'Itoophiyaatti yoo xinnaate dubartoonni 5,000 sababa kaansarii fiixee gadameessaan waggaan ni du'u'

Dubartii talaalii fudhataa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaatti waggaatti yoo xiqqaate dubartoonni 5,000 sababii kaansarii fiixee gadameessaatiin lubbuun akka darbu Ministeera fayyaatti Dareektarrii Fayyaa Haadhooliif fi Daa'immanii akkasumas Sirna Soorataa Dr Masarat Zalaalam ibsan.

Baayyina dubartoota kaansarii fiixee gadameessaatiin qabamaanii ilaalchisuun odeeffannoo guutuun jiraachu baatulleen, waggaatti dubartoonni gara 7,000 ta'an dhibe kanaan akka qabaman dubbatan.

Gosti kaansariin fiixee gadameessaa vaayirasii 'Human papilloma' jedhamuun nama qabu kana ittisuuf jecha A.L.I Amajjii 17-23, 2013tti sadarkaa biyyatti duulli talaalli gaggeeffamaa jira.

Dr Masarat akka jedhanitti, duulli talaalli barana yeroo sadaffaaf gaggeeffamu kanaan dubartootni umuriisaanii ganna 14 guutee akka talaalaman taasimaa jira.

Kaansarii gadaameesaa kan kaansarii harmaattii aanee yaaddessaa ta'e kana talaalliin ittisuun ni danda'ama.

''Osoo saalqunnamtii hin eegaliin dura talaallicha fudhachuu waan qabaniif shamarran waggaa 14 guutaniif kennaa jirra. Talaallichi dhibichaan akka hin qabamne dursa ittisuuf isaan gargaara,''jedhan.

Talaalliin kennamu kunis copha lama yoo ta'u, talaalliin marsaa jalqabaa erga fudhatameen boodas inni lammaaffaa baatii jahaan booda fudhatama.

''Dubartoonnis talaallicha copha lama erga fudhatanii booda irra deebiin fudhachuun isaan hin barbaachisu. Haata'u malee, kanneen vaayirasii HIVtiin qabamaniif irra deebiin kennamuu danda'a,''jedhan Dr Masarat.

Waggota sadan darbaniittis ministeera barnootaa wajjin ta'uun shamarran umurii ganna 14 guutaniif talaalliin kennamuu himan.

''Waggaa waggaadhaan shamarran miliyoona 1.2 ni talaalla jennee yaadna'' kan jedhan Dr Masarat, baranas karaa manneen barnootaafi buufataalee fayyaatiin hojiilee hubannoo cimuu raawwachu BBCtti himan.

Bara darbe cophni jalqabaa talaallichaa erga kennamee booda sababii koronaavaayirasiitiin marsaa lammaffaaf kennuun waan dadhabameef, barana kanneen yeroo jalqabaaf fudhatan wajjin akka kennamuuf ibsan.

Shamarran barana copha talaallichaa yeroo jalqabaatiif fudhataniif cophi marsaa lammaaffaa ammo baatii Adooleessaatti ykn bara itti aanu keessaa fudhatu jedhan.

Haala amma jiruun walqabatee Naannoo Tigiraay keessatti talaallichi kennuun akka hin danda'amne kan himan Dr Masarat, iddoowwan amma talaallicha qaqqabsiisuun hin danda'amneef karoora itti aanu ni baha jedhan.

Karaa ministeera barnootaatiin ijoollee durbaa manneen barnoota galan akka qaqqabsiisanii fi kanneen sababii adda addaatiin manneen barnoota keessa hin jirree ammo, karaa dhaabbilee fayyaa akkasuma manaa manarra deemuun talaallichi akka kennamuuf hubachiisaniiru.

''Kaaansarii fiixee gadameessaan walqabatee dubartoonni talaallicha akka fudhataniifi kan marsaa jalqabaa fudhatanis isa lammaaffas akka fudhataniif karaa miidiyaaleen ni dadammaqsina,'' jedhan Dr Masarati.

Itoophiyaatti waggoota darban hedduuf gifiira dabalatee, dhukkuboota gargaa garaa ittisuuf duulliwwan talaallii sadarkaa biyyaatti gaggeeffamaniiru.