Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kunuunsaaf jecha arba hawaa irraa lakkaa’uun jalqabame
Jalqabaratti, suuraleen saatilaayitii irraa kaafaman, bosonaa maqariisaa keessatti wantoota daalacha ta’an fakkaata, boodarra garuu yeroo dhiyeenyan qoratamu, wantootni daalacha'an kunneen arba bosona keessa adeeman ta’uu barameera.
Suuralee kana ammoo saayintistoonni hawaa irraa arba Afrikaa keessa jiran lakka’auuf fayyadamaa jiru.
Suuraleen kun saatilaayitii qorannoo- Lafaa hawaa keessa km600 ol fagaatee jiru irraa kaafame.
Malli kun guyyaa dumeessi hin jirre tokkotti bakki jireenyaa arba sq Km 5,000 ta’u akka suuraa kaafamu taasisuu danda’a.
Hojiin dabalataa arba lakka’uu ammoo dironii gargaarsa kompiitaraan bakka adda addaatti arba adda baasuuf leenjifameen hojjatama.
“Diroonichi fakeenya adda addaa ‘kuni arbadha, kuni arba miti’ jechuun itti agarsiisna,” jedhu Yunivarsitii Baaz irraa Dr Olgaa Isupovaa.
“Kana goochuun, maashinicha wantoota ija keenyaan arguu hin dandeenye akka arguuf shaakalsiisna.”
Saayinstistoonni kun jalqaba Paarkii Biyyaaleessa Arbaa Addoo Afrikaa Kibbaa ilaalani.
“Arba hedduu qaba,” jedhu saayintiistiin kununsaa uumama Yunivarsitii Oksifoord Dr Islaa Duporge.
“Bosonichi gosa adda addaa of keessa qaba. Kanaaf mala keenya yaaluuf bakka gaariidha.
“Kun yaadaa ragaa argate ta’us, hojiif qophaa’aadha. Dhaabbileen kunuunsa uumamaas qorannoo xiyyaaraan gochuurra mala kana fayyadamuu barbaadu.”
Kanneen kunuunsa irratti hojjatan suuraalee saatilaayitii kunneenii argachuuf maallaqa kaaffaluu qabu.
Malli kun garuu homaa arbaa daangaa adda addaa keessaa jiraniifi yaaddoo keessa jiran, kan eyyamaa xiyyaaraa malee lakkaa’amuu hin dandeenye argachuuf gargaara.
Dabalataniis malli kun hojii namoota arba ajjeesanii dhabuuf hojjatamu irratti ni gargaara jedhu saayintistoonni.
“Suuraa kana hawaa irraa waan kaaftuuf, lafaratti namni si hin barbaachisuu, keessumaa yeroo koronaavaayiraii kanatti kan gargaarudha,” jedhu Dr Duporge.