Talaalliin Moodernaa Ameerikaaatti talaajilarra ooluutti dhiyaate

Madda suuraa, MODERNA
Talaalliin Koronaavaayirasii inni lammaffaan moggaasa maqaa 'Moodernaa' jedhamu qabu Ameerikaatti tajaajilaaf oolutti dhiyaata jira.
Kunis gartuun tajaajilaaf akka oolu gaafachuusaanii hordofuun hayyama argachuutti dhiyaateera.
Hojii gaggeessaan Bulchiinsa Dawaa fi Soorataa Ameerikaa(FDA) akka himanitti, ejensichi talaallichi saffisaan hayyama akka argatu gochuun, dooziwwaan dawaa kana miliyoonatti lakka’amu geejjibuu jalqabuuf gargaara jedhan.
Oduun kunis kan dhaga’ame, Ameerikaan duula talaallii Pfizer/BioNTech irra argameen kennuun guyyoota muraasa dura jalqabamuun boodadha.
Ameerikaa keessatti namoonni vaayirasichaan qabaman wayita dabala jiranitti fi lakkoofsi namoota sababii vaayirasichaan du’anii jalqaba torban kanaatti 300,000 wayita caaletti oduun kan dhaga’ame.
Ogeeyyiin dhimmicharratti mariyatanis, bu’a qabeessummaa talaalliin modeernaa namoota ganna 18 oliif qabu irratti waliigaluusaanii Kamisa kana sagalee harkaa caalmaan mirkaneessaniiru.
Sana booda Komishinarrii FDA Istiifan Haan, ejeensiin isaanii talaallichi tajaajila yeroo atattamaaf akka oolu danda’u ‘’saffisaan’’ eeyyamuuf akka jiran himaniiru.
Qaamooleen bu’a qabeessummaa dawaa Aeeerikaatti to’atan jalqaba torban kanaatti talaallin Moodernaa % 94 milka’aa fi namarraan miidhaa kan hin geenye ta’uusaa ibsaniiru.
Buulchiinsi to’annoo Dawaa fi Soorataa battaluma hayyamameen Ameerikaan talaallicha dooziii miliyoona 200 akka argattu himaniiru.
Ogeeyyii dhimma talaallichaarratti mariyatan keessaa tokko kan ta’anii fi hojii gaggeessaan kollleejjii Meedikaalaa Tiinisiitti argamu Dr Jeemsi Hildiriiz, talaalliin kennamuuf qopha’e lama ammatti qabaachuun galma ga’iinsa guddaa ta’uu dubbatan.
Talaallicha maaltu Pfizer irraa adda godha?
Talaalliin Moodeernaa geejjibuuf diilalla -20C ta’e kan barbaadu yoo ta’u, haalli qorriinsa kun dilaalla kottolleeessuun idilee qabutti dhiyaata.
Talaalliin Pfizer garuu geejjibuuf dilaalla -75C barbaachisa, akkasumallee haalli loojistikii geejjibaaf barbaachisu caalatti rakkisaadha jedhame.
Biyyoota Kam fa’aatu talaallii Modernaa ajajate?
Kanaadaan doozii miliyoona 56 barbaadduu keessaa doozii miliyoona lama amma ji’a Bitootessaa bara 2021tti argachuuf karoorsitetti.
UK’n immoo talaallii Moodernaa doozii miliyoona torba fudhachuuf ajajjeetti.
Gamtaan Awurooppaa doozii miliyoona 80tti bituuf ji’a darbe walii galuun ni yaadatama.
Akkasumallee, Jaappaan doozii miliyoona 50, Kooriyaan Kibbaa doozii miliyoona 20 fi Siwizerlaand immoo doozii 7.5 biyyoota bitachuuf ajajatan ta’u ragaan yuunvarsiitii Duuk kan agarsiisu.















