balck Lives Matter’ badhaafamtoota bara kanaa keessatti kaadhimteetti.

Sochiin kun qoodiinsa sanyii fi gocha jibbiinsa sanyii dura dhaabbachuudhaan addunyaarratti mallattoo ta’eera jedhe koreen badhaasa noobeelii nageenyaa Noorway.