Haati ilma waggaa 30 manaa akka hin baane godhan jedhaman bilisa bahan

Poolisiin mana qorataa jira

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin mana qorataa jira

Abbotiin alangaa Iswiidin dubartii ilma ishee manatti hidhuun himatamtee turte, ragaan ilmi ishee humnaan fedhii isaa malee mana keessa tursiifamuu agarsiisu hin jiru jechuun himannicha kuffisaniiru.

"Ragaa inni humnaan mana tursiifamuu isaa, hidhamuu isaa ykn akka hin baaneef dhorkamuu isaa agarsiisu homaa hin arganne. Bakki itti cufame jiraachuu isaafis ragaan hin jiru," jechuun haati alangaa Emaa Olsan AFPtti himteetti.

"Namichis ofiisaa manichaa ba'uu yoo barbaade mirgaa isaa ta'uu himeera," jetteetti.

"Ga'eessadhaa utuu barbaadee deemuu danda'a," jechuun namoootni takka takka bakkeetti akka isa arganis ragaa ba'uu eerteetti.

Dabaluunis, miidhaan qaama namicharra ga'eeru sababa dararaan ta'uu dhiisu danda'a jetteetti.

Poolisiin Iswiidin haadha ilma ishee mana magaalaa Istookolmi jiru tokko keessa gara waggaa soddomaaf tursuun shakkamte jechuun to'atee ture.

Ilma ishee amma ganna 40 qaamni isaa miidhame gadadoo keessa utuu jiraatu argame kanarra miidhaa geessissuufi sobaan hiidhuun shakkaman.

Namichi kun kan argame Dilbata yeroo harmeen isaa dhukkubsatte hospitaala seentetti firri ishee mana sana yemmu deemtedha.

Namichi amma miidhama isaaf wal’aansi baqaqsanii hodhuu taasifamaafi jira.

Silaa dubartiin yakkamaa taate hidhaa hanga wagga 10’n adabamuu dandeessi jedha poolisiin.

Ilmi ishee akkamiin argame?

Firri ishee namicha kana argatte obboleetti isaa ta’uu himuun harmeen kun dhukkubsachuu ishee yemmu dhageessu manicha hiriyyaa ishee waliin akka deemte miidiyaa Iswiidishitti himteetti.

Mana sanatti yeroo dargaggeetti turte kan baate yoo ta’u erga sanaa obboleessa ishee waliin akka wal hin agarre SVT’tti himteetti.

Ijoollee taate haala qabiinsa mucichaa sanaa kan yeroo ganna 11 ykn 12 turtetti mana baruumsaa baafame irratti angaa’oota beeksisuu yaalte kan turte ta’uu himti.

Mana cufame sana bantee yemmuu seentu, kutaan sun dukkana akka tureefi foolii fiincaanii, koosii fi waan du’aa akka qabu ture himti. “Heloo” jettee yoo waamtus deebii waan hin arganneef, calliistee akka seente himti.

Boodarra kutaa nyaata keessa nama dukkana keessa ta’ee jiru kan miilli isaa hanga jilba isaatti madaan guutee taa’e agarte.

Poolisii

Madda suuraa, EPA

Yeroo ishee argatti ol ka’ee maqaa ishee irra deddeebiin haasase. Ilkaan isaa gara caalu akka hin qabnee fi sagaleen isaas xiqqaataa ta’u gazeexaa kanatti himteetti.

Waggooti kana booda ishee baruu isaafi akka ishee hin soddaanne dubbatti.

Namichi kun boodarra hospitaala geeffameera.

Haati Alangaa Emaa Olsoon odeeffannoo dabalataa osoo hin kenniin namichi kun yaaliin baqaqsanii hodhuu akka isa barbaachise Rooyitarsitti himteetti.

Waa’ee hariiroo isaanii maal beekna?

Haati amma to'annoo jala oolan ijoollummaatti ilma du'aan dhabanii gaddanii turan jetti obboleettiin nama manatti argame.

Yeroo lammata da'an, ilma isaaniif kanaaf maqaa mucaa duraa du'een moggaasan. Ilma ishee isa du’e lubbuun akka jiraatu barbaadde isa kanaa akka malee akka of eeggattuuf gochuu dubbatti.

“Amma gargaarsa argatee, lubbuun waan ooluuf gammadeera,” jechuun firri isaa Expressen’tti himteetti.