Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii maatii mootii qeequun hidhaa waggaa 43’n adabamte
Dubartiin lammii Taayilaand maatii warraa mootii biyyattii arrabsite jedhamtee hidhaa waggaa 43’n adabamte. Adabbii kun yakka akka kanaaf isa guddaadha.
Dubartii maqaan ishee Anchan jedhamtu kun sagalee poodcaast irraa argatte miidiyaa hawaasaarratti qoodde.
Dubartiin umrii ganna 63 taate kun kilippii sagalee kana qoodurra kan darbe yaada biratte barreessites hin qabdu.
Seerri Taayilaand maatii warra moootii arrabsuu kan dhorku yoo ta’u, Taayilaand biyyoota seera jabaa dhimma kanarratti qaban keessaa tokko.
Seerri kun waggoota sadiif erga hafee booda, xumura bara darbee kanatti mormii mootummaa biyyattiirratti qiyyaafachuun ji’ootaaf itti fufe to’achuuf deebi'ee hojirra oole.
Hiriirtonni mormii garuu sirni warra mootii akka geeddaramu gaafataa turan.
Anchan yeroo 29 toora Yuutiyubii fi Feesbuukiirratti kilippii garaa garaa bara 2014-2015tti qooduu amanteetti jechuun abukaatoon ishee Rooyitarsitti himeera.
Jalqabarratti hidhaa waggaa 87’n kan adabamte yoo ta’u, eega balleessaa raawwachuu amantee hidhaan gartokkeen hir’ateef.
Namoota 14 yeroo gartuun waraanaa biyyatti bara 2014 aangoo mootummaa biyyattii qabatu mootummaa abbaa gonfoo qeequun himataman keessaa tokko Anchaani.
Gartuun namoota himannaan irratti dhiyaatee kunis mormii tamsaasuu fi podkaastiirratti fe’uun himatamanii turan.
Dhaddacha murtii kun ifatti kan kennamu miti, namoonni ragaa namoota himatamanirratti bahanis nageenyaa biyyaaleessaafi jedhameetu maqaan isaanii iccitiin qabama.