Miidhaa dubartootaa: ‘Abbaa warraa haadha warraasaa reebu arguun waan baratame ture’

Iraanitti dubartoonni miidhaa abbaan manaa isaanii irraan gahu akka dhoksan barbaadama

Madda suuraa, AFP

Maariyaam yeroo abbaan warraashee ummata keessatti ishee reebe wanta ta'e yeroo yaadattee ibsitu sagalen ishee ni hollata.

“Abbaan warraa haadha warraasaa reebuun akka waan baratametti ilaalu ture namoonni. Seerri hin jiru, manni itti dhokattu hin jiru, akkasumas poolisiinis homaa hin godhu. Maatiin muraasni akka waan ammayyoomanitti yaaduun, ‘Dhimma dhuunfaati’.”

Seenaashee biyyashee Iraan keessatti hagas hunda hin dhagahamne, ta’us garuu erga poodkaastiin haaraa hundaa’ee booda dubartoonni akka ishee hedduu miidhaa mana keessaatti isaanirra gahaa ture dubbataa jiru.

Isaanis waan isaanirra gahu akka dubbataniif Maariyaamitu kakaaseen. Maariyaam maqaan ishee isa sirrii miti.

‘Dhimma maatii’

Maariyamaa umuniin ishee ganna 34 yoo ta'u, abbaa warraashee ishee waliin yunivarsiititti Xiinsammuu Daa’imanii baratte.

Maariyamaa nama jaallattetti heerumuuf jecha maatiishee Tehraan jiran dhiiftee deemte.

Yeroo sanitti namni kun ilaalchi isaa gaarii, akkasumas mirga hojjattootaaf quuqama jetteeti kan isaaf jettee maatiishee dhiifte.

Ta’us garuu erga gaa’elatti galtee booda wantoonni akka isheen yaadde ta’uu dide.

Maariyamaa miidhaa xiinsammuufi qaamaa irra gahaa ture danda’aa turte. Wanti haalicha hammeessu ammoo rakkoolee uumamaniif sababni ishee akka taatetti amaname.

Akkuma dubartoota Iraan keessaa heddutti Maariyaamis aadaa baratame keessatti guddatte: “Dubartiin mana dhiiraa uffannaa cidhaa adiitiin seentee uffannaa biraa adiin baati.”

Maaryimaa akka jettutti aadaan hawaasa biratti bal’inaan baratame gaa’ela ishee keessaa saffisaan akka hin baaneef sababa ta’eera.

Lammileen Iraan baay’een isaanii namoota kophaasaanii ta’uu barbaadaniifi dhimmoota maatii manuma keessatti xumuraniidha.

Kanarraa kan ka’e miidhaan mana keessaa manneen heddutti kan raawwatamuufi dubartoonnis akka cal’isaniif jajjabeeffamu.

Maariyaamis erga baay’ee reebamtee hospitaala galtee booda gaa’elashee dhiiftee keessaa bahuuf murteessite.

Erga hospitaalatti yaala argattee booda abbaa warraashee waliin wal hiikuuf murteessite.

Wanni gaariinsaa maatiishee murteeshee gargaraanii turan – namoonni miidhaan irra gahe hunda miti kan maatiisaaniirraa gargarsaa argatan.

Seeraa haaraa?

Poodkaastichi seenaa namoota dhuunfaa tatamsaasuun alatti miidhaa mana keessatti dubartootarra gahu qorachuuf hanqina seeraa biraa jirachuus ni qorata.

Gabaasni mootummaan Iraan miidhaa dubartootarratti baase waggoota 16 dura ture; innis dubartoonni Iraan lama sadaffaan isaanii jireenyasaanii keessatti al-tokkollee ta’u miidhaan mana keessaa isaanirra gaha.

Aminsitii Intarnaashinaal gabaasa bara 2013 dubartoota Iraan irratti hojjateen, “dubartoonni Iraan seerota gaa’elaafi hiikkaa, dhaalaa, gargaarsa daa’immanii, lammummaafi imala idil-addunyaarratti loogiin irra gaha.”

Erga intalli takka abbaasheetiin ajjeefamtee booda Pireezidaant Hasan Roohaaniin seerri miidhaa dubartootaarratti xiyyeefate irra deebiin akka ilaalamu ajajanii turan.

Seerri kunis erga ragga’ee booda waggoonni kudhan darbaniiru.

Seerri kunis irra deebiin ilaalamee hojiirra oolfamuuf paarlamaa biyyattitti dhiyaatee ragga’uu qaba. Yoo ragga’e qabsoo bara 1979 booda mirga dubartootaarratti jijjiirama guddaa fiduu danda’a.

Seerichis miidhaa qaamaa akka yakkatti ilaala, yeroo jalqabaafis qoccollaa hawaasa keessaa fi miidiyaalee hawaasummarratti raawwatamuuf adabbii qaba.

Maariyaam eega abbaa warraasheetiin gargar baatee waggoota shan ta’eera, ammatti gammachuu akka qabdu dubbatti.

Poodkaastiin cinatti Maariyaam dubartoota miidhaan irra gaheef gorsa kenniti.