MM UK Booriis Joonsan fi Pirezedaantii US Joo Baayidaniin yeroo jalqabaaf bilbilaan haasa’an

Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidom Booriis Joonsan erga pirezedaantii Yunaayitid Isteet haaraa Joo Baayidan angoo fudhatanii as yeroo jalqabaaf dubbisaniinii jiru.

Akka Abba Joonsan Tiwiitara gubbaatti jedhanitti, UK fi US gidduu ‘‘walitti dhufeenya yeroo dheeraaf jiru caalaatti cimsuuf abdatu’’.

Akka dubbi himaan Daawuniing Istiriit (mootummaa UK) jedhanitti, Abba Joonsan murtee Baayidan waliigaltee jijjiirama qilleensaa Paariis fi WHO’tti Ameerikaa deebisuuf fudhatan haalaan akka simatan dubbatan. US wayita Tiraamp angoorra turan jaarmiyaalee lamaan kana keessaa of-baastee turte.

"Muummichi ministiraa tarkaanfii Baayidan jijjiirama qilleensaafi 2050’tti kaarboonii zeerootti fiduuf taasifamu deeggaruu isaanii jajaniiru,’’ jedhan dubbi himaan kun.

Itti-dabaluunis, hariiroo cimaafi yeroo dheeraa biyyoonni lameen dhimma nageenyaafi ittisa irratti qaban cimsuuf, dursitoonni kun ‘‘Waliigaltee ‘NATO’ mirga namoomaafi dimokraasii tiksuuf waadaa galam,e’’ akka itti fufsiisanis maria’chuu himan.

Dursitoonni lameen dabalataan, ‘‘waliigaltee daldalaa bilisaa’’ UK fi US gidduutti taasisuun faayidaa qaburrattis mari’ataniiru jedhame.