Israa'eel waggaa lama keessatti filannoo 4ffaa gaggeessuuf

Madda suuraa, Reuters
Israa'eel waggaa lama keessatti yeroo arfaffaaf filannoo gaggeessuuf jirti.
Israa'eel filannoo gaggeessuuf kan dirqamteef walta'iinsi mootummaa amma aangoorra jiru dhimma bajata biyyaaleessaa irratti waliigalteerra gahuu waan dadhabeefi jedhame.
Biyyattiin filannoowwan kanaan dura gaggeeffamaniin paartii mo'atee haala ifa ta'een adda baasuun kan mul'ise hinturre.
Ministirri Mummee himannaan malaamaltummaa irra jiru Beeniyaamiin Netaanyaahuun yeroo jahaffaadhaa ammalleen aangoosaanii itti fufuu barbaadu.
Neetaanyaahuun himannaan narratti baname sobaafi kaayyoo siyaasaa kan qabuudha jechuun kuffiisan.
Israa'eeliin ministira mummee ta'uun akka isaaniitti kan waggoota dheeraaf aangoorra ture hinjiru.
Kibxata kaleessaas paarlaamaan Israa'eel haaluma yeroo kaa'ameetiin bajata bara 2021 raggaasisuu yeroo darbeef battalumatti akka bittinaa'u taasifameera.
Paarlaamaan akka hin bittinoofnee oolchuuf jecha mariiwwan sa'aatii dhumaarratti gaggeeffaman illeen fiixa osoo hinbahiin hafeera.
Isaan boodas sa'aatiin alkan walakkaa waan darbeef paartii ogganaa Beenyaamiin Neetaanyaahuufi kan mormataa isaa Beenii Gaanzii wal himachuu eegalan.
''Ani filannoon akka gaggeeffamu hinbarbaadu. Paartiin kiyyas filannoo hinbarbaadu. Irra deddebiin filannoo keessa akka hingalleef baayyee yaalii taasifneera. Haata'u malee Been Gaanziin waliin dhaabbachu hindandeenye,'' jechuun himata Netaanyaahuun.
Akkasumas dabaluun, ''paartiin Liikuud Bitooteessa 23 dhufuutti filannoo taasifamuun garaa garummaa olaanaan akka mo'atu hinshakku,'' jedhan.
Been Gaanziin gama isaanitiin haasaan MM Neetaanayaahu taasisan sobaan kan guutameedha jedhan.
''Neetaanyaahuun filannoon akka gaggeeffamu barbaada. Sababiinsaas himannaan malaamaltummaa isaa akka dhokatuuf barbaada,'' jedhan.
Neetaanyaahuu fi Beenii Gaanziin baatii Ebla darbee irraa kaasee mootummaa gamtaa hundeessuun waliin hojjataa turan. Waliigalteen isaaniis dabareedhaan MM ta'un biyyattii bulchuu ture.
Haaluma kanaanis Neetaanyaahuu hanga Sadaasatti erga ministira muummee ta'uun itti fufaniin booda Beenii Gaanziin itti fufuu ture.
Haa ta'u malee amma gamtaan kun waan kufeef irra deebiin waggaa lama keessatti yeroo arfaffaaf filannoo gaggeessuuf kan jiran.
Qorannoo yaada ummataa walitti qabuun taasifameen paartiin Beenii Gaanzii yeroo dhihootiin as deeggarsa dhabaa akka ta'e mullisa. Kunis paartiin Liikuud filannoo itti aanuun teessuuma caalmaa argachuun akka mo'atuuf taasisuu danda'a jedhamee yaadama.
Gama biraatiin ammoo himannaan malaamaltummaa kan irratti ka'ee Neetinyaahuun, ogganaan torban torbaniin mormiin irratti bahamu ta'aniiru.
Sababiin mormichaa inni olaanaan koronaavaayirasii to'achuuf haalaan hin hojjannee kan jedhudha.
Kana malees himannaan malaamaltummaa irratti dhiyaate baatii Gurraandhalaa keessa eegala jedhamee eegama.














