Koronaavaayirasii: Ameerikaan talaallii Covid-19 Moderna hayyama kennite

Mootummaan Ameerikaa talaallii Covid19 dhaabbata ‘Moderna’ jedhamuun hojjetameef faayidaarra akka oolu hayyama kennite.

Bulchiinsi Dawaa fi Soorataa Ameerikaa (FDA) talaallii Pfizer/BioNTech erga hayyamee torban tokko booda talaallii saffisaan rabsamuuf jiru kanaaf kan hayyama kenne.

Ameerikaan talaallii Moderna achuma Ameerikaatti omishame doozii miliyoona 200 bitachuu kan barbaadduu wayita ta’u, doozii miliyoona jaha raabsuufdhaabbatichi qophaa’era.

Ameerikaan biyya namoonni 313,500 koronaavaayirasiin lubbuu itti dhabanii fi namoonni miliyoonni 17.5 vaayirasichaan qabaman ta’uu ragaan yuunivarsiitii Joon Hoopkiins ni agarsiisa.

Komishinarri Bulchiinsa Dawaa fi Soorataa Ameerikaa Istifan Haan, talaallichi saffisaan hayyamamuun tarkaanfii murteessaa biroo weerara addunyaa walgahe kana qolachuuf gargaaru ta’u dubbatan.

Talaallichi hayyama kan argate gartuun ogeeyyii Kamisa darbe talaallichi namoota ganna 18 oliirratti miidhaa qabaachuu erga madaalanii booda, bu’a qabeessa ta’uu mirkaneessuu isaanii hordofeeti.

Ameerikaatti qaamoleen dhimma dawaa to’atan jalqaba torban kanaatti talaalliin Moderna harka 94 milka’aa fi miidhaa hamaa kan hin hordofsiisne ta’u beeksisanii turan.

Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp toora tiwitara isaaniirratti, talaallichi deeggarsa harka caalmaa argachuun hayyamamuu fi raabsuun hatattamaan akka eegalamullee barreessan.

Tiwitara gubbaatti ‘’baga gammaddan, talaallii Moderna amma argachuu dandeessu’’ jedhan Tiraamp.

Pireezidantiin Ameerikaa haaraa filataman Joo Baayideen Wiixata dhuftu talaalamuuf kan jiran wayita ta’u, talaalliin Moderna fi Pfizer ‘’abdiin fuuldura keenya jiraachuu nuuf mirkaneessani’’ jedhan.

Ta’us, ammalle duulli Covid-19 hin goolabamne jedhan.

Itti dabaluun, talaallicha oomishuu fi raabsuudhaan lammilee Ameerikaa miliyoona dhibbaan lakka’aman biraan gahuun rakkisaadha jedhan.

Talaallicha maaltu Pfizer irraa adda godha?

Talaallii Moderna geejjibuuf diilalla -20C ta’e kan barbaadu yoo ta’u, kun dilaalla kottolleessaa ykn firiijiin idilee qabutti dhiyaata.

Talaalliin Pfizer garuu geejjibuuf dilaalla -75C barbaachisa, akkasumallee haalli loojistikii geejjibaaf barbaachisu caalatti rakkisaadha jedhame.

Talaalliin Moderna harki caalaan Kaambiriij, Masaachuseets keessatti oomishama jedhameera.

Talaalliin Pfizer/BioNTech garuu biyyoota hedduu keessatti kan oomishamu yoo ta’u, Jarmanii fi Beeljiyeeem biyyoota kana keessatti argamu.

Biyyoota Kam fa’aatu talaallii Modernaa ajajate?

Kanaadaan doozii miliyoona 56 barbaadduu keessaa doozii miliyoona lama amma ji’a Bitootessaa bara 2021tti argachuuf karoorsitetti.

UK’n immoo talaallii Moderna doozii miliyoona torba fudhachuuf ajajjeetti.

Gamtaan Awurooppaa doozii miliyoona 80 bituuf ji’a darbe walii galuun ni yaadatama.

Akkasumallee, Jaappaan doozii miliyoona 50, Kooriyaan Kibbaa doozii miliyoona 20 fi Siwizerlaand immoo doozii miliyoona 7.5 biyyoota bitachuuf ajajatan ta’u ragaan yuunivarsiitii Duuk kan agarsiisu.

Ameerikaan immoo amma ji’a Ebla, bara 2021tti namoota miliyoona 100 talaallicha qaqqabsiisuuf karoorsuu beeksifteetti.