Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Benishaangul Gumuz aanaa Dibaaxiitti namootni 80 hidhattootaan ajjeefaman
Haleellaa naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti guyyaa Wiixataa bifa haaraan raawwateen lubbuun namoota 80 darbuu Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa BBCtti hime.
Komishinichatti Gorsaa Ol-aanaa Dhimmoota Miidiyaafi Komunikeeshinii Obbo Aaroon Maashoo BBCtti akka himan, ''Haleellaa Wiixata raawwateen lubbuun namoota 80 darbeera. Haleellaan kunis Benishaangul Gumuz aanaa Dibaaxii magaalaa xiqqoo Daalattii jedhamuttidha.''
Obbo Maashoon akka jedhanitti namootni ajjeefaman umuriin isaanii waggaa 2- 45 gidduu kan jiranidha. Haleellaan kun hidhattoota naannicha keessa jiraniin irra dedeebiin raawwataa akka jiru jiraattotni BBC'n dubbise himaniiru.
Dabalataan mootummaan federaalaa fi naannoo Benishaangul Gumuz qindoomina cimaan tarkaanfii fudhachuu qabu jedhan Obbo Maashoon.
Dabalataan haleellaa guyyaa lama darbe Godina Matakkalitti hidhattoonni raawwataniin, bakka tokko qofatti namoonni 11 ol ajjeefamuu jiraattonni BBC'tti himan.
Akka jiraataa maqaansaa akka hineeramne gaafate kanaatti, gochichi ajjeechaa kun kan raawwate Godina Matakkal aanaa Gubaa Ganda Ayibishbish jedhamtu keessatti.
''Namoota nagaa 11tu ajjeefame. Namoonni 11 kunneen daa'ima haati baattee turte dabalateeti. Haadhuma waliin ajjeefame'' jedhe namni BBC'n dubbise.
Haleellaan kun Wiixata ganama, Amajji 11 bara 2021 sa'aatii 12:30 irratti raawwatamuu jiraataan kun himeera.
''Namoonni achi jiran bilbilanii nutti himanii, raayyaa ittisaa waliin birmannee dhaqnee reeffa isaanii kaasnee bataskaanaa achi jiru tokkotti awwaalle'' jedhu jiraataan kun.
Kana malees manneen jireenyaa gubachuu fi hidhattoonni erga miidhaa qaqabsiisaniin booda qabeenya namoota naannoo sanaa harrootatti fe'atanii deemaniiru jechuun haala taajjaban himu.
Kana malees guyyoota muraasa darban keessa godinicha iddoowwan garaaa garaatti haleellaa hidhattootaan konkolaataa geejjibaa uummataa irratti fudhataneen namoonni ajjeefamuu himu jiraataan kun.
Midiyaalee biyya keessaa guyyoota muraasa dura akka gabaasaniitti rakkoon nageenyaa naannichaa hir'achaa jira jedhanii ture.
Haa ta'u malee jiraattonni garuu ammallee rakkoon jiraachuu himu. Itti dabaluun jiraataan BBCn dubbise kun aanaa Dibaaxii keessatti hidhattootni nama ajjeesuun mana gubaa jiraachuu hime.
''Guyyaa Wiixataa aanaa Daanguritti lafa hojjattoonni fayyaa ukkaafamanii turaniitti namni ajjeefameera. Konkolaataa Chaagnii irraa gara Gilgal Gibee imalaa ture irratti haleellaa raawwatameen namni tokko ajjeefamee sadi madaa'aniiru,'' jedhan.
Kana malees, ''Amma wayitan sitti haasa'aa jiru kanatti Aanaa Dibaaxii ganda Daalattii jedhamtu keessatti hidhattoonni nama tokko ajjeesanii manneen gubachaa jiru. Qaamni nageenyaa dhaqqabe hin jiru. Tasgabbaa'eera bakka duraatti deebi'aa jira kan jedhamu yoo maal ta'edha? Dirqama guyyaa tokkotti namni 200, ykn 300 dhumuu qabaa? Obboleessa koo ani naaf hin galu,'' jechuun haal naannicha jiru himu.
Fakkeenyaaf haleellaa guyyaa Wiixataa raawwatameen namoonni 11 ajjeefamniiru kan jedhan jiraataan kun, sababa rakkoo nageenyaa jiruun hojjettoonni hojii invastimantii qonnaa adda kutanii bahaa akka jiran himu. jiru jedhu jiraataan dubbifne.
''Hojjettoonni bahaaniiru. Hojiin invastimantii jirbii guuruu amma ture, garuu hojjettoonni tiraaktaraan bahaa jiru. Abbootii qabeenyaa waliinis waldhabaa jiru. Amma booda akkam akka ta'u hin beeku.''
Haleellaa haarawa naannicha keessatti raawwate jedhame ilaalchisee hogganoota naannoo Beenishaangul Gumuz fi kan Godina Matakkal gara garaa irraa yaada fudhachuuf irra deddeebiin bilbillus itti hin milkoofne.
Naannichatti maaltu ta'aa jira?
Godina Matakkal keessatti erga nageenyi dhibee bubbuleera. Mootummaan naannoo rakkoon itti hammataa ture bulchiinsa koomaandii jala galchuun haalicha tasgabbeessuuf hojjechaa jiraachuu himaa ture.
Haaluma kanaanis godina Matakkal aanaalee afur kanneen rakkoonni nageenyaa keessatti mulatu, ALI Fulbaana 14 bara 2013 irraa kaasee komaandi postii jala galfamuun hojiin nageenya eegsisuu humnootii nageenyaatiin hojjetamaa jira.
Aanaaleen arfan komaandi postii jala jiran Daangur, Wambaraa, Bulan fi Gubaadha. Bara kana qofa haleellaawwan yeroo gara garaatti naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 200 ol ajjeefamaniiru.
Haleellaa Mudde 22 Aanaa Bulan ganda Bakujjii jedhamtutti lraawwatameen, ubbuu namoota 207 darbuun ni yaadatama.
Kana hordoofees aanga'oonni naannichaa haala kana keessaa harka qabaachuun shakkaman muraasni to'annoo jala oolfamuun, miseensoota hidhattootaa kan ta'an irrattis tarkaanfiin fudhatamuun himamunsaa ni yaadatama.