Namtichi haadha warraa waldhabe erga 450km miilaan deemee booda deebifame

Madda suuraa, Getty Images
Namni lammiin Xaaliyaanii tokko erga haadha warraasaan waldhabee booda qilleensa fudhachuuf ala bahe erga 450km miilaan deeme booda deebifame.
Sababa kanaaf lammiileen Xaaliyaanii miidiyaa hawaasummaa gubbaa maqaa masoo ''Forrest Gump'' jedhu itti moggaasaniiru.
Kunis, fiilmii bara 1994 bahe kan Tom Haankis taatoo ta'e irratti hirmaateefi Ameerikaa keessa fageenya hedduu kan fiige yaadachuun.
Poolisiin nama kana halkan sa'aatii saddeetitti bakka Faanoo jedhamutti osoo miilaan deemuu dhaabsise. Kunis, erga Komoodhaa manaasaatii bahe torban tokko booda jechaadha.
Abbaan warraa ganna 48 kun uggura koronaavaayirasii to'achuuf bahe cabsuun dolaara 485 adabameera.
Oduun kun jalqaba gaazexaa buufata isaa Bolonyaa godhate, Il Resto del Carlino'n gabaafamus booda garuu miidiyaalee biyyattiirratti ijoo dubbii ta'eera.
Kanneen yaada isaanii miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreessan abbaa warraa kana goota jechuun isa adabame qeeqaniiru. Kanneen keessaa tokko, badhaasa malee adabbiin hin maluf jechuun kopheen kennamuuf qaba ture jedhe.
Namni kaan immoo ishee waliin walitti bu'uun miidhaan biraa dhaqqabuurra ala bahee miilaan adeemuu isaa akka jaje ibse.
Abbaan warraa ''adaandii hanga sanaa miilaaniin dhufe, geejjiba hin fayyadamne,'' jechuun poolisiitti hime.
Karaarratti namoonni nyaataafi dhugaatii akka kennaniif hime. ''Xiqqoo dadhabbii qaba malee nagaan qaba,'' jechuun poolisiitti dubbate.

Abbaan warraa haadha warraan waldhabe kuni guyyaatti giddugaleessaan 60km miilaan deemeera.
Poolisiin osoo namichi galgala itti qorree ofumaa asiifi achi adeemu akka isa argate ibse.
Erga waraqaa eenyummeessaa isaa daataa beezii keessa qoratan booda haati warraa isaa akka bade poolisiitti beeksisuu ishee baran.
Ergasii ishee dubbisanii dhuftee isa fudhatte.
Adabbii poolisiin isa adabeef waan jette miidiyaaleen Xaaliyaanii waan gabaasan hin qabani.
















