Koronaavaayiras: Indiyaan talaallii Covid 'torban lama keessatti' alatti erguuf

Indiyaan talaalliiwwan Koronaavaayirasii dhiyeenya kana biyyashee keessatti qopheessite yeroo torban lama hin caalle keessatti biyya alaatti erguu akka jalqabdu aanga'aan ministeera dhimma alaa biyyattii BBCtti himan.

Aanga'aan BBCtti dubbatan kun gabaasni fedhii talaallii biyya keessaa guutuudhaaf jecha Indiyaan kan biyya ofiitti omishtu alatti hin ergitu jedhu waakkataniiru.

Indiyaan talaalliiwwan addunyaarratti hojjetaman keessaa %60 qopheessuun kan beekamtu yoo ta'u, biyyoonni baayyeen galfachuu jalqabuudhaaf hawwii guddaadhaan eegaa jiru.

Biyyattiin talaalliiwwan Covid lama yeroo atattamaaf hojiirra akka oolan kan mirkaneessite yoo ta'u, baatii Amajjii kanarraa kaastee kennuu jalqabuuf qophiitti jirti.

Indiyaan sagantaawwan talaallii gita addunyaatti guddicha jedhamu kennuuf karoorfataas jirti. Haaluma kanaan hanga baatii Adoolessaatti namoota miliyoona 300 talaaluuf jirti.

Biyyattiitti qaamni qoricha to'atu talaalliiwwan lamaaf hayyama kenneera - tokko kan AstiraaZaanekaatiin Yunvarsiitii Oksifoord waliin ta'uun qophaa'e (Covishield) jedhamuufi dhaabbata biyya keessaa Bharat Biotech tiin hojjetamu(Covaxin) jedhamudha.

Aanga'aan ministeera dhimma alaa kun akka mirkaneessanitti Indiyaan karoora biyyattiin biyyoota biroo gargaaruuf qabdu karaa siriirra jira.

"Torban lamaan dhufan keessatti talaalliiwwan biyyoota ollaa keenyaa Kibba Eeshiyaatti argamanitti ergina. Talaalliiwwan ergaman kunneenis gariin baasii mootummaan baasuun bitamanii akka kennaatti yoo kennaman, kaan ammoo gatiidhuma biyya keessaa mootummaan bituun biyyootaaf dhiyaata," jedhan aanga'aan kun.

"Indiyaan addunyaarratti gabaa talaalliitiin guddittii waan taateef itti gaafatamummaa ollootasheefi guutummaa addunyaaf qabdu haalaan hubatti."

Barreessaan Dhimma Fayyaa Federaalaa Indiyaa Raajesh Bhushan biyyattiin walakkaa baatii kanaarraa kaastee talaallii Covid rabsuuf karoorfatteetti.

"Guyyaa akka yeroo atattamaaf hojiirra akka ooluuf hayyamame (Amajji 3) irraa kaasee, talaalliin rabsamuu jalqabeera," jechuun Delhii keessatti rippoorterootaaf ibsan.

Kibxata darbe dhaabbileen talaallii qopheessan lamaan akka ibsa walii kennanitti, lamaan isaanii "talaallii Covid-19 keenya addunyaan akka argatuuf" ni dhiyeessina jedhan.