Daandiin guddichi Waayit Haawusitti geessu ''Black Lives Matter''n mogga'e

The two-block long mural was painted overnight outside the White House

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, The two-block long mural reading "Black Lives Matter" was painted overnight outside the White House

Kantiibaan magaalaa Waashingitan DC daandii guddaa gara Waayit Haawus geessu dhaadannoo baroota dheeraa mormitoota gurraachaa 'Black Lives Matter' jedhuun moggaasan.

Kantiibaan Paartii warra Dimookraatotaa Muri'eel Boowseer Daandii guddaa kana toora isaa lama hanga Waayit Haawusiin geessuurra moggaasa haaraa kana halluu keelloon guddisanii barreesisisaniiru..

Pireezidant Tiraamp waliin yaadaan faallaa kan ta'an Kantiibaa Muri'eel, Tiraamp loltoota Feederaalaa Waashingitanitti bobbaasan akka baasaniis gaafataniiru.

Mormiiwwan magaalaa teessoo Mootummaa Ameerikaa, Waashingitan DC keessatti torbee darbe gaggeefaman Waayit Haawus irraa dura dhaabbannaa guddaatu isa mudate. Tiraamp Poolisii Federaalaa Kumootaan lakkaawamn magaalittiitti bibbaasan.

Tiramp anga’oonni magaalittii human fayyadamuun mormitootaatta dandiifi addababayiirraa akka ri’an gochuun ofii isaanii Waldaa Waayit Haawus fuula dura jirutti suura ka’uun isaanii qeeqa guddaaf isaan saaxilee ture.

‘’Warri Waashingitan nagaan walitti qabamne Ameerikaa keessatti hiriira nagaa gochuun, roorroo jirtus mootummaaf dhiyeessuun, jijjiirama gaafannaa’’ jedhan Kantiibaa Boowseer.

Daandii guddicha halluu keelloodhaan "Black Lives Matter" barreefamni jedhu irratti barraa’e suura kaasuudhaanis tiwiitara gubbaatti maxxansaniiru Kantiibaan kun.

Hogganaan waajira Kantibaa yeroo moggaasni dandii knaa haaraan ifoometti maxxansa tiwiitara gubbaa kaahaniin torbee kana Daandiin kun kan eenyuutti gaaffiin jedhu falmisiisaa turee jedhan.

Kantiibaa Boowseer Wiixata galgala dandiin DC kuun mormitoota karaa nagaa roorroo ibsataniif kabaja kan kennu ta’uu ifatti himanii turan.

Hariiroon idila addunyaa sochii Black Lives matter murtee Kantiibaa kanaa gaaffii ijoo gara dabarsan jecchuun qeeqeera. Jijjiirama imaammataa barbaadamurraa xiyyeeffannoo gara dabarsan jechuun qeeqe.

Waashingitan keessa kan jiraatu Adii caala gurraacha ta’us, sadarka dinagdeen garaagarummaa guddaatu jira.

Tiraamp Kantiibaa Boowseer loltoota eegduu biyyaalessaa kana akka ta’utti hin qaban taanaan ‘’garee dhiiraafi dubaraa adda addaan magaalittiitti galcha’’ jechuun dhaadatan.

Gareen isaan jedhan eenyu akka ta’an garuu hin ibsine.