Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa atobusii irratti banameen yoo xinnaate namoonni 28 ajjeefaman
Baha Siiriyaatti haleellaa atobusii irratti banameen yoo xinnaate namoonni ajjeefaman 28 loltoota ta'uunsaanii gabaafame.
Miidiyaan mootummaa Siriyaa atobusichi kan haleelame guyyaa Roobii mandara Deir-al-Zuur keessatti ta'u himuun, ''lammiileetu'' ajjeefamee jedhee jira.
Haata'u malee garee mirgoota namoomaa hordofan dabalatee maddeen biraa kanneen atobusicha keessa turan loltoota jedhan.
Haleellaa kanaaf batalatti itti gaafatamummaa kan fudhate hinjiru.
Dhaabbanni Mirgoota Namoomaa Siiriyaa kan UKtti bu'ureefatee (SOHR) haleellicha garaa IS raawwate jechuun loltoonni 37 du'u himeera.
Dhaabbatichi maddeen eeruun ''haleellichi miseensoota IS kan sirriin itti qophaa'amee, atobusoota milishaafi loltoota mootummaa fe'anii turan irratti raawwatameedha'' jedhe.
Maddii Rooyitarsiin eeramee ammoo atobusoonni loltoota mootummaa Siiriyaa fe'anii turan jedhan.
Loltoonni IS fi humnootiin Siiriyaa mootummaaf Pirezidaantii Siriyaa Baashar al- Asaadiif amanamoo ta'an waliin naannichatti walitti bu'u.
Bara 2014 keessa IS wayita lafa daangaa lixa Siiriyaatii hanga baha Iraaqitti argamu iskuweer kiiloomeetira kuma 88 irratti argamu to'atetti seera cimaa namoota miliyoonaan lakkaa'aman irra kaa'ee ture.
Lola waggoota shaniitiin booda garuu humnootiin naannichaa Ameerikaan deeggarameefi deeggartoonni isaanii daangaalee IS'n qabamanii turan hunda deebisiisuu danda'an.
IS daangaa Siiriyaafi Iraaq keessaa mo'atamuun kan labsamee ture bara 2014tti.
Garuu ammalleen gareewwan IS haleellaa raawwachu ittuma fufaniiru. Kan ammaa kanas itti gaafatamummaa yoo fudhate tarii bara kana keessaa haleellaa isa cimaa garichaan raawwatame ta'a jedheera SOHR.