Miidhaa mana keessaa: "Gaa'elakoo keessatti akkan garba ta'etti natti dhaga'ama ture"

Madda suuraa, Getty Images
Soomiyaa Basaar dubartii lammii Indiyaadha. Umuriin ishee ganna 36 yoo tahu, nama miidhaa mana keessaa jalaa ooledha ofiin jetti.
Biyyashee, maatiishee, aadaasheefi eenyummaa ofiisheerraa fagaachuun amma baqattummaan Ingiliiz keessa kan jiraattu.
Jireenyi gaa'elaa isheen Si'olitti na jalaa jijjiirame jettu yeroo umuriin ishee waggaa 19 ture ishee jalqabe.
Magaalaa Mumbaay keessatti ture abbaa warraashee lammii Ingilizii ta'e waliin kan bultoo ijaarratan. Yeroo bultoo ijaarratan sanatti gadi fageenyaanis wal hin beekan ture.
"Yaadan waa'ee gaa'elaa irratti qabu hiika na jalaa dhabe. Jireenyi na harkaa bittinnaa'e. Akkan garba ta'etti kan natti dhagahamuu kan jalqabees battaluma sanatti ture," jetti Soomiyaan.
Mana keessatti akka hojjettuutti, kan ijjoollee eegdu, kan nyaata bilcheessitu akkasumas akka jecha isheetti "akka meeshaa ijoollee omishuutti na ilaaluu jalqabe," jetti.
Kanaan hin dhaabbannes. Haalli hammaataa dhufee miidhaan qaamaa kan akka reebamuu, miidhaa qoor-qalbii irraan gahuu akka jalqabe himti Soomiyaan. Abbaan manaashee kun maallaqallee dhowwachuu akka jalqabes ni dubbatti.
"Miidhaan hangan yaaduun ol narran gahaa ture. Guutummaan jireenyakoo to'annaadhuma isaa jala ture," jechuun hadheeffattee ibsiti haala keessa turte.
Ijoolleesheetiif jecha waggoota dheeraatdhaaf miidhaawwaniifi hacuuccaa mana keessatti isheerra gahu obsuudhaan dabarsaa turteetti.
"Haati ilmoosheetiif jecha waraanamti," akkuma jedhamu sana Soomiyaan abbaan warraashee kun ' yoo na dhiistee deemte ijoolleekee deebitee hin argitu, sirraan fudhadha' jechuudhaa sodaachisaa tureera.
Sababii kanaanis jireenya gaa'elaa "si'ool" jettu kana keessa turteetti.
Waggoota kudhan gidiraa keessa erga turteen booda abbaa warraashee kana waliin wal hiikuu akka qabdu murteessite. Akkuma murteessiteenis yeroo qabatamaan hojiitti hiiktu manni murtiis ijoolleen ishee sadan akka isheef kennaman murteesseef.
Haata'u malee abbaan warraashees ijoolleeshee sadan kanneen fudhatee gara biyya Ingiliziitti baqate. Kun ammoo sadarkaa ibsuu hin dandeenyeen hamilee ishee cabsuu dubbatti Soomiyaan.
Ijoolleeshee kana deebifachuudhaaf baatiiwwan hedduudhaaf carraaqaa kan turte yoo ta'u, yeroo abdii kuttee turteetti dhaabbanni gargaarsaa dubartoota mana keessatti miidhaan irra gahu tumsu Saawuzhool Bilaak Siisters jedhamu tokko ishee qaqqabe.

Madda suuraa, Somiya Basar
Sababa gargaarsa dhaabbata kanaan ijoolleeshee arguu dandeesseetti. Osoo gargaarsi dhaabbata kanaa ishee hin qaqqabnee biyya Ingiliiz deemtee ijoolleeshee ijaan arguu akka hin dandeenye dubbatti.
Soomiyaan baqattuu waan taateef biyya Ingiliiz keessatti qaama mootummaa dubartoota miidhaan mana keessaa irra gaheef gargaarsa taasisu irraa tumsa argachuu hin dandeenye.
"Haalli kun ammoo caalaatti akkan rakkoo hamaaf saaxilamu na taasisa, inni na miidhus haala rakkisaa ani keessa jiru kana hubachuun karaa gara agaraa miidhaa narraan geesisuu danda'a," jechuun dubbatti.
Dhiyeenya kanas haala keessa jirtu ibsachuudhaaf Paarlaamaa Ingiliiz irratti dhiyaattee gidiraa isheefi namoota akka isheerra gahu dubbatteetti.
Sirni biyya Ingiliiz keessa jiru dubartoota baqattoota ta'an kan diidaa qabuufi warreen miidhaan irra gahus gargaarsa argachuu akka hin dandeenye dhugaa baateetti.
Dhiyeenya kana warreen mirgoota namoomaaf falman dubartoota miidhaan irra gaheef eegumsi akka taasifamuuf kan taasisu mootummaan wixinee seeraa wixinee seeraa akka raggaasisuuf gaafachaa jiru.
Biiroon dhimmoota baqattootaa ol-aantummaan hordofu gama isaatiin wixineen seeraa kun raggaasifamnaan jijjiirama bu'uuraa argamsiisuu danda'ajedhanii amanu. Wixineen seeraa miidhaa mana keessaa ilaallatu tibba kana ni dhiyaata jedhamees eegamaa jira.
Bara kana keessas, deeggarsi Dolaarri Miliyoona lama dhaabbilee dubartoota miidhaan irra gahee garuu gargaarsa argachuu hin dandeenyeef tumsaaniif mootummaan akka gargaarsa kennu murtaa'eera.

Madda suuraa, Somiya Basar
Soomiyaa Basaar kana waliin walii ni galti. Wixineen seeraa kun ragga'ee jennaan dubartoota miidhaan irra gahe kamiyyu kan gargaaru ta'a abdii jedhu qabdi.
"Gargaarsa argachuudhaaf ulaagaa bu'uuraan barbaachisu dubartii miidhaan irra gahe ta'uu qofa kan barbaachisu ta'uu qaba. Biyya kamirrayyu dhufnu tumsi kan nu barbaachisu taanaan argachuun nurra jira," jetti Soomiyaan.
















