Lola Tigraay: Yaadannoo gaazexeessituu raadiyoo DW Sudaanitti baqattee jirtuu

Madda suuraa, Getty Images
Gaazexessituun sababii lola naannoo Tigraay Sudaanitti baqachuuf dirqamte, attamiin jireenya baqattummaaf saaxilamuun mooraa baqattootaa Sudaan keessaa akka seentee fi imala ishee akkasiin BBCtti himte.
Gaazexeessituun nageenya isheef jecha maqaan akka dhokatuf gaafattee akkasiin udannoo ishee eegalti.

Dhaladhee kanan guddadhe lixa Tigraay Magaalaa Humaraa keessatti. Hanga baatii tokko duraattis riipportara buufata raadiyoo Dimtsa Wayaaneen ture.
Maatii sadarkaa jireenyaa lammii Itoophiyaa kaaniin wal fakkaatu keessattiin guddadhe.
Magaalaa keenya keessa namoonni saba Tigree, Oromoo, Amaaraa fi kan biyya akka Sudaanii fi Naayijeriyaa osoo hin hafne nagaan waliin jiraatu.
Jaalalaafi kabaja olaanaas walii qabna turre.


Humaraan akka gammoojjii jannataatti beekamti. Qabeenyaawwan hedduufi lafa qonnaa ballaatu jira.
Kanaafu, tibba bonaatti naannoo Amaaraa fi iddoowwan biraa irraa hojjatoota kuma dhibbaan lakkaa'amantu gara sana dhufa.
Magaalaa sochiin diinagdee itti heddummaatuudha.
Onkoloolessa 18 irratti, hayyama waggaa kiyya fudhadheen Maqalee irraa maatii kiyya bira Humaraatti imale.
'Waraanni waan hin oolle...'
Yeroo boqonnaa kiyyatti maatii fi hiriyoota waliin dabarsuuf abdadheen ture. Sadaasa 19 gara hojii kiyyatti deebii'uufan ture.
Dhugaattis jalqaba boqonnaa kiyyaatti maatii fi hirriyoota kiyya waliin yeroo gaarii dabarseera.
Haata'u malee, mootummaa federaalaa fi TPLF kan naannoo Tigraay hogganu jidduutti muddamni cimaa dhufuu hubanne.
Guyyaa tokko hogganaan mootummaa naannoo Tigraay yeroo nanaa Dabratsiyoon Gabramikaa'eel ibsi miidiyaaf kennee TV naannichaatiin darbe nu rifaasise.
'Wanti hundu xumurameera. Ummanni Tigraay qophii barbaachisuu taasisuu qaba' wayita jedhuun dhagahe.
Waraanni ummata irratti gaggeeffamuun waan hin olle akka ta'e naaf gale.
Dabratsiyoon yeroo ibsa kennu hunda 'qophaa'aa' jedha ture. Garuu kan guyyaa sanaa baay'ee cimaa fi adda ture.
Kanaafuu, hiriyoota kiyya Maqalee jiranitti bilbileen, waa'ee ibsa kana gaafadhe. Nutis 'jechi isaa ammaa ni sodaachisa. Maaltuu ta'uuf jiraa?' jenne.
'Leenjii loltootaa ta'uu mala'
Isaan boodas yeroo dheeraa hin fudhanne. Halkanuma sana dhukaasni rasaasaa eegalame.
Ibsa Dabratsiyooniin baay'een jeeqamee ture. Ergasii baay'ee hin rafnen ture.
Halkan sa'aatii 8 irratti ka'ee bilbila kiyya yoon ilaalu, ergaan barreeffamaa hedduu hiriyoota kiyya Maqaleerraa naaf ergameera.
Wanti ta'aa ture waan naa hin galiinif, kaaniif deebii kennuun yaale.
Garuu networkiin akka hin hojjannen hubadhe. Sararri bilbilaa fi intarneetii battaluma sanatti kutameera.
Obboleessa kiyya angafaa maaltu ta'aa jiraa? jedheen gaafadhe. Innis 'hin beeku, leenjii loltootaa ta'uu mala haa rafnu' naan jedhee rafne.
Garuu barii kan dhageenye waan addaati. Ministirri Muummee tarkaanfii waraanaa TPLF irratti akka fudhatamuuf ajaja dabarsaniiru.
Erga lolli labsamee torban booda, fira kiyya hospitaala Kahsaay Abaraa keessatti wal'aansarra jiru gaafachuun deeme.
Battalumatti dhukaasa cimaa gama ollaa Eertiraatiin dhufu dhagahuu eegalle.
Namni hundi naasuun guutame, jiraattonnis gariin battalumatti dhokkachuuf gara baadiyaatti baqatan.
Manni kiyya magaalaarra fagoo fi gara daangaa Eertiraatti dhiyoo ture. Kanaafu gara mana haadha kiyyaattin fiigaa ture.
Namoonni garuu gara dhukaasaatti fiigaa jirta naan jechuun na akeekkachisaa turan.
Garuu haadha kiyya bira gahuu waanan barbaadeef fiiguun itti fufe. Yoon qaqqabus, sayyuuwwan kiyyaa fi ijoollee wasiillan kiyyaa waliin nyaata erga nuuf kennameen booda, 'amma asii bahuu qabdu' nuun jedhan maatiin kenya.
Kanaafuu gara bataskaana Mikaa'eelaa dhiheenyatti argamutti baqachuun achi dhokanne.
Baqannaa
Garuu dhukaasni cimaan ittuma fufe. Dhukaasni muraasni magaalaa keessa qubatullee, akkan yaaduutti kan isaan irratti xiyyeeffatan buufata Humna Addaa Tigraay dhiyeenyatti argamu ture.
Guyyaa sana bataskaanuma keessatti kadhataa hanga halkan keessaa sa'atii afuriitti dabarsine.
Gama biraatiin ammoo obboleessi kiyya hangafaa loonii fi midhaan eeguuf goodaa ture. Galgala nu barbaacha bataskaanicha dhufee ijoollee isaas arge.
Garuu 'ka'aa gara Sudaaniitti baqadhaa' nuun jedhe. Osoo maatii keenyatti nagaa hin dhaamin gara magaalaa daangaa kan taatee Diimaatti doqdoqeedhaan nu geesse, halkan achitti dabarsine.
Humaraan daangaa Eeritraa fi Sudaan irraa baay'ee fagoo hin jirtu.
Kanaafuu ammalleen dhukaasa meeshaalee gurguddoo gara Humaraatti dhuka'u inuma dhageenya ture.
Yeroo kana waa'ee maatii kiyyaa baay'ee yaadda'uun eegale. Daangaa Eertiraatti dhiyoo turan.
Mana jireenyaa maatii keenyaa duuba kaampiiwwan Humna Addaa Tigraay hedduutu ture. Garuu filannoo tokko malee gara Haamdaayit, Sudaan baqadhe.
Guyyaa jalqabaa achi geenyeetti baqattoonni dhufan baay'ee waan turaniif hanqinni dhiyyeessii mudate ture.
Magaalaan kunis Humaraa irraa baay'ee fagoo waan hin taaneef, waanuma daangaadhuma qofaan adda baanu fakkaata.


Ammas kaampichuma keessan jira. Yeroo tokko tokko gaazexessitootaa fi qaamolee biraa daawwannaaf buufaticha dhufaniifan haala mijjeessa.
Asitti namoonni hedduun dhiphina sammuu rakkataa jiru.
Tibba waraana Itiyoo-Eertiraa ani daa'ima waggaa shaniin ture. Garuu yeroo hundan yaadhadha.
'Baqattuun ta'a jedhee gonkumaa hin yaadne'
Maatiin kiyya bara jireenya isaanii guutuu waraanaa fi walitti bu'insaan dabarsan. Garuu bakka jireenyaa isaanii hin buqqaane ture.
Har'a garuu Humaraan sababii lolaatiin bakka addaa taatee jirti. Jiraattoonni ishee hedduun buqqa'anii, manneenis gubatanii qabeenyaanillee hatameera.
Akkuma bilbilli deebi'een maal keessa akka jiran hubachuuf firoota kiyyaaf bilbileen ture. Nagaa ta'u natti himan.
Tigraayiitti lolli karra maatii hundaa seeneera. Lolli gaarii miti. Hundi keenya yaadannoo sana qabna.
Ani baqattuu ta'ee buufata baqattootaa Haamdaayit keessattiin of arga jedhee gonkumaa yaadee hin beku ture.
Wayita namoonni du'an argeera. Waanan arge sana akkan itti dagadhu hin beeku.
Seenaa namoota sababii waraana Siriyaatiin miidhamanii ilaalaa fi dhagahaan ture. Innis kan addunyaa kanarratti eenyuunuu akka mudatu hin barbaadneedha. Baayyeen gadda.
Namoonni dahannoo baqattotaa yeroo kana keessatti argamanis gara lafa jireenyaa isaaniitti deebii'uuf abdachaa jiru.
Namoota Daanshaa irraa dhufan keessaa hirriyoota muraasa argadheera. Tibba lolaatti ajjeechaa fi dararaa hedduu argu natti himan.
Akka gaazexeessituutti waan guyyaatti arguu fi na mudatan qabachuuf, waraabduu sagalee fi waraqaa yaadannoon qaba ture.
Yeroo hundas suuraalee bilbila harkaa kiyyaan kaasuun jaaladha.
Garuu wayita gara bataskaanaatti fiigne sanatti, booda gara maatii nan deebii'a jedhee waanan yaadee tureef bilbila kiyya manattiin dhiisee bahe.
Booda guyyoota 10n boodan obboleessa kiyya irraa bilbila argadhe.
Kanaafuu miirawwan guyyoota jalqabaa muraasa turan qabachuu dhiisuu kiyyatti baay'een gadda. Garuu ammoo hundumaa sammuu kiyya keessaa qaba.
'Lolaan dura jiruun bareeda turte'
Wayita Dabratsiyoon 'kallattii hundaanu qophaa'aa' jedheetti, maal jechuu akka ture naaf hin galle ture.
Waan akka kanaa ni ta'a jedhees hin yaadne ture. Kanaaf baankiidhaa illeen maallaqa hin baafanne.
Wayitan Maqalee tureetti barii sa'aatii 11tti ka'een sa'aatii tokkoof fiigan ture.
Torbaniitti guyyoota jahaaf waanan hojjadhuuf guyyaa Dilbataa yeroo hunda Tigraay bakkeewwan adda addaa keessan miilaan deema ture. Lolaan dura jiruun baay'ee bareeda turte.
Amma garuu sababii haalli as jiru hin mijanneefu sochii qaamaas ta'ee fiiguu hin danda'u.
Guyyaa guutuu buufaticha keessa ta'ee yaadda'udhumaanan dabarsa.
Tigraay keessaan baha jedhees gonkumaa yaadee hin beeku. Kanaafuu paaspoortiillee hin qabu.
Gara biyyaa deebi'ee ummata gargaaruun barbaada. Deebi'ee ogummaa gaazexeessummaa kiyyaan hojjachuun barbaada.
Lolaan dura, karoorawwan hedduun qaban ture. Digrii kiyya lammaaffa barachuu, mana ijaarachuu fi waan biraa hedduun yaadaa ture.
Waanan baay'ee ijoollee ta'eef abdii gaarin fuuldura kiyya akka jirutu natti mul'ata ture.
Ammalleen, boru biiftuun abdii akka nuuf baatee abjuun keenyas fiixaan bahun abdadha.
Wanti amma na mudate kunis akka carraa isa egeree gaariitti na ceesisuuttin fudhachuu barbaada.















